Dhalli namaa akka nama tokkootti jiraachuuf wantootni bu’uuraa kanneen akka nyaataa, uffataafi bakki jireenyaa isa barbaachisu. Wantootni bu’uuraa dhala namaaf barbaachisan kunneen yoo tattaafatanii hojjetan qofa argamu.
Hojii mootummaas ta’e dhuunfaa argachuun ammoo yeroo ammaa dorgommiidhaan kan guutameedha. Dorgommiiwwan taasifaman qaamolee gara garaa wajjin ta’uun ciminasaa daran hammeessaa jira.
Haalli waldorgommii kun biyya tokko qofa keessatti kan murtaa’u osoo hintaane guutummaadhuma addunyaattuu wanneen bu’uuraa guuttachuuf tattaaffii cimaatu taasifama.
Waantota jireenya keenyaaf barbaachisan kanneen guuttachuuf carraaqqiifi dorgommiin taasifamu yeroo ammaa dargaggoota addunyaa gidduutti daran dabalaa deemaa jira. Yoo fedhiin dhala namaa dabalaa deemellee leecalloon (resource) biyya lafaa murtaa’aadha. Kunimmoo dorgommii nuti olaantummaa fedhii keenyarratti qabaachuuf taasifnu daran hammeessaa jira.
Dorgommiiwwan armaan olitti tarreessine keessaa tokko rakkoo hoji dhabdummaadha. Hoji dhabdummaan qormaata biyyoota addunyaa hundaati. Rakkoowwan hojidhabdummmaatti aansee dhufan kan siyaasa, dinagdeefi hawaasummaan walqabatan waan ta’aniif biyya tokko keessa nagaafi tasgabbiin akka hinjiraanne taasisu.
Biyyootni dinagdeensaanii guddatellee rakkoo hojidhabdummaafi fayyadamummaa dargaggootaatiin yeroo hedduu nagaa akka dhaban beekamaadha. Kanaaf rakkoon hojidhabdummaa hudhaa biyyoota guddachaa jiranii qofa osoo hintaane kan warra kaaniis ta’uu hubachuun barbaachisaadha.
Baay’ina ummattoota addunyaa keessaa harka guddaa kan qabuufi saffisaan dabalaa jiru kan dargaggootaati. Keessumaa dargaggoonni Addunyaa jijjiiramaa (‘changing world’) keessa kan jiraatan waan ta’eef rakkoowwaniifi dhiibbaawwan gara garaatiif saaxilamoodha.
Kunimmoo dargaggootaaf haala mijataa hintaane (‘discomforting confusion’), yaaddoo egeree (perplexities) jireenyasaanii ilaaluun waantota araada nama qabsiisan kanneen baalawwan sammuu namaa hadoochaniifi dhugaatiiwwan alkooliif saaxilamu.
Kanarraa kan ka’es sodaa tokko malee badiiwwan qabeenya barbadeessuu, hangafoota ofiif kabaja kennuu dadhabuufi mootummaa biyya bulchu wajjin yommuu walitti bu’iinsa keessa galantu mul’ata.
Akkuma armaan olitti ilaalle addunyaan yeroo ammaa keessa jirru saffisaan jijjiiramaa jirti. Qaarominnishiis gama hundaan daran guddataa jira. Kana keessattis ga’een dargaggootaa olaanaadha.
Egaa oggaa gara waa’ee dargaggoota Itoophiyaatti deebinus baay’inni dargaggoota biyyattii dhibbantaadhaan gara harka 70fi isaa oli. Kana jechuun walakkaa baay’ina ummata biyya kanaatii ol jechuudha.
Kunimmoo miidhaas faayidaas qaba. Faayidaansaa yoo sirnaan ittifayyadamne lakkoofsi ummata hojii hojjetuu hangana baay’achuun faayidaa kan qabu yommuu ta’u, miidhaansaammoo dargaggoon hojii hojjetee jiraachuu barbaadu baay’achuun yoo hojiin
hojjetamu hinjiraanne innis biyyis rakkoo hamaaf saaxilamu.
Wanta hundi keenya irratti waliigaluu qabnu keessaa garuu baay’ina hanga kana ga’uuf hojiin kan hinuumamne ta’uusaati. Kunimmoo balaawwan hamoo kanneen akka dinagdee/ guddina biyyaa, siyaasaa, hawaasummaa, nageenyaafi kkf fa’iif isaanis biyyas kan saaxiluudha.
