Finfinnee: Meeshaaleen ashuurarraa bilisaa alaa galan guddina dinagdee biyyattii saffisiisu keessatti shoora olaanaa akka qaban Hayyuun Dinagdee Doktar Qosxanxinoos Barihetasfaa ibsan.
Doktar Qosxanxinoos Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf Roobii darbe akka ibsanitti, meeshaaleen ashuurarraa bilisa alaa galan guddina dinagdee biyyaa keessatti qooda olaanaa qaba. Meshaaleen kunneen dhaabbilee tajaajila ummaataa babal’isuufi gargaarsa namoomaa gabbisuuf gahee guddaa qabu.
Akka ibsasaaniitti, fayyadamummaa dinagdee lammiilee biyyattii dhugoomsuuf dhaabbileen wayita meeshaalee ashuurarraa bilisaan galchan gabaa tasgabbeessuufi dinagdee itichuuf humna horatu. Dhaabbileen meeshaalee warshaaf barbaachisan dhiyeessan ashuurarraa bilisa galchan tajaajila warshaaleen ummataaf kennan akka adda hincinne utubuufi fedhii ummataa guutuu taasisu.
Meeshaaleen qonnaaf barbaachisan yoo ashuurarraa bilisa ta’an hojii qonnaa si’eessuun omishaafi omishtummaan akka dabalu gargaaru. Fedhii bu’uraalee misoomaatiif ummatni qabu guutuuf qoodni meeshaalee ijaarsaa ashuurarraa bilisa galanii olaanaadha. Alergiin abaaboo akka dabalu taasisuuf dhaabbilee alergii abaaboorratti hirmaatan baankiirraa hanga %70tti akka liqeeffatan taasisuun waggaa waggaan galii alergii abaaboorraa doolaarri biliyoona walakkaan ol akka argamu taasiseera.
Haaluma walfakkaatuun rakkoo waajiiraalee Finfinnee keessa ture furuuf meeshaaleen ijaarsaa ashuurarraa bilisa akka galaniif mootummaan liqii baankii %70 dhiyeessuun ijaarsi gamoo magaalatti babal’achuun rakkoon waajjiraalee furamuu danda’eera.
Imaammata mootummaan baase hordofuun konkolaataan humna elektirikiin deemuufi ashuurarraa bilisa galuun faalama qilleensaa ittisuu keessatti shoora olaanaa gumaacheera. Dabalataanis, Itoophiyaan poteenshaala anniisaa elektirikii hedduu waan qabduuf sirna geejjibaashee gara poteenshaala qabduutti jijjiiruun bittaa boba’aa doolaaraan galu hir’suun guddina dinagdee biyyaaf gumaachisaa guddaadha jedhaniiru.
Manca’uu bosonaa dhaabuuf omishni mukeen ijaarsaaf barbaachisan baasii ashuuraa malee galuunsaanii mancaatii bosonaa hanga tokko hir’isuu himanii; haala qabatamaa rakkoo biyyattii bu’uura godhachuun eeyyama mootummaan seektarootaaf akka eeyyamus himaniiru.
Meeshaaleen gargaarsaan namoomaaf ashuurarraa bilisa galan lammiilee naannawaa hongeen miidhaman gargaaruuf gahee guddaa taphataniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016
3 Comments to “ Meeshaaleen ashuurarraa bilisaa alaa galan guddina dinagdeetiif shoora olaanaa qabu”
Comments are closed.