Finfinnee: Ji’oota shanan darbanitti Itoophiyaan beeyladoota kuma 84 ol gabaa alaatti erguun galii doolaara miliyoona ja’aa ol argachuushee Ministeerri Daldalaafi Walittihidhamiinsa Naannawaa beeksise.
Ministeerichatti Ittigaafatamaan Deeskii Daldala Alergii beeyladootaafi bu’aa beeyladootaa Obbo Abbabaa Taaddasaa ibsa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, sababa kontirobaandii beeyladootaatiin Itoophiyaan galii sharafa alaa argachuu maltu dhabaa jirti. Rakkoo kana furuuf ministeerichi kontirobaandii hir’isuuf qooda fudhattoota waliin koree hundeessee hojjetaa jira.
Rakkoo kana karaa seeraan furuuf qajeeltoo seeraa qopheessee ogeessotaafi qooda fudhattoota irratti mariisisuun Mana Maree Ministeerotaatiif ergamuus ibsaniiru.
Babal’ina kontirobaandiif haalli hojmaata daldala alergii murteessaadha kan jedhan Obbo Abbabaan; ministeerichi gabaa seeraqabeessa alergii beeyladootaa cimsuurratti argama jedhan. Kana gochuufis, qaamotni daldala beeyladaarratti bobba’an karaa seeraqabeessa ta’een akka daldalaniif hojiin walitti hidhamiinsa gabaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojii hojjetameenis beeyladoota biyyoota Gamtaa Imireetota Arabaafi Baha Giddugaleessaatti erguun jalqabamuu eeraniiru.
Inistitiyuutii Qorannoo Qonna Itoophiyaatti Qorattuun Dinagdee Qonnaa Doktar Raahimaa Musammaa gamasaanitiin, alseerummaa beeyladaarratti waraqaa qorannoo dhiyeessaniin, Itoophiyaatti daangaa Itoophiyaa kallattii bahaatiin qofa waggaatti beeyladootni kuma 130 karaa seeraan alaa gara alaatti akka baafamaniifi sababa kanaanis biyyattiin galii guddaa dhabaa jiraachuu ibsaniiru.
Bakki baay’inaan argama beeyladootaa daangaa biyyaa ta’uu, iddoon tursiisa beeyladaa mijachuu dhabuu, hanqinni hubannoofi odeeffanoo gabaa, hudhaaleen keellaawwan biyyattiirratti argamanfaa sababoota ijoo ta’uus eeraniiru.
Omishaaleen Qonnaa biyyattii kanneen akka qamadiifi boqqolloos karaa daldala kontirobaandii baay’inaan gara biyyoota ollaa akka Keeniyaa, Jibuutiifi Somaaliyaatti bahaa jiraachuus qorattuun tun ibsaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016
5 Comments to “Itoophiyaan beeyladoota kuma 84 ol gara gabaa alaatti ergite”
Comments are closed.