Finfinnee: Dippiloomaasiin Itoophiyaa yaadaan qofa osoo hintaane hojii qabatamaan mul’achaa jiraachuu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Miseensi Koree Hajaa Alaafi Nageenyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsan.
Ambaasaaddar Diinaan ibsa torban darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka ibsanitti, Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin hariiroo bu’aa gama lameenii, dhaabbilee sadarkaa Afrikaa kanneen akka Igaadiifi warra sadarkaa idiladdunyaa waliin ammoo hariiroo roga maraa taasisaa jirti. Itoophiyaan biyyas ta’e dhaaba idiladdunyaa kamuu waliin hariiroo qajeelfama fayyadamummaa waloo hordofti.
Itoophiyaan wayita ijaarsa Hidhaa Laga Abbayyaa jalqabdu biyyootni yaa’aa Lagichaa gadii gara jalqabaatti sodaa, “Hangi bishaanii nu jalaa hanqachuun rakkoo hamaaf nu saaxila” jedhuun Itoophiyaa waltajjii idiladdunyaatti hadheessaa turuu yaadachiisanii; hojii dippiloomaasii cimaa hojjetameen ijaarsi hidhichaa xumuratti dhufuun bu’aa dippiloomaasii qabatamaan mul’ate ta’uu ibsaniiru. Milkaa’inni argame akkuma jirutti ta’ee fayyadamummaa haqaqabeessa diriirsuuf tibbana mariin Itoophiyaa, Sudaaniifi Gibxii hirmaachise Finfinneetti taa’amuu eeraniiru.
Kana malees, jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf qormaata ta’e keessatti sagantaan ashaaraa magariisaa waltajjii addunyaatti akka fakkeenyaatti dhiyaachuun dippiloomaasii guddaa ta’uu kaasanii; biyyootni hedduun Itoophiyaarraa muuxannoo fudhachuu maddiitti Itoophiyaan biqiltuuwwan biyyoota ollaaf gumaachuun maqaa gaarii horachuushee himaniiru.
Haariiroo Humna Qilleensaa Afrikaa cimsuuf Itoophiyaan fooramii Humna Qilleensaa tibba darbe Itoophiyaan qopheessite hojii dippiloomaasii biyyoota Afrikaa kan jabeessu ta’uu eeranii; gama daldalaatiinis qajeelfama bu’aa waloo Itoophiyaan hordoftu fudhatamummaashee dabaluu yaadachiisaniiru.
Akka ibsasaaniitti, Itoophiyaan fedhiishee giddugaleeffachuudhaan bu’aa diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa guuttachuuf hariiroo dippiloomaasii milkaa’aa ta’e gaggeessaa jirti. Biyyoota ollaa waliin hariiroon dippiloomaasii bu’aa waloo giddugaleeffateen gaggeeffamaa jiraachuu himanii; sadarkaa Afrikaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliinis hariiroon dippiloomaasii walfakkaataa taasisaa jirti.
Itoophiyaan dippiloomaasii taasistu keessatti birmadummaan biyyaafi lammiileeshee hangafa ta’uu himanii; haaluma kanaan nageenya lammiileeshee biyya keessaafi ala jiraatan haala kabachiisurratti nageenya lammiileesheerratti biyyoota waliin fuulleffattee hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Dippiloomaasiin kennanii fudhachuu ta’uu himanii; Itoophiyaan qabeenyaafi beekumsa qabdu addunyaaf qooduun addunyaarraa fudhataa jirti. Guddina dinagdeesheefis ta’ee nageenya waaraa mirkaneessuuf biyyoota waliin walittidhiyeenyaan hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.
Gaaffii ulaa galaanaa karaa nagaan gaafatame milkeessuu akkasumas maqaa gaarii Itoophiyaa addunyaatti beeksisuun dirqama hundaa waan ta’eef dhaabbileen barnootaa, abbootiin amantaafi dayaasporaan qindoominaan akka hojjetaniif waamicha dhiyeessaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016
4 Comments to “ Dippiloomaasiin Itoophiyaa gocha qabatamaan dabaalamaa jira”
Comments are closed.