Ragaaleen seenaa akka mul’isanitti Sirni Gadaa Dhaloota Kiristoos dura bara 6480 eegalame. Gadaan sirna ittiin bulmaataa dimokraatawaa Oromitichaa yayyaba shan (Yayyaba Golloo Goboo, Boruu Biloo, Mannee Leeqaa Jaarsoo, Gallee Annoofi Baabboo Galleessa) qabu yoo ta’u, Gadaa kan uumees isaani jedhamee amanama.
Oromoon egaa sirna kanaan jiruusaa guyyuu gaggeeffachaa dhimmoota siyaasaafi hawaas dinagdeesaa ittiin raawwatachaa jaarraa hedduuf jiraateera. Sirna kana balleessuuf sirnoonni dhufaa darban baay’ee irratti hojjetanis hundee jabaarratti hundeeffamuusaatiin laafee turullee citee hinbadne.
Sirni Gadaa caasaa mataafi miseensota hoggansaa sirnicha hojiitti hiikan kan mataasaa of keessaa qaba. Gadaan guutuu jedhamu Gadaa, Hayyuu, Yuuba, Waabura, Faga, Jaldhaabaafi Torbii akka miseensootasaatti of jalatti qabachuu mala. Abbaan Gadaa tokko Abbaa Gadaa ta’uuf sadarkaawwan Gadaa Qarreerraa kaasee, Dabballee, Kuusa, Raabaafi Doorii keessa darbuun dirqama.
Sirni kun keessumaa jaarraawwan darban keessa Booranaafi Gujiitti osoo hinbadiin dhalootaa dhalootatti ce’uu danda’eera. Gujiitti Guraandhala 13 bara 2016 Abbaan Gadaa 75ffaan baallii fudhachuuf qophii taasisaa jiru. Ardaa jilaatti imalanii waan irraa eegamu raawwachaa jiru. Abbaan Gadaa 74ffaa Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoofi jillisaaniis akkasuma ardaatti imalanii baalliisaanii Gadaa ittaanutti kennuuf waan irraa eegamu ba’ataa jiru.
Gadaan Gujii baalliwwan shan Muudana, Halchiisa, Dhallanaa, Harmufaafi Roobalee kan jedhaman yoo ta’u, wayita ammaa baallii kennuuf qophiin taasifamaa jira. Gadaa kan kennu Harmuufaa yoo ta’u, Roobaleen immoo kan fudhatuudha.
Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo qophii sirna walharkaa fuudhiinsa kana ilaalchisuun yaada kennaniin sirni Gadaa walharkaa fuudhuu kun marsaadhumasaa eeggatee kan deemu ta’uufi lolliifi mufiin sirnicha keessatti akka bakka hinqabne dubbatu. Kana keessatti garuu sirna walqeequufi waljajuu qadadduufi walaannaan kan jiru yoo ta’u, qadadduu jechuun garee waltumsan yoo ta’an, walaannaan immoo garee walqeeqan ta’uu ibsu.
Warri walaannaa “bara Gadaa keetii rakkoo kanatu jira, barri gadaakee yakkaan ykn rakkoon guutamaadha, jechuun Abbaa Gadaa baalliin harka jiru mormu. Kunneen walii faallaa yoo ta’an fakkeenyaaf warra waggaa saddeet dura Harmuufaaf baallii kenne warra Dhallanaati.
Warri qadadduu ammoo waan gaarii abbaan Gadaa hojjete himaniifi gorsa barbaachisullee kennu jedhu. Isaan warra gosaafi ilkaan tokkooti; waliif hiraayyaadhas. Qaamoleen sirna kana keessa jiranis walmiidhuuf osoo hintaane kan waljajjabeessuufi onnachiisu ta’uu kaasu.
Akka Abbaa Gadaa Jiloon jedhanitti, sirna kana keessa hammeenyiifi walmiidhuun hinjiru, inumaayyuu daran dimokraatawaadha; kan Gadaa of harkaa qabu osoo baallii hinkenniin waraanni yoo dhufe “Rakkoo kun olii dhufe malee kiyyaa miti, kanaaf guyyaakee eeggadhuu baallii fudhu” jedhee kan baallii harkaa qabu gorsa.
Dubartootaafi daa’immaniif bakka olaanaa kennuun kan beekamu Sirni Gadaa keessumaa ijoolleen sadarkaa sirnicha keessa darbuun akkaataa jiruufi jireenyaa akka shaakalan akka taasisus ni eeru.
Sirna kana keessatti namni Abbaa Gadaa ta’u nama kabajamaa, ba’aafi gala dubbii kan beeku, kan beekumsaafi sansakaa qabu ta’uun akka irra jiraatu kan himan ogeessi Aadaa Obbo Duubee Adoolaa, qajeelaafi qulqulluu ta’uun akka irra jiraatu himu.
Akkaataan dubbiisaas nama amansiisuu danda’uufi sagalee ta’uu qabu ta’uufi hawaasa biratti fudhamummaa kan argate ta’uun akka irra jiru himu. Kana malees maatii qabaachuun dirqama; sababnisaa nama maatii qabuufi bulchuu danda’utu biyyallee bulcha jedhamee waan yaadamuu ta’uu ibsu.
“Dhaabbiinsaas kan nama biratti fudhatama qabu, naamusa gaarii kan qabu, kan nama ajjeesee hinbeekne, kan bineensallee ajjeesee hinbeekne, kan afaan hincabaqne, kan haasaa danda’u ilaalanii torbii keessaa abbaa Murtii godhatan. Gaafa abbaa murtii godhatan kuusa keessa turee gara raabaa dhufa. Achiis gara doorii dhufee, achi keessatti waddeessa muree gara gadoomaa dhufa” jedhu.
