Tumaawwan Seera Aadaa

Tumaawwan Seera Aadaa Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqeefi maanguddoota biyyaatiin Fulbaana 12 bara 2016 Godina Shawaa Kaabaatti qophaa’aniifi kan Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaafi Turizimii Godinichaa, Meeroon Makonnin nuu ergan akka armaan gadiitti qindeessinee dhiyeessineerra.

Kutaa 1ffaa

Seensa

Jiruun dhala namaa oleedhaan haata’uu dagaleedhan walxaxaadha. Bu’uura jiruu dhala namaa keessatti ilmi gahe ni fuudha, intalli geeche ni heerumti. Oromoon Fuudhaafi Heeruma kanaan jaarmiyaa jedha. Kanaaf Sirna Gadaa keessatti ilmi fuudhaaf gaheefi intalli heerumaaf geesse akkaataan ittiin jaarmiyaa kana ijaaran eerameera.

Laafuu Sirna Gadaarraa kan ka’e haalli fuudhaafi heerumaa ykn jaarmiyaan kun rakkoo hamaa keessatti kufeera. Sababuma kanaan haalli fuudhaafi heerumaa ykn jaarmiyaan kun rakkoo hamaa keessatti kufeera. Rakkoon laafina sirnichaatiin dhufe fuudhaaafi heerumaa qofaan kan ibsamu miti. Miidhaan keessumaa daa’imman durbaarra gahu, maatiin namni jalaa du’e baasii hinmalleef saaxilamuun, torban saawwaa seeraan kunuunsanii qabuu dhabuufi kkfn yeroo ammaa hawaasa keessatti nimul’atu.

Kaayyoo

  • Dhaloonni haaraan kun jaarmiyaa sirna qabu ijaarratee, ilmaan horatee akka warra meetootti (hidda dhalootaa akaakilee duuba jiru) jiraachuu
  • Daa’immaan keessumaa warri shamarranii maatii biraa kunuunsa barbaachisaa argachuu
  • Torban saawwaa kunuunfamanii safuun isaanii eeggamee karaa seera qabeessa ta’een qananii ilma namaatiif ooluu

Mul’ata

  • Hawaasa duudhaa ofiitiif iddoo kennu horachuu
  • Heerota Gadaa keessatti tumananii jiran akkataa barbaachisummaa isaatti hojiira oolchuu
  • Dhaloota gaa’elaaf iddoo olaanaa kennee ilmaan horatee qanani’ee jiraatu horachuu

Galma

Dhaloota aadaa ofii beekee, beeksisee ittiin of ijaaree dirree isaarra nagaan jiraatu arguu,

Oromiyaa akka gaafa warra meetoo sanatti waan dhala namaatiif barbaachisu hundaan guutamte arguu,

Gaa’ela kabajaafi safuunsaa eegamee dhaloonni ittiin walhoru arguu,

Rakkoo Fuudhaafi Heeruma keessatti yeroo ammaa mul’atu

  • Kiisii ykn gabbara humnaa olii
  • Daara baasa (uwwisaa) jedhanii daboo walitti kadhachuu
  • Meeshaa intalli ittiin heerumtu jechuun, meeshaa duudhaaf barbaachisuun alatti meeshaa humnaa olii bituun baasiidhaaf walsaaxiluu
  • Dur hinjirree ‘miinjee’ dubaraa
  • Dur hinjirree uwwisaa seeraan alaa
  • Loomii geessa jechuun daboo walitti kadhachuu

Hacuuccaa daa’immanii

  • Daa’imman hojii humnaa olii hojjechiisuu, umuriin isaanii osoo hingahin tiksee galchuu
  • Ijoolleen shamarranii dirqisifamanii gudeedamuu
  • Umurii malee heerumsiisuu
  • Shamarran daandiirratti bahanii hojii koorniyaa isaanitiin walhinginne hojjechaa jiraachuu

Rakkoo Torban Saawwaa muudachaa jiru

  • Torban saawwaa keessa Fardi isa tokko. Oromoo biratti kunuunsa adda qaba. Sababni isaa Oromoon Fardaan lolee, lolchisee daangaa isaa kabachiifatee jira. Kanaaf beellada kana akka ilmasaatti ilaaluun; Abbaa Bulloo, Abbaa Booraa, Abbaa Magaaliifi kan kana fakkaatan jedhee ittiin walwaama. Faallaa kanaatiin yeroo ammaa haadha Fardaa kan taate qalaamaan bal’inaan hinargamtu. Sanyiin kun itti fufuuf haadhi tun jiraachuu qabdi. Asitti immoo ilmi isheen dhalatte humnasaatii olittii gaarii harkisaa oola.

