Abbootiin amantaa ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee: Abbootiin amantaa Kiristaanaa garaagaraa kabaja guyyaa ayyaana dhalachuu Gooftaa Yesuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan.  Ayyaanichi lammiilee harkaqal’eeyyiifi qe’eesaaniirraa buqqa’an yaadachuun ayyaaneffatamuu akka qabus dhaamaniiru.

Paatiriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti  Abuuna Maatiyaas lammiilee biyya keessaafi alaatti argaman dhalachuun Gooftaa Yesuus bakka miidhagaafi mijataa ta’uun hafee mooraa loonii keessa kan ta’eef qulqullootaafi osoo hin taane cubbamootaaf akka ta’e ibsaniiru.

Wayita ayyaanichi ayyaaneffatamu namoota rakkoo nageenyaan buqqa’an, hongeen miidhamaniifi rakkoo garaagaraaf saaxilaman hunda waan qabaniin tumsuun dirqama amantaafi lammummaa akka ta’e dhaamaniiru. 

Kaardinaaliin Mana Amantaa Kaatolikii Itoophiyaa Qulqulluu Birhaana Yasuus  Suraafeel ayyaanni dhalachuu ayyaana dhalli namaa gara haqaa, dhugaafi gaarummaatti ittiin waamame ta’uu yaadachiisanii; of jaalachuurraa fagaachuun, harka qalleeyyiif hiixachuufi dhukkubsataa gaafachuufi jajjabeessuun kabajamuu akka qabu ibsaniiru. Walkabajuu, walsimachuufi yaadota qoqqoodiinsaarraa fagaachuun qajeeltoo ayyaanichaa ta’uus hubachiisaniiru.

Pirezidaantiin Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Luba Doktar Yoonas Yiggazuu  gamasaaniin, guyyaa  dhalachuu Gooftaa Yesuus baga geessan jechuun, guyyichi yeroo ayyaaneffatamu waliif yaaduufi nagaa waliif hawwuun barbaachisaa icciitii kabaja ayyaanichaa ta’uu dubbataniiru. Ergaan ayyaanichaa namni ofiisaa qofaaf osoo hintaane  nama biraafis  jiraachuu akka ta’e yaadachiisaniiru.

Pirezidaantiin Waldaa Tokkummaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoo ergaa baga geessanii dabarsuun; namoota sababa hongeefi nageenyaatiin rakkoof saaxilaman tumsuufi deeggaruun dirqama ta’uu dhaamaniiru. Obboloota gidduu jibbaafi walitti bu’iinsa facaasuurraa ofqusachuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.

Gammachuu Kadiriifi Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016

Recommended For You

6 Comments to “Abbootiin amantaa ergaa baga geessanii dabarsan”

  1. Pingback: jarisakti
  2. Pingback: kurvana
  3. Pingback: Edward
  4. Pingback: free chat
  5. Pingback: steenslag folie

Comments are closed.