Finfinnee: Hojii Dippilomaasii cimaa hojjetameen gufuuwwan birmadummaa biyyaattii hedduun maqfamaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
Ittigaafatamaan Waajjira Ministira Muummee Ittaanaafi Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Isheetee Xilaahuun Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, waraana Itoophiyaa Kaabaatti taasifamee tureen walqabatee dhiibbaan birmadummaa biyyaa gaaffii keessa galchu biyyoota lixaafi dhaabbilee idil addunyaa isaaniin hogganamaniin Itoophiyaarratti taasifamaa ture.
Biyyootni Lixaa kunneen maqaa mirgaafi deeggarsa namoomaatiin karaa seera Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii faallessuun dhimma Itoophiyaarratti murteessuuf hojjechaa turuu eeranii, kanarraa kan ka’e Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii dhimma Itoophiyaarratti si’a 14 ol mari’achuus yaadachiisaniiru.
Akka ibsasaaniitti, ijaarsa Hidha Laga Abbayyaa gufachiisuufis biyyootni kunneen biyyoota yaa’aa gadii lagichaa caalaa dhiibbaa guddaa geessisaa turaniiru. Waraana ture galtee gochuun maqaa dhiittaa mirga namoomaatiin Komishinii Ogeessota Mirga Dhala Namaa Biyyoolessaa hundeessuun fedhii siyaasaasaanii galmaan gahachuuf Itoophiyaarratti hojjechaa turaniiru. Rakkoon mudates Afrikaa bira taree Mana Murtii Yakkaa Addunyaatti akka ilaalamu yaalii cimaa taasisaa turuus yaadachiisaniiru.
Haa ta’u malee, Itoophiyaan ejjennoo birmadummaarratti qabduun biyyoota Afrikaa biroo of cinaa hiriirsuun hojii dippilomaasii hojjetteen yeroo ammaa biyyootni kunneen gariinsaanii hariiroo duran turetti deebi’aniiru; gariinsaanii Itoophiyaa tumsaa jiru, gariinis dhiibbaa gochaa turan hir’isuu dubbataniiru.
Dippilomaasiin biyyattii ija godhachaa jiraachuu eeran Ambaasaaddar Isheeteen, biyyootni gurmuu Biriksii (BRICS) nageenyi Afrikaa Bahaatiif Itoophiyaan furmaata ta’uu hubatanii miseensummaashee mirkaneessuu ibsaniiru.
Hariiroo biyyattiin Gamtaa Awurooppaafi Ameerikaa waliin qabdus foyya’insa qabaachuu kaasanii, gamticha Itoophiyaaf deggarsa yuuroo miliyoona 600 mallatteessuusaafi Ameerikaa waliinis hariiroo gaariin jiraachuu himaniiru.
Akka isaan jedhanitti, mootummaan jijjiirramaa dippilomaasii biyyattiif wantoota bu’uura ta’an hedduu boceera. Hariiroon dippilomaasii gareedhaan milkaa’u gochuun ala walittidhufeenyi Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabdu akka dabalu taasiseera jedhaniiru.
Gamtaan Afrikaa dhimma naannawaarratti murteessuuf ittigaafatamummaasaa akka ba’uuf gumaataa guddaa taasisuun, Dhaabbata Daldala Adddunyaa keessatti miseensummaan Itoophiyaa gochaan akka mul’atu gochuun hojiilee mootummaa jijjiirramaatiin xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jiran ta’uu tarreessaniiru.
Waldorgommiin siyaasaa naannawichaattti baay’achuun, biyyootni ollaa rakkoo nageenya qabaachuun, dippilomaasii dijitaalawaa mirkaneessuuf hanqinnii jiraachuun, rakkoon walitti bu’iinsa keessoo Itoophiyaa dabalatee hammaataa dhufuun, rakkoon jijjiirama haala qilleensaa dabalaa dhufuun hudhaalee dippilomaasii biyyattii ta’uu Ambasaaddar Isheeteen ibsaniiru.
Bu’aa amma argamaa jiru caalaa dippilomaasiin biyyattii boqonnaa caalutti akka ce’uuf lammileen biyyattii hundi ambaasaaddara biyyattii ta’anii akka tajaajilan gochuuniifi rakkoo nageenya keessoo mariidhaan furuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016
6 Comments to “Hojii dippiloomaasiitiin gufuuwwan birmadummaa biyyattii hedduun buqqa’aniiru”
Comments are closed.