Rakkoo abbootii Gadaa biratti mul’atu

  • Dhimmaa hawaasaa mogaatti dhisanii fedhii dhuunfatiif bitamuu
  • Yeroo gumaa akka nyaachisaniif qaamni lubbuun namaa harkatti bade gaafate maallaqa hanga kanaa naaf kaffaltu malee hindeemu jechuun maallaqa humnaa olii gaafachuu
  • Hojii uummataatiif osoo hintaane waltajjii mootummaatiif dursa kennu
  • Faayidaa hinmalle argachuuf jecha garee lamaa, sadiitti walqooduun burjaajii uumuu

Rakkoolee armaan olitti eeraman furuuf sodaa jiru

  • Rakkoolee armaan olitti eeraman miidhaa hawaas diinagdee isaan geechisan namni hundi walqixa hubachuu dadhabuu
  • Qaamni dhimmi abbummaan ilaallatu itti siiqee, rakkicha furuurra halaala dhaabbatee ilaaluu
  • Qaama mootummaas ta’e mitmootummaa deeggarsa walii taasisee rakkoo kana furuurra maqaa adda addaa walii kennaa ooluu

Furmaata

  • Waajjiraaleen Hawaasummaa, Aadaafi Turizimii, Dhimmi Dubartootaafi Daa’immannii, Manahojii Abbaa Halangaa, Poolisiifi Manni Murtii Aadaa walitti dhufanii waliin hojechuu
  • Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siiqqeefi maanguddoonni biyyaa rokkoon kun rakkoo hawaasa isaanii ta’uu hubatanii cichoominaan irratti hojechuu
  • Raawwiidhaaf akka tolu abbootiin Gadaa, haadholiin Siiqqeefi maanguddoonni biyyaa seera adabbiiwwan adda addaa sodaa tokko malee baasuu

Raawwiin Gaa’elaa waan ta’uu qabu

  1. “Maacaaf” (kaadhamannaaf) kuma afurii ol fudhatee kan argameefi kennee kan argame adabbii qarshii 20,000
  2. Aadaa fuudhaafi heerumaa keessatti aadaan dur hinjirre nutti dhuftee uummata keenya miidhaa jira. Har’a uwwisaa hanga nama 20 itti uwwisuun warra gaa’ela raawwatus, warra miinjees hubaa jira.

Uwwisaa abbaa, bullukkoo, kan haadhaa wandaboo (qamisii) guutuu, kan akaakayyuu bullukkoo, kan akkawoo qamisii guutuu, kanaan ala uwwisee kan argames, uffatee kan argames adabbii qarshii 50,000

  1. Uwwisaa, guyyaa cidhaa Intalaaf kan godhamuu qabu, qamisii tokko, naxalaa tokko, kophee tokko, shurraabii tokko, uffata jalaan uffatamu tokko, kana kan bituu qabu, warra mucaa qofa. Kana darbee daboo walitti kadhatanii suuqiirra deemanii yoo argaman, gamni lachuu adabbii qarshii 50,000
  2. Meeshaa intalli ittiin heerumtu, agalgilii, saanduqa huccuu, gingilchaa, leemmatii maaddii, gundoo, qunnaa, gundoofi itilleefaa, guyyaa cidhaa misirroo waliin ergee kan argame adabbii qarshii 50,000
  3. Miinjee dubaraa bulchee kan argame, bulee kan argames gama lachuunuu adabbii qarshii 30,000
  4. baasiin gama ‘Miinjee’ dhiiraatiin jirus garmaalee ol ka’ee aadaa keenya gad dhiisaa waan dhufeef haala aadaa keenya ganamaatiin akka raawwatu. ’Miinjee’dhiiraa lama ol bulchee kan argame, bulee yoo argameefi daboo miinjee namni tokko nama 6 ol qabatee deemee yoo argame gama lachuunuu adabbii qarshii 15,000
  5. Loomii geessaa nama kudha lamaa ol ta’ee kan argame adabbii qarshii 10,000
  6. Amaamonni nama 29 ol ta’ee yoo argame adabbii qarshii 20,000
  7. Araaraafi fira walbarsiisuu nama 16 ol ta’ee kan argame, gama lamaaniinuu adabbii qarshii 20,000

