Humni Eletiriikii shaampiyoona qaxxaamura biyyaa ta’e

Finfinnee: Itoophiyaatti dorgommiin qaxxaamura biyyaa akka adeemsifamu yaadni kan dhihaate bara 1976 ture. Kunis kabaja hundeeffama waggaa 10ffaa Mootummaa Dargii sababeeffachuuni.

Bu’uruma kanaan dorgommiin qaxxaamura biyyooleessaa Amajjii 27 ALI bara 1976 dhaabbata ispoortii Jaan Meedaatti jalqabame. Yeroo dorgommiin jalqabaa kun biyya kanatti jalqabamuus Itoophiyaa dabalate Keeniyaa, Bulgaariyaa, Chikozilovaakiyaa, Jibuutii, Yamaniifi Xaaliyaanii irraa atileetonni 18 kan hirmaatan yoo ta’u, atileetonni Itoophiyaa kanneen biyyoota alaa osoo of jidduu hingalchiin 1-6 ba’uun mo’ataniiru.

Dorgommiin qaxxaamura biyyaa Jaan Meedaa kun beekamtii argachuun adeemsifamu erga jalqabee waggoota 40 ol lakkofsiiseera. Baranas yeroo 41ffaaf adeemsifameera. Dorgommicharrattis Itoophiyaa, Keeniyaa,Sudaaniifi Sudaan Kibbaa kan hirmaatan yoo ta’u, Atileetonni Itoophiyaa akkuma barame mo’achuun olaantummaa gonfataniiru.

Dorgommiin baranaa kun kan adeemsifames, dorgommii qaxxaamura biyyaa Afrikaa kan Amajii 25 bara 2024 magaalaa guddoo Tuuniziyaa, Tunizitti adeemsifamuufi dorgommii qaxxaamura biyyaa Addunyaa kan Beelgireed, Sarbiyaatti adeemsifamurraatti atileetoota Itoophiyaa bakka bu’an filachiisuufi.

Haaluma kanaan atileetonni tokkoffaadhaa hanga jahaffaa bahan ji’a kanarraa kaasee bakka tokkotti leenjii akka eegalan ibsameera. Dorgommii baranaa kanarratti atileetonnifi kilaboonni shaampiyoonaa ta’an waancaa, meedaaliyaafi qarshii badhaafamaniiru. Haaluma kanaan kilabni Humna Eletiriikii shaampiyoona qaxxaamura Biyyooleessaa Jaan Meedaa bara 2016 ta’uudhaan waancaawwan sadii fudhateera. Baankonni Itoophiyaa ammoo waancaawwan lama argachuun lammaffaa ta’eera.

Humni Elektirikii Itoophiyaa shaampiyoonaa kan ta’e fiigicha kiiloo meetira saddeetii dargaggootaa dhiiraan, fiigicha kiiloo meetira kudhanii beektootaa dhiiraafi dubaraan mo’achuusaatti. Baankoonni Itoophiyaa ammoo fiigicha kiiloo meetira saddeetii walmakaafi fiigicha kiiloo meetira jahaa dubartootaan mo’achuuni.

Dorgommii qaxxaamura biyyoolessaa Jaan Meedaa baranaa kanarratti naannooleen ciccimoo kanaan dura olaantummaadhaan beekaman barana hinmilkofne. Haa ta’u malee dorgommii baranaa kanaaf haarawaa kan ta’e atileetiin Magaalaa Shaggar Abeel Baqqalaa fiigicha kiiloo meetira saddeetiin akkasumas, beektootaan Bokii Dirribaa kiiloo meetira kudhaniin tokkoffaa ba’uun falmiin taasisan hawwataa ture.

Magaalaan Shaggar gareedhaanis ulee walharkaa fuudhuudhaan lammaffaa ta’uun meedaaliyaa meetii argachuun isaa kilabichi yeroo dhihoo keessatti hundaa’uun kilabootaafi naannoolee maqaa olaanaa qaban of duuba tarreessuun mo’achuun isaa fuulduraaf abdachiisaa taasiseeraan. Kanamalees, atileetonni Magaalaa Shaggar dorgommii qaxxaamura biyyaa Afrikaafi Addunyaa barana adeemsifamanirratti hirmaachuuf carraa argachuun isaanii muuxannoo gaarii argachuuf isaan gargaara jedhamee eegama.

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 11/ 2016

Recommended For You

One Comment to “ Humni Eletiriikii shaampiyoona qaxxaamura biyyaa ta’e”

Comments are closed.