– Hanga ammaatti qarshii biliyoona 52 hirpha guddistuu callaatiif ooleera
Finfinnee: Raawwiin hojii damee qonnaa ji’oota shanan darbanii jajjabeessaa ta’uu Minsteerri Qonnaa ibse
Ministirri Qonnaa Doktar Girmaa Amantee raawwii ministeerichaarratti Kamisa darbe gaazexeessitootaaf akka ibsanitti, qabeenya uumamaafi haala mijataa biyyattiin qabdu bu’uura godhachuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf raawwiin hojii qonnaa ji’oota shanan darbanii jajjabeessaadha. Bittaan xaa’oo kuntaala miliyoona 15.8 raawwatamuu walqabsiisuun ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, sagantaa omisha midhaaniifi holtiikaalcharii jalatti qonna gannaattiin lafa hektaara miliyoona 17.5 sanyiidhaan uwwifameera. Hanga ammaatti lafa hektaara miliyoona 11.89 irraa omisha sassaabameen callaa kuntaalli miliyoona 140 argameera.
Hojii damee qonnaa bara 2016/2017tti guddistuu callaa kuntaala miliyoona 19.4 bituuf eeyyamame keessaa kuntaalli miliyoona 15.8 bittaansaa raawwateera. Kan bitame keessaa kuntaalli kuma 380 ol ta’u buufata doonii Jibuutii ga’uun, metirik tooniin 255fi 206 biyya keessa galeera. Raabsi guddistuu callaa biyya keessa seenee karaa waldaalee akka gaggeeffamu himanii; toonii 63,825.48 karaa waldaalee hojii gamtaa raabsameera. Walumaagala mootummaan waggoota sadan darban keessatti qarshii biliyoona 52 hipha guddistuu callaa oolchuu ibsaniiru.
Misooma beeyladaafi qurxummiin walqabatee aannan liitira miliyoona 5,726, foon toonii 328.2, killee (buuphaa) miliyoona 3,055, foon lukkuu toonii kuma 88.8, qurxummuu toonii 38.4 baatiiwwan shanan darbanitti omishuun danda’ameera.
Raawwii misoomaafi ittifayyadama qabeenya uumamaatiin walqabatee biqiltuuleen biliyoonni 7.5 dhaabamaniiru. Madaallii koreen teknikii biyyaalessaa gaggeesseen biqiltuuleen dhaabaman dhibbanataa 85 qabachuu himanii; bara 2106/2017tti naanoleen karoora hiixataa baafachuun biqiltuu biliyoona 9 qopheessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannolee hundatti hojii qonna qamadii bonaa lafa hektaara miliyoona sadii qotuun callaa kuntaala miliyoona 117.33 argachuuf hojjetamaa jira. Hanga ammaattis lafa hektaara miliyoona 2.4 qonna aadaafi makaanaayizeeshinii fayyaadamuudhaan qotamerraa hektaarri miliyoona 1.9 sanyiidhaan uwwifameera.
Akka waliigalaatti sassaabbii omishaa kutaalee biyyaatti gaggeeffamaa jiru dabalatee hojiin damee qonnaa baranaa kan ji’a shanii jajjabeessaa ta’uu ibsa kennamerraa hubachuun danda’ameera.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016
5 Comments to “ Raawwiin hojii damee qonnaa ji’oota shanan darbanii jajjabeessaadha”
Comments are closed.