Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa biyya kamfaatu qopheessee fudhate?

Finfinnee: Waancaan Kubbaa Miilaa Afrikaa akka jalqabamuuf koreen kubbaa miilaa Afrikaa kan wayita ammaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa jedhamuun ALA Waxabajjii 18 bara 1957 magaalaa guddoo Sudaan, Kaartumitti hundeeffame.

Baruma kana waancaan kubbaa miilaa Afrikaa Magaalaa Kaartumitti akka adeemsifamuuf murtaa’e. Wayita sanatti biyyoonni koree kubbaa miilaa Afrikaa jalatti galmaa’an Itoophiyaa, Misir, Sudaaniifi Afrikaa Kibbaa waan turaniif walmorkiinis isaanuma gidduutti akka adeemsiffamu ta’e.

Walmorkii adeemsiffametti Misir Sudaaniin taphaan mo’atte, Itoophiyaan ammoo Afrikaa Kibbaarraa ‘forfee’ argachuudhaan waancaaf dhihaatan. Tapha waancaaf adeemsiffametti, Misir Itoophiyaa 4-0n mo’achuudhaan waancaa Afrikaa isa jalqabaa seenaqabeessa fudhatte.

Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa biyyoota afur jidduutti jalqabame yeroo ammaa biyyoonni Afrikaa marti miseensa ta’uun irratti hirmaachaa jiru.

Taphni kubbaa miilaa biyyoota Afrikaa kun erga jalqabamee waggoota 67 lakkoofsiseera. Waggootan kanneen keessatti biyyoonni 16 waancaa qopheesuuf carraa yoo argatan, biyyoonni 15 ammoo waancaa kana fudhataniiru.

Isaan keessaa ammoo Misir waancicha yeroo shaniif yemmuu qopheessitu al torba shaampiyoonaa taatee fudhatteetti. Isaan keessaa waancaawwan lama hambifachuun kan dhuunfaa taasifateetti.

Kaameeruun ammoo yeroo lamaaf waancaa kana keessumeesuun al shan fudhateetti. Gaanaan biyyasheetti yeroo afur qopheessuudhaan si’a afuriif ammoo mo’achuun kan dhuunfaa godhateetti.

Akkasumas Naayijeeriyaan yeroo sadiif shaampiyoona yoo taatu, al lama carraa qopheessumaa argatteetti. Aljeeriyaan yeroo lama waancaa fudhachuun yeroo tokko qopheessiteetti. Riippaabiliikiin Diimokiraatawaa Kongoo yeroo lama waancaa fudhattus carraa qopheessummaa hin arganne. Kootdivaar yeroo lama waancaa fudhachuun tokko keessumeesiteetti.

Itoophiyaan waancaa kana yeroo sadii yoo qopheesitu, ALA bara 1962 waancaa Afrikaa 3ffaa qopheesitee fudhatteetti. Ergasii as waancaa fudhachuun hafee sadarkaallee argattee hinbeektuu.

Akkasumas Tuuniziyaan alsadii qopheesuudhaan al tokko fudhatteetti. Sudaan yeroo lama keessumeesuun al tokko shaampiyoonaa taateetti. Afrikaan Kibbaa yeroo lama qopheesuun al tokko waancicha argatteetti. Zaambiyaan, Seenegaal, Morookoofi Kongoo Kinshaasaa yeroo tokko tokko waancaa kana fudhataniiru.

Waancaa kana fudhachuuf carraa argachuu baatanis Ikuwaatoriyaal Giiniin, Gaaboon, Burkiinaa Faasoo, Angoolaafi Maaliin yeroo tokko tokko qopheesaniiru.

Yeroo 33f osoo addaan hincitin haala miidhagaaan biyyoota armaan olitti eeramanitti kan adeemsifame waancaan kun baranas qopheesummaa Kootdivaariin yeroo 34ffaaf adeemsifamuf jal bultiirratti argamna.

Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaatti aanee miira addaatiin ummata Afrikaa biratti eegamaa kan jiru wal morkiin kun, ALI Amajii 4 hanga Guraandhala 6 bara 2016 magaaloota Kootdivaaritti kan adeemsifamu ta’a.

Biyyoonni 24 ramaddii jahatti qodamuudhaan tapha waancichaarratti kan hirmaatan yoo ta’u, qopheesituun waancichaa Kootdivaar, Naayijeeriyaa, Ikuwaatooriyaal Giiniifi Giinii Bisaawu ramaddii tokkoffaa keessatti argamu.

Misir, Mozaambiik, Gaanaafi Keepvardiin ramaddii lammaffaa keessatti kan argaman yoo ta’u, Shaampiyooni waancaa 33ffaa Seenegaal, Gaambiyaa, Kaameeruniifi Giiniin ammoo ramaddii sadaffaa keessatti argamu.

Burkiinaa Faasoo, Moritaaniyaa, Aljeeriyaafi Angoolaan ramaddii arfaffaa, Tuniiziyaa, Maalii, Afrikaa Kibbaafi Naamiibiyaan ramaddii shanaffaa, Morookoo, Taanzaaniyaa, Rippaabiliikiin Dimokiraatawaa Kongoofi Zaambiyaan ammoo ramaddii jahaffaa keessatti argamu.

Qophii kanaaf Mootummaan Kootdivaar Istaadiyeemii haarawaa ijaaruufi haaromsuu akkasumas misooma adda adda babal’isuuf baasii doolaarii biiliyoona tokko ol itti dhangalaaseera.

Yeroo tokkotti daaw’ataa kuma 30 keessumeessuu kan danda’an istaadiyeemota haaraa sadarkaa biyyoolessaa eegan sadii ijaareera. Akkasumas dirreewwan dhiyeenya istaadiyeemotaatti argamaniifi kubbaan miilaa itti shaakalamu 12 haaraa ijaaramanii qophaa’aniiru.

Magaaloonni walmorkiiwwan itti adeemsifamanis qophiisaanii mara xumuranii keesssumoota simachuuf eegaa jiru. Abbootiin qabeenyaas Hoteelota haaraa ijaaruudhaan, iddoowwan bashananaa sadarkaasaanii eegatanifi konkolaatota barbaachisan mara ga’inaan dhiyeessuun tuuristoota simachaa jiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa biyya kamfaatu qopheessee fudhate?”

  1. Pingback: blote tieten

Comments are closed.