Finfinnee: Qormaatni ogummaa bu’uureffate kan tibbana Hojjettoota Bulchiinsa Magaala Finfinneef kenname hojetaa gidduutti miira dorgommiifi kaka’umsa kan uumu ta’uun ibsame.
Hojjettotni qormaaticha fudhatan Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, qormaatichi namni bakka isaaf malu akka hojjetu kan taasisu, kaka’umsa hojiifi of fooyyeessuuf kan isaan gargaarudha.
Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftootti, Hojjetaan Waajjira Hojiifi Ogummaa Aanaa 08 Obbo Gulummaa Kumaa akka jedhanitti, addunyaa dorgommii kana keessatti namni dorgommii haqa qabeessaan bakka isaaf malu argate mataasaafis ta’e biyyaaf bu’aa guddaa gumaachu. Qormaatni kennames hojjeettoota ga’umsa qaban adda baasuun gita hojii isaanif malurratti ramaduuf calaltuu sirrii ta’uun alatti warra kaan biratti kaka’umsa uuma.
Qormaatni tekniika hojii isaanif kenname hojii sektarasaanii waliin hidhata kallattii qabaachuu himanii, haalli qormaatni sun itti kennamaa jiru haqa qabeessa ta’uusaan hojjettoota hojiisaanitiin ga’umsa qabaniifi hinqabne adda baasuuf madaala sirrii ta’ee itti mal’achuu ibsaniiru.
Kutaa Magaalaa Gullalleetti, hojjetaan Waajjira Hojiifi Ogummaa Obbo Magarsaa Bokoree akka dubbatanitti, qormaatichi afaan sadiin kennamuunsaa hojjettootni ga’umsa qaban afaan dhalootasaaniin akka ibsatan taasisuun carraa walqixa madaalamuu kan mirkaneessedha.
Akka Obbo Magarsaatti, yeroo tokko hojjettootni ogummaasaaniirratti ga’umsa osoo qabanii sababa filannoo afaanii dhabuun qormaata kennamu darbuu dadhabu. Kun ammoo xinsammuusaaniis ta’ee waajjira keessaa hojjetan sana ni miidha. Afaan tokkoon qofa hojjettoota eenyummaa garaagaraa qabanif qormaata kennuun fayyadamummaa haqa qabeessa dhabamsiisa.
Qormaatichi afaanota sadiin kennamuu qofa osoo hintaane, haala, qabiyyeefi yeroo walfakkaatu keessatti kennamuunsaa malaammaltummaa qormaataan walqabatus kan hambise ta’uu Obbo Magarsaan ibsaniiru.
Biiroon Pablik Sarvisiifi Misooma Humna Namaa Magaalaa Finfinnee gamasaatiin akka ibsetti, kaayyoon qormaatichaa gahumsa hojjettootaa qormaataan adda baasuun manneen hojii mootummaa keessatti tajaajila saffisaa kennuun itti quufinsa ummata magaalichaa dabaluudha.
Biirichatti Ittigaafatamaan Damee Bulchiinsa Misooma Humna Namaa Obbo Malaakuu Taammiruu akka jedhanitti, seektaroota garagaraatti qorannoon taasifamee ture. Kanaanis seektarootatti hojmaanni badaan jiraachuu, ittiquufiinsi tajaajilamtootaa gadaanaa ta’uu, tajaajila kennamuuf sadarkaan kan hinkennamne ta’uu, kaka’umsi hojjettootaa gadaanaa ta’uufi rakkooleen biroos adda ba’aniiru.
Rakkoole kunneen hundeerraa furuuf biirichi hojii rifoormii gaggeessuuf kan murteesse ta’uu himanii, irra caalatti seektaroota bulchiinsa magaalichaa 16 keessatti rakkoolee bifa adda ta’een mul’atan maqsuuf hojjettoota hojiirra jiran bifa haaraan ramadii taasisuuf qormaatni qophaa’e.
Akka Obbo Malaakuun jedhanitti, seektaroota rifoormiin keessatti gaggeeffamu kana keessatti hojjettoota tajaajilamtoota bifa ga’uumsa qabuun tajaajiluu danda’an gita isaaniif malurratti akka dandeettiisaanitti ramaduun itti qufiinsa tajaajilamtootaa dabaluuf gaggeessitootaafi ogeessota seektaroota garaagaraa keessatti argaman qormaataan adda baasuuf qormaata kallattiidhaan hojiisaanii faana hidhata qabu akka qoraman taasifame.
Hojjettoota bulchiinsa magaalichaa qormaataan adda baasee ramaduun alattis rakkoolee seektarooticha keessatti argaman furuuf biirichi hojmaataa haaraan teknoloojiin deggerame diriirsuuf hojjetaa jiraachuus ibsaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016
5 Comments to “Qormaanni Finfinneetti hojjettootaaf kanname miira dorgommiifi kaka’umsa kan uumuudha jedhame”
Comments are closed.