Taphni Waancaa Kubbaa miilaa Afrikaa ittuma fufee jira

Finfinnee: ALA bara 1957 magaalaa guddoo Sudaan, Kaartumitti kan jalqabame Waancaan Kubbaa Miilaa Afrikaa waggoota 67 lakkofsiiseera. Waggoota kanneen keessatti osoo addaan hincitiin haala miidhagaadhaan adeemsifameera.

Qopheessummaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa “CAF”n biyyoota Misir, Itoophiyaa, Sudaaniifi Afrikaa Kibbaa jiddutti kan jalqabame waancaa kubbaa miilaa Afrikaa isa jalqabaa tapha maahessaatti Misir Itoophiyaa 4-0n mo’achuun fudhatteetti.

Biyyoota afur jidduutti kan jalqabame waancaan kubbaa miilaa Afrikaa kun miseensoonni isaa dabalaa dhufuudhaan ammaan tana biyyoonni Afrikaa martinu walmorkiiwwan gulaalaa irratti ni hirmaatu. Walmorkiin kun baranas yeroo 34ffaaf Amajjii 4 bara 2016 keessummeessummaa Kootdivaariin istaadiyoomota shan magaaloota jaha keessatti argamanitti adeemsifamaa jira.

Dargaggoota Afrikaa urjiiwwan kilaboota biyyoota adda addaatti taphatan gaaddisa tokko jalatti walitti kan fide Waancaan Kubbaa Miilaa Afrikaa kun guyyaa guyyaadhaan sagantaan baheefi adeemsifamaa jira. Qopheessituu waancaa Kootdivaar dabalatee biyyoonni 24 ramaddii jahatti qoodamuun hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, hanga kaleessatti taphoonni 15 taasifamaniiru. Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifaman kanatti walumaagalatti galchoonni 38 kiyyoodhaan wal arganiiru.

Ramaddii tokkoffaarraa keessumeessituun waancaa Kootdivaar Giinii Bisaawoo 2-0n mo’attuus Naayijeeriyaan 1-0n mo’amteetti. Ramaddiidhuma kanarraa Naayijeeriyaa wajjiin 1-1 adda kan baate Ikuwaatoriyaal Giiniin tapha lammaffaatti Giinii Bisaawoo 4-2n gaggeesuudhaan ramaddicha dursaa jirti.

Ramaddii lammaffaarraa Gaanaan Keepvardii 2-1n mo’attee Misir wajiin 2-2n adda bahuudhaan qabxii afuriin dursaa jirti. Qabxiin isaanii maxxansaaf nu qaqabu baatus Gaambiyaa 3-0n kan mo’atte Seeneegaal Kaameeruun wajjiin kaleessa taphaniiru. Seeneegaal Shaampiyoona waancaa 33ffaa ta’uun ishees kan yaadatamudha.

 Akkasumas, Morookoon Taanzaaniyaa 3-0n yoo mo’attu, Kaameerunifi Giinii Koonaakirii, Aljeeriyaafi Angoolaan, Riippaabilika Dimokraatawaa Koongoon Zaambiyaa wajjin haaluma wal fakkaatun 1-1n adda yoo bahan, Burkinaa Faasoo Mooritaaniyaa, Naamiibiyaan Tuuniziyaa qabxii wal fakkaatuun 1-0n mo’ataniiru. Qabxiin isaanii maxxansaaf nuu qaqqabu baatus kaleessa Keepvardii fi Moozaambik, Giinii Konaakiriifi Gaambiyaan taphataniiru.

Walmorkiin kun itti fufuudhaan borus Aljeeriyaan Burkiinaa Faasoo wajjin, Mooritaaniyaan Angoolaa wajjiin akka taphatan sagantaan koree waldorgommii Konfedereeshina Kubbaa Miilaa Afrikaa baaserraa beekuun danda’ameera.

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 11/ 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Taphni Waancaa Kubbaa miilaa Afrikaa ittuma fufee jira”

  1. Pingback: dultogel promo
  2. Pingback: khao manee price

Comments are closed.