Akka ibsa ogeessa kanaatti, Gujiitti namni tokkoo wayita Gadaaf kaadhimamu Golocha Fooqaa ykn Gannaalee gamatti leenjiif galee, rakkinaa bal’ina hunda dandamatee ba’ee Gadaa ta’uun baallii fudhata. Wayita kana yuuboonni baatii tokkoof barsiisanii qopheessu. Ji’a tokkoo kana keessaa torban tokko midhaaniifi bishaan malee dabarsan. Leenjiin kun lolaafi ifaajii guguddaallee of keessaa qaba. Kunis namni nama bulchu tokko itti tole bulchuu qofa osoo hintaane rakkoolee barachuu qaba jedhamee waan amanamuufi.
Adeemsa kana keessa darbee gaafa baallii fuudhu akkamiin akka namaafi lafa bulchan hubata; bara dhabiinsaa dhabe jedhee osoo hinmufatiin baqachuurra dura dhaabatee, dheebuufi beela danda’ee akka dabarsuuf leenjichi kan fayyadu ta’uu himu.
Akka Sirna Gadaatti, Abbaan Gadaa baallii kenne soorama ba’uu hindanda’u; sababnisaas Gadaa keessatti guddinni gulantaawwan garagaraa waan jiraniif erga Gadaa kennee booda Baatuu, Hayyuu guddaa, Hayyuu Xiqqaa jechaa duraa duubaan tajaajilaa hanga Yuubaatti guddatu. Kana keessatti hojii gorsuu, qajeelchuu, araarsuu, fala kaa’uufi kkf hojjechuun hanga guduruu ta’utti tajaajilee jireenyasaa kan xumuru.
Abbaan Gadaa erga gaafa baallii fuudhee kaasee ooltee bultee ummataa gaafachuun sirnicha keessatti beekamaa ta’uu kan dubbatan Obbo Duubeen, Waaqa galateeffachaa ummatasaa tajaajiluuf qe’eesaa gadhiisee, maatiisaa, hayyoota Gadaa, fagaafi jaldhaabasaa fudhatee ardaa jilaatti godaanuun tumaa sirna gadaa ta’uu himu. Bulee Horaa Baargudaa ka’ee hamma dhufee Me’ee Bokkoo ga’ee baallii kennuutti miilaan malee konkolaataan deemuun akka hindanda’amne ibsu.
Wayita ardaa jilaa qaqqaban aduun seentus abidda ho’ifachaafi dhiyaana nyaachaa, daa’immanis waa’ee Gadaa itti himaa ittiin guddisuunis waan ardaa jilaa keessatti raawwatamu ta’uu himanii, yommuu lafti bariitus rakkoo hawaasaa gaafachuun akkaataa sirna Gadaatiin furmaata kan kennan ta’uu addeessu.
“Godaansa ardaa jilaatiin ardaan Jilaa Daraartuu Godina Gujii, Aanaa Doolaa Reeddeetti argamu bakka maqbaasiin itti jilatamuudha. Jilli kunis kan jilatamu wayita Abbaan Gadaa baallii yeroosaa xumuree baallii kennuuf jedhutti raawwatama. Gadaan Harmuufaa warri amma baallii harkaa qabuus haala kana keessa kan darban yoo ta’u, kora Gadaa waamuunis yaa’ii ni taa’a. Kunis waggoota saddeet keessatti yeroo tokko waamama” jedhu.
Akka ibsa ogeessa kanaatti, kora kanaan hojii Abbaan Gadaa bara baalliin harka jiru hojjete ni qaacceffama; hojii inni rakkoo hawaas dinagdee ummatichaa hiikuuf hojjetes ni qoratama. Gadaa keessatti yoo Abbaan Gadaa badii balleesse qabaates Hayyuutu adaba. Haala kanaan bakka abbootiin Gadaa Harmuufaa gosa hangafaafi quxusuu Uraagaa, Maattiifi Hookkuu akkasumas hayyoonni Gadaa argamanitti Odaa Adoolaatti gumii taa’eera.
Abbaan Gadaa amma baallii of harkaa qabaniifi dabarsuuf qophiitti jiran Abbaa Gadaa Jiloonis gumicharratti baallii kennuuf waadaa seenuusaanii himanii, wayita ammaas waantota irraa eegaman hunda fixatanii Ardaa Me’ee Bokkuutti baalliisaanii kennuuf qophiitti jiraachuu kaasu.
Akka waliigalaatti, sirni dimokraasii addunyaaf fakkeenya ta’u kun kunuunfameefi eegamee as ga’uunsaa waan guddaa yoo ta’u, hambaa kiliyaa ta’uun galmee Yuuneskoorrattis galmaa’uunsaa milkii guddaadha.
Sirni kun akkanumaan miidhagee dhalootaa dhalootatti akka darbuuf akka akaakuu barnootaa tokkootti kennamaa jiraachuun gaarii ta’us, keessumaa babal’achuun teknolojiifi barnoota ammayyaa akka sirnicharratti dhiibbaa tokkollee hingeessisneef hunduu ittigaafatamasaa ba’achuu qabaan ergaa keenya.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016
8 Comments to “Qophii sirna walharkaa fuudhiinsa baallii 75ffaa Gadaa Gujii”
Comments are closed.