Yeroo waa’ee guddina biyya tokkoo haasofnu dhimmi dargaggoo kan biraa hafuu hindandeenye ta’uun beekamaadha. Sababnisaas dargaggoo jechuun humna misoomaa biyyi kamuu gara guddinaafi jijjiirama yaadamee bira ga’uuf adeemsa kamiinuu keessatti hirmaannaa dargaggoon ala mirkanaa’a jechuun kan yaadamu waan hintaaneefi.
Keessumaa kan biyya keenyaa yoo ilaalle baay’inni dargaggoota umriinsaanii waggaa 18- 29 keessa jiranii walakkaa baay’ina waliigalaa ummataatii ol waan ta’eef dargaggoo malee waa’ee misoomaa yaaduun abjuudha.
Seenaawwan yeroo dhiyoo dura keessumaa dargaggootni keessa darban yoo ilaalle, akka humna misoomaatti ilaalamaa hinturre. Yeroowwan gara garaatti dhiibbaawwan adda addaatiif saaxilamanii gidirfamaa akkasumas biyya ittidhalatanittis akka lammii lammaffaatti ilaalamaa turaniiru.
Sababoonni dhiibbaawwan kanneeniinis dargaggootni baay’een lubbuusaanii qaalii kan dhaban, miidhamni qaamaa kan irra ga’e hedduudha. Kanneen biroon ammoo qooda biyyasaanii keessatti hojjetanii guddachuu danda’an biyya ormaatti baqachuun harki caalu reeffasaanii gammoojjiiwwan biyyoota adda addaa keessatti allaattiin yoo nyaatu; warri carraa tolanii akka tasaa gara biyya biraatti ce’an ammoo achittis jireenya daran rakkisaa dabarsaa turaniiru.
Yeroo ammaa seenaa kana jijjiiruuf ciminaan itti deemamaa yoo jiraattellee ammallee haalonni tokko tokko hudhaa ta’uudhaan bu’aan hanga yaadame hinargamne. Sababuma kanaanis humni dargaggoo misooma, guddina, eegumsaafi biyyaaf gaachana ta’a jedhamee abdatame tokko tokko faallaa kanaatiin manneen araadaa, qumaaraafi suusii, hannaafi saamicharratti gurmaa’uun yaaddoo ta’eera. Rakkoowwan kunneenis deemanii deemanii haala walxaxaa yeroo ammaa biyyi keessa jirtuuf sababa ta’aa jiru.
Rakkoon hoji dhabdummaa rakkoo Itoophiyaa qofa akka hintaane hubachuunis gaariidha. Rakkoon hoji dhaddummaan walqabatee jiru addunyaa kanaafuu yaaddessaa ta’aa waan jiruuf dorgommiin hojii uumuuf hojii argachuu daran jabaatee ittifufeera. Hojiifi hoji dhabdummaan walqabatee biyyi keenya dhimma kanarratti xiyyeeffannaa guddaadhaan hojjechaa jirti.
Ta’us tarsiimoo mootummaan dhimma hoji dhabdummaaf baase haalaan qindeessanii deeggarsa barbaachisaa yeroo barbaachisaa ta’etti dargaggootaaf kennuurratti qaawwonni hedduun ni mul’atu.
Qaawwawwan kanneen keessaa inni guddaan rakkoo maxxantummaafi malaanmaltummaati. Yommuu kana jennu dargaggoota hojii keessa galchuuf mootummaan bajata qarshii miiliyoona hedduu ramadee yeroo sochii eegalutti raawwachiiftotni tokko tokko abbootii qabeenyaa dhuunfaa wajjin waliigaluun dargaggootni hojii keessa galanii akka hindorgomneef seera cabsanii faayidaa dhuunfaarratti hirkachuun dargaggoota carraa dhoowwatu hamiin jedhu jira.
Qaawwi inni biraan ittigaafatamummaa dhabuufi ofittummaadha. Kun kan dhimmi dargaggoo na galcha jechuu dhiisuun akkasumas qarshiin liqeeffamu baduu danda’a waan jedhuun rakkoo hoji dhabdummaa sana iddoo biraatti irraanfachuun teessuma ofiif haala mijeeffachuu qofaaf kanneen muudamanii imimmaan dargaggoo haati hiyyeessaafi abbaan hiyyeessaa rakkatanii barsiifatan alatti dhorkuun diina mootummaa taasisuun rakkoolee yeroo ammaa heddumminaan ka’aniif sababa kan ta’aa jiran qaama biraa osoo hintaane, ofittoo isa ta’e abbootiin taayitaa sadarkaa adda addaarra jiran rakkoo isaan uuman akka ta’eedha kan ibsamu.
