Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa har’a eegalama

Finfinnee: Waancaa Addunyaatti aanee daawwattoota kubbaa miilaa Afrikaa biratti hawwii olaanaadhaan kan eegamu waancaan Afrikaa 34ffaan sirnaa miidhagaadhaan waaree boddee banamuuf sa’aatii muraasatu isa hafa.

Waancaa kubbaa miilaa yeroo lammaffaadhaaf kan keessumeessitu Kootdiivaar qophii isheerraa eegamu mara xumuruudhaan keessummoota ishee simattee keessummeessaa jirti.

Dargaggoota Afrikaa urjiiwwan gaaddisa tokko jalatti walitti qabuudhaan dirreewwan Kootdiivaaritti kan walitti fide taphni waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kun kanneen kanaan dura adeemsifaman caalaa qophii olaanaadhaan adeemsifama jedhamee eegama.

Haaluma kanaan waancaa baranaa kanarraatti dargaggoonni pirofeeshinaalota Afrikaa kanneen kilaboota ciccimoo Awurooppaaf taphatan waan hirmaataniif jaalattoonni kubbaa miilaa Afrikaas ta’u kan biyyoota adda addaa hawwii olaanaadhaan eegamaa jiru.

Gareewwan 24 ramaddii jahatti adda qoodamuudhaan kan irratti wal falman waancaan kubbaa miilaa Afrikaa baranaa kun Amajii 4 hanga Guraandhala 6 bara 2016 istaadiyoomota Kootdiivaar jaha keessatti akka adeemsifamus beekameera.

Shaampiyoonichi har’a kan banamu ramaddii tokkoffaarraa qopheessituun waancaa Kootdiivaariifi Naayijeeriyaa jidduutti adeemsifamuun akka ta’us sagantaan koree wal dorgommii Konfedereeshina kubbaa miilaa Afrikaa baase ni ibsa.

Walmorkiin guyyaa guyyaadhaan kan adeemsifamu yoo ta’u borus itti fufuudhaan ramaddii lammaffaarraa Misiriifi Mozaambik, Gaanaafi Keepvaardi ni taphatu. Iftaan ammoo ramaddii sadaffaarraa Senegaaliifi Gaambiyaan, Aljeeriyaafi Angoolaan ni taphatu.

Waancaa baranaa kanarratti biyyoota hirmaatan keessaa kanaan dura shaampiyoona ta’uudhaan kan beekaman Misir, Kaameeruun, Gaanaan, Naayijeeriyaan, Aljeeriyaafi qopheessituun waancaa Kootdiivaar, Riipaabilikiin Dimokiraatikii Koongoo, Zaambiyaan, Tuuniiziyaan, Senegaaliifi Morookoon waan argamaniif taphichi hawwii guddaan akka eegamu isa taasiseera.

Keessumattuu waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kanaan dura adeemsifaman 33n irratti hirmaachuudhaan yeroo torbaaf shaampiyoona kan taate Misir waancaa baranaa kanas yeroo saddeettaffaaf mo’achuudhaan ni fudhatti tilmaamni jedhus jira.

 Akkasumas dargaggootaan kan ijaaraman gareewwan Kaameeruun, Gaanaa, Naayijeeriyaafi Kootdiivaar gamasaaniitiin akka laayyootti waancaa kana gadi hin lakkisan jedhamaa jira.

Waancaa baranaa kana daawwachuuf keessummoonni biyyoota adda addaa,tuuristoonni, miidiyaan akkasumas leenjistoonni kilaboota Awurooppaa taphattoota filachuuf duraan dursanii gara Kootdiivaaritti imalaniiru.

 Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “ Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa har’a eegalama”

  1. Pingback: official site
  2. Pingback: cock
  3. Pingback: Biald Alrafidain

Comments are closed.