Godina Silxeetti barbaree kuntaalli kuma 145 sassaabame

Finfinnee: Godina Silxeetti barana barbaree kuntaalli kuma 145 sassaabamuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Mursaal Amaan ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, bara omishaa 2015/2016tti godinichatti lafa hektaara kuma torbaafi 970 barbareen uwwisuun omisha kuntaala kuma 140 argachuuf karoorfamee karooraa ol lafa hektaara kuma saddeetiifi 288 uwwisuun kuntaala kuma 145 omishuun danda’ameera.

Godinichatti hangi barbaree omishamuu waggaa gara waggaatti dabalaa jira kan jedhan Obbo Mursaal, bara darbe lafti heektaarri kuma ja’aafi 887 omisha kanaan uwwifamuu yaadachiisanii, hangi lafa bara kana omishichaan uwwifamee kan bara darbee faana yoo madaalamu garaagarummaa hektaara kuma tokkoofi 400 kan qabu ta’uu himaniiru.

Omishtummaan barbarees dabalaa jira kan jedhan Obbo Mursaal, kanaan dura hektaara tokkorraa yoo baay’ate kuntaalli 13 kan argamu yoommuu ta’u, bara kana garuu giddugaleessan hektaara tokkorraa kuntaala 18 kan argame ta’uu eeraniiru.

Irrajireessi qonnaan bultoota godinichaa barbaree omishuuf xaa’oo uumamaa qopheessuun waan ittifayyadamaniif rakkooleen dhiyeessii xaa’oon walqabatu omisha barbareerratti hagas mara dhiibbaa kan hingeessisne ta’uus ibsaniiru.

Bara 2013 dura dhibeen barbaree godinichatti mul’ate omishtummaan akka hir’atu taasisaa turuu eeranii, bara omishaa 2015/2016 dhibee kana maqsuuf hojii sanyii barbaree dhibee dandamatuu qopheessuufi sanyii faca’u keemikaalaan sukkumuudhaan facaasuun rakkoo kana ittisuun akka danda’ame dubbataniiru.

Sababa rakkoo sirna gabaatiin kanaan dura qonnaan bultootni omishasaaniirraa bu’aa barbaadan argachaa akka hinturre himanii, rakkoo gabaan walqabatu furuuf qonnaan bultootni yuniyeeniifi waldaadhaan akka ijaarraman gochuudhaan omishasaanii kana gabaa giddugaleessaafi gabaa alaatiif akka dhiyeessan taasifamuu himaniiru.

Ittifayyadama keemikaala farra dhukkuba kanaarratti qonnaan bultoota bira rakkoon hubannaa jiraachuu eeranii, qonnaan bultootni keemikaalicha hinfayyadaman yoo ta’e, dhukkubichi guutummaatti maasaan omisha malee akka hafu taasisa. Kanaafuu omisha itti aanee dhufuuf qonnaan bultootni keemikaalicha intarpiraayizii dhiyeessa galteewwan qonnaarraa fudhatanii akka itti fayyadamaniif yaadachiisaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016

Recommended For You

10 Comments to “ Godina Silxeetti barbaree kuntaalli kuma 145 sassaabame”

  1. Pingback: penis envy strain
  2. Pingback: steenslagfolie
  3. Pingback: slot88
  4. Pingback: https://vhnbio.com

Comments are closed.