Haaluma walfakkaatuun adeemsi sirna hojii uumuu dargaggootaa kun gubbaadhaa hanga gadiitti qajeelfama mataasaa yoo qabaatellee akkaataa qajeelfama mootummaatti hojiirra oolchuu dhadhabuun rakkoo dhabiinsa tasgabbii mudateef sababa ta’aa kan jiran qaama raawwachiiftuu sadarkaalee gara garaarra jiran keessumaa rakkoon aanaafi gandi naannawa kanatti uuman akka jiru dargaggoonni yeroo adda addaatti komii yoo kaasan mul’ata.
Gama biraatiin ammoo rakkoo guddaan gama dargaggoonis daran yaaddessaa ta’ee mul’atu haalaan sirreeffamuufi furamuu qabu jira. Rakkoo inni guddaan dargaggoo biratti mul’atu ilaalcha hojii mootummaa qofaa irratti maxxanaa ta’uudhaan waan ta’uufis waan hin taaneefis komii qofa kaasaa yeroo ofii gubuun kan itti mul’atuudha.
Kana malees ilaalchi, “Kun hojii xiqqaadha, ani hojii kana hinhojjedhu, namni maal naan jedhaa”fi kkf dha. Walumaagalatti hojii filachuufi tuffachuutu mul’ata jechuudha.
Kunimmoo umrii dargaggummaasaa keessatti akkaataa barnoota naaf ta’a jedhee filateen muuxannoo argaterraa fayyadamaa ta’uuf kaka’umsa mataasaatiin ofiisaa uumuudhaan sosocho’uutu irra jiraata malee hojii tuffachuufi hojii mootummaa eeguudhaan yeroosaa dargaggummaa qaalii of jalaa gubuudha.
Kanarratti keessumaa ilaalcha mindeeffamanii hojjechuu jedhu sammuu ofii keessaa balleessuun barbaachisaadha. Yeroo barnoota barannus waan dandeenyuuf, gara fuulduraatti nu gargaara jennee yaadnu qofa barannee irraa fayyadamoo ta’uufis ciminaan hojjechuun barbaachisaadha.
Kanarraa kan hafe akaakuu barnoota gabaarratti hinbarbaadamneefi dorgomaa hintaasifne barachuun, booda rakkoo nutti dhufu dursinee beekuun waan salphaatti ilaalamu ta’uu hinqabu. Yeroo baay’ee akaakuudhuma barnootaa daran barbaachisaa ta’an seenun keenya gahaa waan hintaaneef qabxii barbaachisaa galmeessisuunis dorgomaa waan nu taasisuuf yoo jabaannee qayyabanne, qabxii gaarii galmeessifne, harka namaa eeguurraa baraaramuu caalaayyuu iddoowwan hundaatti barbaachisummaan keenya ni dabala.
Kanaaf wanti salphaan erga eebbifamnee booda rakkachuurra dursinee waan gochuu qabnu gochuu dhiisuu keenyarraan kan ka’e rakkoo hojidhabdummaa nutti dhufuufi dorgomaa ta’uu dhabuudhaan akka hinsaaxilamneef asirratti ga’een dargaggoos olaanaadha.
Furmaata rakkoo hojidhabdummaa wajjin walqabatee mootummaan dameewwan adda addaatiin carraa hojii bal’inaan uumuufi keessumaa fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf hojjechaa jira, kana keessattis iftoominni akka jiraatuuf xiyyeefffannaan hojjetamaa jira jechuun Ministeerri Hojiifi Ogummaa beeksise.
Walumaagalatti mootummoonni naannolee, bulchiinsonni magaalaafi federaalaa waliin ta’uun rakkoon hojidhabdummaa akka furamuuf fandii marmaartuu (naanna’aa) ramaduun waggoottan torban dhufanitti dargaggoota miliiyoonotaan lakkaa’amaniif carraan hojii uumamaa jiraachuus eereera.
Xumurarratti rakkoowwan armaan olitti milkaa’ina tarsiimoo mootummaatti gufuu ta’an guutummaatti dhabamsiisuuf hirmaannaan dargaggoos ta’e hawaasa maraa waan daran barbaachisuuf qaama dhimmi ilaallatu wajjin mari’achuun isa adeemsichatti gufuu ta’e saaxilaafi buqqisaa deemuun barbaachisaadha.
Dajanee Bulchaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016
4 Comments to “Biyyi dargaggootaaf hintaane…”
Comments are closed.