Waamicha Ministirri Muummee RFDI Abiyyi Ahmad (PhD) tibbana Itoophiyaanota dhaloota lammaffaaf taasisan (“Back to your origins”) hordofee diyaasporaawwan gara biyyaatti dhufaa jiru.
Gaazexaan Bariisaas dhalataa Itoophiyaafi hayyuu miseensa Mana Marii Magaalaa Toroontoo (Kanaadaa) ta’uun tajaajilaa jiraniifi waamicha taasifame hordofuun ilmasaanii qabatanii gara biyya dhalootasaanii dhufan Doktar Gazzaahany Hordofaa (diyaaspooraa) Kamisa darbe dubbiseera. Isaanis yaada ittaanu kennaniiru.
Waamicha Mootummaan Itoophiyaa wayita kanatti dhalattoota lammaffaa lammiilee Itoophiyaaf taasise hordofeen ilma koo qabadhee dhufe. Kunis ilma koo aadaa, seenaafi duudhaalee Itoophiyaa wajjin walbarsiisuuf carraa gaarii naa uumeera.
Keessumaa yeroon kun yeroo ayyaanni Qillee ittikabajamu waan ta’eef haala ayyaanichi ittikabajamu akka hubatuuf carraa guddaa kan uumeefiidha. Haati warraa koo dhalattuu biyya Kanaadaa waan taateef ilmi keenya waa’ee aadaa, seenaafi duudhaa Itoophiyaa homaa hinbeeku. Kanaaf ilmi koos ta’e maatiin koo carraa kana argachuu keenyatti daran gammanneerra.
Hoteelonni baay’een hir’isa gatii taasisaniiru. Baga nagaan dhuftan jechuun haalli simannaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kan durii caalaa daran namatti tola. Sirriitti simatanii nama keessummeessu.
Iddoowwan tokko tokko kanneen akka paarkiiwwaniifaa tola akka daaw’ataman taasifamaniiru. Waantoonni taasifamaa jiran hawaasa diyaaspooraa kan jajjabeessaniidha. Dhaloonni haaraan yoo kana arge kan biraa dabalee yeroo biraas deebi’ee dhufuu danda’a.
Diyaaspooraan marsaa kanaan hinmijanneef sagantichi hanga Fulbaanatti kan turu waan ta’eef carraa Mootummaan Itoophiyaa kenne kanatti sirnaan fayyadamuu qabu.
Akkuma beektan, haala nageenyaa biyya keenyaatiin walqabatee baay’een keenya ni sodaanna. Dhufuufis qophii hinturre. Ani waanin dhufee argetti gammadeera. Haalli nageenyaas gaariidha. Amma Finfinnee keessan jira. Tibbana gara kutaa biyyaan deema. Waamichi ittifufeera. Waamicha kabajaa kanas arganneerra. Ani wagguma waggaan dhufullee waamicha dhiyaateen walqabatee haalonni naa mijaa’aniiru. Ayyaana Qillee sababeeffachuun Duukamitti lammiilee harkaqal’eeyyii 118 sagantaa maaddii qooduu nan gaggeessa.
Haala kanaan waamichi dhalattoota Itoophiyaatiif dhiyaachuun yaada daran bareeda. Ani kanaan dura waa’ee Itoophiyaa afaanumaanin ilma kootti himaa ture. Kanin ittihimaa turerra yoo qaamaan argamee ilaale filatama. Kan biyya sanatti Faranjoonni mana barumsaatti ittihimaa turan Itoophiyaan hiyyeettii taatee ongeen ittibaay’ateedha jechuuni. Oggaa dhufee haala jiru argu garuu amanuu hindandeenye. Daran dinqisiifate. Itoophiyaa keessa waan homtuu hinjirre ittifakkaachaa ture. Akka biyya rakkattuutti ilaalaa ture.
Ilma koo kana biyyoota baay’ee geessee agarsiiseera. Erga Itoophiyaa dhufee argee daran ittigammade. Kan dhufne biyya qorrurraa waan ta’eef haaluma qilleensaa as jiruttillee gammadeera.
Turuufillee fedhii guddaa qaba. Waan asitti arges hiriyootasaatiif suura kaasee ergaa jira. Kanaaf waamichi kun otoo cimee ittifufee warri kaanis dhufanii ilaalanii gaariidha. Ani ittifayyadameeraa warri kaanis akka ittifayyadamanin jedha.
Waamicha dhiyaateen walqabatee hoteellonni tokko tokko odeeffannoo waan hinqabneef kanarrattis otoo hojjetamee gaariidha. Haalli nageenyaas namoota tokko tokkotti yaaddoo uumuu waan danda’uuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaba.
Waamichi dhalattoota lammaffaa Itoophiyaanotaa maggaasa, “Back to your origins” jedhamuun taasifame marsaawwan sadiin kan adeemsifamu yoo ta’u, marsaan jalqaba “Connect to Your Multi-Cultural Roots” (bu’uura keessan aadaa sabdaneessa wajjin walqunnamaa) jedhamee Mudde 20 hanga Amajjii 30 bara 2016tti adeemifama.
Marsaa lammaffaan “Connect to Your Historical Roots” (bu’uura keessan seenawaa beeka) jedhamee Guraandhala 20 hanga Ebla 30tti, sadaffaan “Leave your Legacy, savor your holiday” jedhamee (Ashaaraa keessan kaa’aa, yeroo boqonnaa keessatti bashannanaa) Waxabajjii 10/2016 hanga Fulbaana 20/2017tti adeemsifama.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016
One Comment to “ “Waamichi Itoophiyaanota dhaloota lammaffaaf taasifame yaada cimaadha” – Doktar Gazzaahany Hordofaa (diyaaspooraa)”
Comments are closed.