Hacuuccaa Daa’immaniifi Dubartootaa ilaalchisee

  1. Daa’imman hojii humnaa olii hojjechiisee kan argame adabbii qarshii 5000 adabama
  2. Shamarran umurii malee heerumsiisee kan argame adabbii qarshii 40,000 adabama
  3. Dubartii gulantaa dabarte dirqisiisee gudeedee kan seera mootummaan gaafatamu akkuma jirutti ta’ee, seera aadaatiin adabbii qarshii 60,000 adabama
  4. Shamarran gulantaa hindabarre dirqisiisee kan gudeede seera mootummaan kan gaafatamu akkuma jirutti ta’ee Seera Aadaatiin adabbii qarshii 100,000 adabama
  5. Shamarran (durba duudaa) firri gudeedee yoo argame, kan seera mootummaan gaafatamu akkuma jirutti ta’ee Seera Aadaatiin adabbii qarshii 200,000 adabama
  6. Shamarran carraa ulfa hinbarbaachisneef saaxilamte, deessee gattee yoo argamte qaama seeraatti dhihaattee adabbii hidhaa cimaan akka adabamtu taasifamuun akkuma jirutti ta’ee, hawaasa irraa adda baafamti.
  7. Ilmi dhiiraa dubara gowwomsee, fedhiidhaaf jedhee fuudhee gale, ija seeraa jalaa dhokaachuuf lamaa sadi bulchee yoo ari’ee argame adabbii qarshii 60,000
  8. Kittaannaa shamarraniirratti qaamni kittaaneefi kittaansisee argame tokkoon tokkoon qarshii 20,000n kan adabamu ta’a
  9. Namni haadha warraa namaa waliin sagaagalee argame lamaan isaaniituu adabbii qarshii 100,000n kan adabaman ta’u.

Kutaa 2ffaa

Seensa

Oromiyaan hundee Sirna Gadaa ta’uunshee ni beekama. Oromoon Sirna Gadaatiin bulaafi waan qabu ittiin bulchaa akka tureefi bulchaa akka jiru ni hubatama. Oromoon Gadaa keessatti saglan addunyaa jedhee waan heerate qaba. Heerri saglan addunyaa kun waan jiruufi jiraa jedhamu of keessaa qaba.

Jiruun nama, jiraan immoo waan namni itti jiraatu. Jiraan bakkaa lamatti qodaama. Kunis afran kottee baqaqaa (Loon, Hoolaa, Re’eefi Gaala) yommuu ta’an, sadan kottee duudaa (Harree, Gaangeefi Farda). Isaan kun qabeenya dhuunfaa kan namni kophaatti qabuudha. Inni lammaffaan yayyaga, qabeenya kiyya jettee fudhattee socho’uu hindandeenyeedha. Fakkeenyaaf, Dachee, Bosona, Laga, Malkaa, Hara, Burqaafi kanneen kana fakkatan yoo ta’an, isaan kana akka waan ofiitti dhuunfaadhaan fudhatanii socho’uun hindanda’amu.

Yayyagni dagalee torban Saawwaati. Kanaaf namni yayyaga kana balleesse adabbii cimaatu itti kennama. Adabbiiwwan kanneen keessaa muraasni, Ilma irraa hinfuusisan, intala itti hinheerumsiisan, yeroo rakkinaafi dhiphinaa bira hindhaabbatan. Kophaasaatti akka hafu taasisu. Yayyagni wantoota ciccimoo jireenya ilma namaatiif barbaachisan wajjin waan wal qabatuuf heerri kun murtii cimaa akkanaa dabarsa.

Kaayyoo

  • Gochawwan dirree wajjin wal qabataniif heerota gadaa kan dirree irratti raawwatamaniif heera tumuu
  • Heera dirreef tumame kanatti fayyadamnee mukkeen yeroo ammaa kana baduuf haala sodaachisaa keessatti argaman Odaa, Harbuu, Qilxuufi Birbirsaaf seera eegumsaa baasuu
  • Mukkeen armaan olitti eeraman kun sababa malee akka hinmuramneefi saanqaa akka hinbaafamne dhorkaa kaa’uu

Manii

  • Dhaloonni haaraan kun akkuma heera Gadaa keessatti kaa’amee jiru, rakkoolee dirree isaarratti mudataniif furmaata kennee dirree isaa kabajee, safeeffatee eeguun dirqama akka ta’e hubachuu
  • Mukkeen qe’ee isaatii baduuf deeman kana kunuunsee, abbaa milkii ta’ee nagaafi tasgabbiin qe’ee isaa jiituufi magariisa taaterra ulfinaafi safuu dirree kabajee dhaloota jiraatu horachuu

Mul’ata

  • Mukkeen yeroo ammaa baduuf jiran kun kunuunfamanii ardaa jilaa ta’anii safuun kaleessa qaban kennameefii arguu
  • Kana malees Godina Shawaa Kaabaa keessatti bakka jiranitti kunuunfamanii namaafi looniif gaaddisa ta’anii arguu
  • Dhaloota haaraa faayidaa mukkeen kanaa hubatanii mukkeen biroof illee kunuunsa taasisuu danda’u horatanii arguu

