Sossochii dhaloota beekumsa saayiinsiifi teknolojiin ga’oome horachuu

Finfinnee: Biyyoota guddina rogawwan maraan fagaataniif bu’uurri saayiinsiifi teknolojii ta’uu kan hubate Biiroon Barnoota Oromiyaa barbaachisummaa Inistitiyuutii Qorannoo Saayiinsiifi Teknolojiirratti yaada walitti qabuuf kaleessa waltajjii marii qopheesseera.

Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo haasaa baniinsaa taasisaniin akka jedhanitti, addunyaa carraafi yaaddoon  walmakee jiru keessatti fayyadamaa ta’uu gaheen saayiinsiifi teknolojii murteessaadha. Biyya egeree badhaatuu qabdu arguuf dhaloota saayiinsiifi teknolojiidhaan ga’oomsuurratti biirichi xiyyeeffannaan hojjetaa jira.

Oromiyaan barattoota qaxalee dandeettii addaa qaban manneen barnootaa addaa keessatti barsiisaa jiraachuu kaasanii; barattoota kunneen haala barbaadamuun, keessattuu beekumsa saayiinsiifi teknolojiin guddina biyyaa keessatti akka ba’ataniif Inistitiyuutii Qorannoo Saayiinsiifi Teknolojii hundeessuun sochiin eegalamuu dubbatu. Barattoota alatti erguurra akka asumatti beekumsa barbaachisu horataniifis ogeeyyii damichaa wajjin walitti dhufeenyaan hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Haaluma kanaan Saayiintistii beekamaan Dhaabbata Qorannoo Hawaa (‘NASA’) Ameerikaa keessa hojjetaa kan jiran Doktar Biraanuu Taaffasaa Bulchaa dhimma kanarratti Oromiyaa waliin akka hojjetaniif sochiin eegalamuu himanii; hayyichi giddugala qorannoo 35 akka biyyaatti hundeessan keessaa sagal Oromiyaa keessatti kan hundeeffaman  ta’uu Doktar Tolaan ibsaniiru.

Waltajjicharratti waraqaa qorannoo kan dhiyeessan Doktar Biraanuun gamasaaniin, qabeenyi qabeenya caalu qabeenya beekumsarra oole ta’uu dubbatanii; biyyootni addunyaa yeroo ammaa guddina roga maraan dursaa jiran xiyyeeffannoo saayiinsiifi teknolojiif kennaniin ta’uu hubachiisaniiru.

Qabeenya addunyaa jijjiiruuf biyyootni saayinsiifi teknolojiirratti dhangalaasaa jiran keessaa adda durummaan gumaachaa kan jirtu Ameerikaa yommuu taatu Chaayinaan sadarkaa lammaffaarra jiraachuu eeranii; Ameerikaan hojii qorannoofi qo’annoo baasii doolaara biliyoona 750 (%28) wayita dursitu, Chaayinaan baasii doolaara 520 (%22) sadarkaa lammaffaarra jiraachuu ibsaniiru. Biyyootni kunneen xiyyeeffannoo beekumsaaf kennaniin qabeenyaanis addunyaa hogganaa akka jiran ibsaniiru.

Ameerikaan qorannoo hawaaf maallaqa hedduu baasii taasisuusheef lammiileen biyyattii hedduun qeeqamaa turuu himanii; har’a garuu Ameerikaan tuurizimii addeessarraan galii hedduu maddisiisuuf karoorfachuunshee lammii biyyattii boonseera jedhaniiru. Itoophiyaa jijjiiruufis  lammiilee biyyattiif dhimmootni dursa ta’uu malan baay’een osoo jiranii waan egereerratti xiyyeeffachuun dirqama ta’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan jireenya Itoophiyaanota jijjiiruuf hojii saayiinsiifi teknoolojiin dhaloota qaruurratti of kennanii hojjechaa jiraachuu himanii; hojii kalaqaa hanga ammaatti manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa Itoophiyaa keessatti hojjetaniin bu’aan qabatamaan argamuu dubbataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “Sossochii dhaloota beekumsa saayiinsiifi teknolojiin ga’oome horachuu”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: phuket dive center

Comments are closed.