Finfinnee: Mariin biyyaalessaa yaadame dhimma dhaloota gidduutti nagaa buusuufi biyya ittifufsiisuuti malee dhimma paartii siyaasaafi dhimma aangoo itichuu miti. Waldhabdeen dhaloota gidduutti sababoota garaagaraatiin mudate turtii barootaatiin gangalataa as ga’eera.
Haaloofi jibbiinsi gara gocha qabatamaatti jijjiiramuun waggoottan shanan darban qofa yoo ilaallee ajjeechaan gara jabeenyaa, buqqaatii hamaafi mancaatiin qabeenya hedduu biyyattii waggoota dheeraaf boodatti deebisan raawwatamaniiru.
Kibxata darbe Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Dimokraasii bobbii hojii naannolee Sidaamaa, Hararii, Beenishaangul Gumuziifi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti taasiseen raawwii hojii Komishinii Marii Biyyaalessaa daawwate iftoomseera.
Korichi daawwannaa taasise kanaan hirmaattotaa marichaafi yaada ajandaa marii kan dhiyeessan bakka bu’oota filachuurratti hojii komishinichi hojjete dinqisiifateera. Heddummina afaanii gabbisuufis ta’e ummatni afaansaatiin yaadasaa akka ibsatutti naannoo Sidaamaatti barjaan afaan naannichaatiin qophaa’uun hojii daran boonsaa ta’eedha. Hirmaannaa qaamolee hundaa mirkaneessuuf hojiin komishinichi hojjete waan abdii namatti horu ta’uus Koreen Dhaabbii kun ibseera.
Haa ta’u malee, hirmaannaan dubartootaa laafaa ta’uun akkasumas bakka bu’ootni horsiisee bulaafi qonnaan bulaa haphachuun dhimmoota akka rakkootti ka’aniidha. Bakka tokko tokkotti qajeelfamni Afaan Somaaleetti hiikamee dhiyaachuu dhabuunis akka hanqinaatti ka’eera. Qindeessitoonni aanaaleerra jiran walitti dhufeenyi isaan koomishinichaa waliin qaban laafaa ta’uun dabalata bakka bu’ootas ummata waliin walbarsiisuurratti hanqinni mul’ateera.
Komishinarri Komishinichaa Pirofeesar Masfin Arayaa gamasaaniin, hojiin komishinichaa daran ulfaataa waan ta’eef cimina, maallaqaafi humna namaa heddumminaan kan barbaadu ta’uu dubbataniiru.
Guddina biyyattiin walbira yommuu qabamu haala amma yaadameen aanaalee hundarraa mata mataatti qabeenyi bakka bu’oota 450 keessummeessuun gara mariitti fidu hin jiru; biyya kamittis raawwatamee hin beeku. Kanaafuu, tooftaa bakka bu’ootni itti filaman jijjiiruun dirqama. Koomishinichi rakkoo biyyattii furuuf hanga ta’etti qaama mariitti amanu kamuu harka bal’isee waan simatuuf hirmaachuuf of qopheessuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Mootummaan kutannoo nageenyaaf qabu mirkaneessuuf komishinii bilisaa hundeessuu qofa osoo hintaane tumsa barbaachisu taasisaa jiraachuu kan ibsan ammoo Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafooti. Hojiin komishinichi haala walxaxaa keessatti hojjetes boonsaa tu’uu himaniiru.
Akka isaan jedhanitti, Oromiyaatti hojiin bakka bu’oota ajandaa dhiyeessan filachuu akka milkaa’uuf mootummaan tumsa guddaa taasisa. Naannoo Tigraayiifi Amaaraattis sochiin akka eegalamu mootummaan gama kamiinuu ni deeggara. Ummatni Itoophiyaas ni tumsa.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016
3 Comments to “ Karra marii hundaaf banaa ta’etti hirmaachuun gahee hundaati”
Comments are closed.