Barbaachisummaa

  • Odaan mallattoo Oromummaa ta’ee tajaajilaa akka jiru ni beekama. Kanaaf safuun Odaa eegamee mallattoo Oromummaasaa qabatee akka ittifufu taasisuun ni barbaachisa.
  • Odaa, Harbuu, Qilxuufi Birbirsi biqiluu kan danda’an haala ulfaataafi iddoo hinbeekamne waan ta’eef sanyii mukkeen kanaa kunuunsun ni barbaachisa
  • Mukkeen kun amala bishaan lafa keessatti hammatanii qabuufi biyyoo hammatanii qabuu waan qabaniif, dhiqama biyyoo hir’isuufi bishaan qulqulluu argachuuf mukkeen kana kunuunsuun ni barbaachisa

Haala raawwii dhimma bosonaa ilaalchisee

  • Sufuu mukkeen kun dirreerratti qabaniifi faayidaa isaan kunuunsa naannoo keessatti qaban hawaasaaf hubannoo uumuu
  • Sanyii mukkeen kanaa barbaadanii iddoo barbaachisoo ta’anitti dhaabuufi kanneen hiddaan jiranis iddoo jiranitti akka kunuunfaman taasisuu
  • Qaamoleen mootummaa, waajjirri bulchiinsaa godinaa hanga gandaatti jiran haala raawwii kanaaf deeggarsa akka taasisan waliin hojjechuu
  • Waajjirri Abbaataayitaa Jijjiirama Qilleensaafi eegumsa naannawaa qaama dhimmi ilaalu waan ta’eef hojii kanaaf haala mijeessuu
  • Waajjirri poolisii sadarkaan jiru deeggarsa akka taasisu waliin hojjechuu
  • Maaguddonni dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennanii hawaasa bal’aa waliin akka hojjetan taasisuu

Namni Odaa damee mure, jirma jigseefi hundee buqqise gumaa lubbuu namaatiif bahuun walqixa akka baasu ni taasifama.

  1. Qilxuu, Harbuufi Birbirsa akkaataa barbaachisummaa isaatiin maanguddoonniifi qaamni bulchinsaa naannoo ilaalanii akka muramu murtii yoo kennan malee damee muree, jirma jigseefi hidda buqqisee yoo argame, qarshii kuma digdama (20,000) akka adabamu ni taasifama.
  2. Haala qabatamaa yeroo ammaa ilaalcha keessa galchuun mukkeen kana irraa saanqaa baasee namni argame qarshii kuma afurtama (40,000) akka adabamu nita’a.
  3. Gumaafi beenyaa mukkeen kanaaf kaffalu Ilmaan Galaan Godina Shawaa Kaabaa keessatti argamaniifi Ilmaan Oboo godinicha keessatti argaman akka nyaatan ni taasifama.
  4. Beekaa bosonatti abidda kaa’ee kan argame qarshii 100,000n adabama.

Tumaa Fardaa ilaalchisee

  1. Ji’a ja’aan hojii hubannoo uumuufi akkaataa itti gaariin mala biraatiin bakka bufaamutu hojjettama. Kana booda namni safuu beeyiladaa eeguu didee argame qarshii 60,000n adabama.

Eebba manaa ilaalchisee

Akka aadaa Oromootti nama mana ijaaruuf waan danda’uun gargaaruun akkuma jirutti ta’ee, eebba manaa jechuun namni daboo kadhaatee argame qarshii 100,000n kan adabamu ta’a.

Hubaachisa: Qaamni qajeeltoowwan armaan olitti eeraman kanaaf hinabboomamu jedhu yoo jiraateefi adabbii kana hinfudhadhu jedhu yoo argame, akkaataa seera Gadaatiin tumaawwan adda addaa kan itti tumamu ta’a.

Tumaawwan kunneen raawwiidhaaf akka mijatuuf waajjiraalee Bulchiinsaa, Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii, Mana Murtii Aadaafi Mana Hojii Abbaa Alangaa sadarkaan jiraaniif koppii ta’ee kan kennamu ta’a. Adabbiiwwan qajeeltoo kanarraa argamanis Aanaa, Aanaa isaanii keessatti Mana Murtii Aadaatiif akka galu ta’a.

Kutaa qophiirraa

Ittigaafatamtuu Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Shawaa Kaabaa, Meeroon Makonnin barreeffama suura wajjin qindeessanii nuu erguusaaniitiif guddisnee galateeffachaa ittigaafatamtoonniifi ogeessonni godinaalee kaaniis ta’e aanaalee barreeffamoota akkanaafi kkf yoo nuu ergitan keessummeessuuf qophii ta’uu keenya ibsina.

BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016

Recommended For You