Dhalootni biyya walharkaa fuudhee akka ceesisuuf riqicha tolchuun barbaachisaadha  

Finfinnee: Dhalootni burqaa yookaan hidda ganamaasaa hinbeekne biyya dabareen ittifufsiisuuf waan rakkatuuf ilmaan daayaasporaa biyya ambaatti dhalataniif waamichi karaa Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad dhiyaate. Doktar Abiyyi akkuma gara angootti dhufaniin lammiilee Itoophiyaa biyyoota garagaraa jiraatan waliin mari’achuu qofa osoo hintaane gara biyyasaanii akka dhufaniif waamicha dhiyeessaa turaniiru.

Miilana bifa adda ta’een ilmaan daayaasporaa biyya ambaatti dhalataniif waamicha dhiyaate ilaalchisee Roobii darbe Ministirri Tuuriizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii ibsa kennaniiru. Akka isaan jedhanitti, dhalootni ka’umsaafi galumsaasaa hinbeekne biyya dabareen ittifufsiisuu hindanda’u. Kanaafuu, ijoolleen warrisaanii Itoophiyaa ta’anii alatti dhalatan seenaa maddasaanii ganamaa taate Itoophiyaa hubachuu qofa osoo hin taane addunyaa hubachiisuu akka danda’aniif waamichicha dhiyeessuun barbaachise.

Waamichi dhaloota lammaffaa Itoophiyaa ta’an kunneeniif taasifame kun qaama waamicha kanaan dura daayaasporaaf dhiyaataa tureedha jedhanii; ilmaan Itoophiyaanotaa kunneen biyyi hiddasaanii ganamaa seenaafi aadaa boonsaa qabdu baranii barsiisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. Waamichi taasifame kun gama dinagdee, siyaasaafi hawaasummaan ergaa guddaa akka qabus ibsaniiru.

Sagantaa garagaraa bocanii dhaloota biyya ambaatti dhalate maddasaanii ganamaa beeksisuutti kan milkaa’an Chaayinaafi Isiraa’eliin akka fakkeenyaatti kaasanii; dhalootni maddasaa hubate kun ambaasaaddara ta’uun biyyasaa gama turiizimiin beeksisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Dhaloota lammaffaa gara biyyaa dhufu kun heddummina biyyattii akka hubatuuf agarsiisni nyaata aadaa, sirboota, uffata aadaafi meeshaaleen miidhagina saboota garagaraa ni dhiyaata. Daaw’annaan seenaa, uumamaafi namtolchee ni dhiyaata.

Waa’ee gootummaa Itoophiyaafi mallattoo ummata gurraachaa kan ta’e seenaan Adwaas dhaloota kunneeniif ni ibsama. Sagantaa ashaaraa magariisaarratti akka hirmaatan haalli ni mijeeffama. Dhaloota gara biyyaatti dhufan kunneeniif tikeetii xayyaaraa kaasee tajaajila hundaarratti fooyya’iinsi gatii ni taasifama.

Sagantaan waamichaa kun yeroo boqqonaa garaagaraa ilaalcha keessa galchuusaa dubbatanii; waamichi jalaqaba boqonnaa bara haaraa faranjootaa sababeeffachuun Mudde 20 bara 2016 irraa yommuu eegalu boqqonnaan ittaanu hanga Fulbaana 20 bara 2017 turuu  hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016

Recommended For You

8 Comments to “Dhalootni biyya walharkaa fuudhee akka ceesisuuf riqicha tolchuun barbaachisaadha  ”

  1. Pingback: Land Slot Auto
  2. Pingback: betflik19
  3. Pingback: cam tokens menu

Comments are closed.