Pirojektiin Ikkoo Turizimii Wancii-Dandii eebbaaf qophaa’aa jira

Finfinnee: Qaama pirojektii “Maaddii Biyyaaf” keessaa tokko kan ta’e, pirojektiin meeggaa Ikkoo Turizimii Wancii-Dandii eebbaaf qophaa’aa jiraachuu qindeessaan pirojektichaa ibsan.

Qindeessichi Obbo Dhaabaa Jinfeessaa gaafdeebii kaleessa Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, pirojektiin meeggaa Ikkoo Turizimii Wancii-Dandii dhiyeenyatti sirna ho’aadhaan eebbifamuuf jedhuuf qophiileen barbaachisan xumuramaniiru.

Pirojektiin ijaarsisaa waggaa lama dura jalqabame kun xumuramee bakka aanga’oonni mootummaa federaalaafi naannolee akkasumas hawaasni naannawaa argamanitti eebbifama jedhaniiru.

Ijaarsa pirojektichaa keessatti hojiilee baay’een raawwatamuu eeranii, daandiin Haroowwan Wanciifi Dandii walquunnamsiisu, tiraakiin atileetotaaf qophaa’e, pikiniikonni mana nyaataa tabba Wanciirratti hojjetamaniifi karri guddaan Wancii pirojektota ijaarsisaanii xumuramee eebbaaf qophaa’an keessaa isaan muraasa. Karrichi akka turistootaaf mijatutti kan hojjetame ta’uufi konkolaattota 200 qabachuu kan danda’u ta’uus eeraniiru.    

Karri Wancii kun wantoota hedduu kan of keessaa qabu ta’uu himanii, baankiin, bakki tikeetii ittimuratan, gaalariin iddoowwan hawwata turistii Oromiyaa keessa jiran agarsiisus karricha keessatti argamu. Hojii gama turizimiin jiru caalaatti milkeessuuf Komishiniin Turizimii Oromiyaa bakkichatti waajjira banatee hojjechaa jiraachuus  eeraniiru.

Pirojektii Ikkoo Turizimii Wancii-Dandii kana kan bulchu ‘IJA Developers Share Company’ ta’uus himanii, kaampaanichis achumatti waajjira banatee hojjechaa jira. Loojii guddaan sadarkaasaa eeggateefi manneen viillaa tuuristoonni keessa bulan akkasumas manneen aara ittigalfatan bakkichatti hojjetamanis torban har’aa kan eebbifamu ta’uu dubbataniiru.

Pirojektiin Ikkoo Turizimii Wancii-Dandii pirojektii guddaa yeroo gabaabaa keessatti qulqullinasaa eegee hojjetamee xumuramee eebbaaf kan qophaa’e kun hawaasa naannawichaa fayyadamaa taasisuu keessattis qooda guddaa qaba jedhaniiru. 

Pirojiktichi yoo xiqqaate hawaasa naannawichaa namoota 560f carraa hojii kan uumu ta’uus Obbo Dhaabaan eeranii, dargaggoonni fardeen dhiyeessuun, nyaatawwan adda addaa qopheessuun, kaaffeewwan gara garaa keessatti ramadamuun galii argatanii akka jireenyasaaniifi maatiisaanii utubaniif carraa bal’aa akka uumuuf dubbataniiru.

Pirojektichi ummataaf waan hojjetameef hawaasni naannawichaa keessummoota sirna eebba pirojektichaarratti argaman kabajaafi jaalalaan akka simataniifis dhaamsa dabarsaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “Pirojektiin Ikkoo Turizimii Wancii-Dandii eebbaaf qophaa’aa jira”

  1. Pingback: nebraskawut porn
  2. Pingback: bacon999
  3. Pingback: bdsm videos

Comments are closed.