Ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa gara boqonnaa xumuraatti ce’uu Koreen Hoji Raawwachiisaa Mana Maree Biyyaalessaa hidhichaa ibse.
Itoophiyaan walitti hidhamiinsaafi misooma waloof tattaaffii taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uun ibsameera.
Ijaarsi pirojektichaa erga eegalee hanga Sadaasa 20, 2016tti ummanni deeggarsa qarshii biiliyoonaa 18fi miiliyoona 734 olii taasisuun ibsameera.
Manni Maree Biyyaalessaa Koree Hojii Raawwachiisaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa walga’ii idilee gaggeesseera.
Walga’ichaan raawwii bara 2015, karoora 2016tiin raawwii baatiiwwan shanan darbanii gamaaggameera.
Gamaaggamichaan, hirmaannaa ummataa, misooma sulalaa, paabilik dippiloomaasiifi deeggarsa faayinaansii dhimmoonni ilaallatan qoratamaniiru.
Walitti Qabaan Koree Hoji Raawwachisaa Hidhichaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, ummanni Itiyoophiyaa waggoota lamaan darban maallaqaan, beekumsaafi ogummaa isaan deeggarsa taasisuuf waadaa gale, qabatamaan raawwachuun ijaarsi hidhichaa gara boqonnaa xumurraatti ce’uu dubbatan.
Ijaarsi hidhichaa waliigalan yeroo ammaa %94.6irraa qaqqabuu ibsuun, ummaanni nuffii tokko malee deeggarsaa taasisuu, hojii misoomaa sulalaa hojjechuun, miira ni danda’aama addunyaatti argisiisuu dubbataniiru.
Hidhi Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa, calaqqee gamtaa fi jalalaa biyyaa Itiyoophiyaanotaa akka ta’e Obbo Dammaqaan dubbataniiru.
Fuuldurattis, ummanni dameewwan garaagaraan deeggarsa isaa cimsee akka itti fufu koreen hoji raawwachiisaa xiyyeeffannaan akka hojjetuuf kallattiin kaa’ameera.
Hirmaattoonni miseensa korichaa ijaarsa hidhichaa haala milkaa’aa ta’een guutummaatti xumuruuf dhaabbileen damichaa fi naannoleen qindoomina addaan akka qaban ibsaniiru.
Walga’icharratti waggaa 13ffaan Ijaarsaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa haala hojjechuuItiyoophiyaanonni waadaa galaan qabatamaan bu’uressan calaqqisiisuun kan kabajamu ta’uunis ibsameera jechuun ‘FBC’n gabaaseera.
Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaa biyya alaa jiraatanis gara biyyaa isaanii wayita dhufan qophiilee garaagaraa qophaa’uun waa’ee hdhichaa hubachiisuu fi hirmaannaa isaanii akka cimsan hojiileen bal’aan akka hojjetamu kallattiin kaa’ameera.
BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016
4 Comments to “ Hidhi Haaromsaa gara boqonnaa xumurraatt ce’eera”
Comments are closed.