Harargee Bahaatti dhimmoonni kuma 19 ol manneen murtii aadaatti furmaata argatan

Finfinnee: Godina Harargee Bahaatti ji’oota shanan darban keessatti dhimmoota 28,926 Manneen Murtii Aadaatti dhiyaatan keessaa 19,056 furmaata argachuu Manni Murtii Olaanaa godinichaa beeksise.

Pirezidaantiin mana murtichaa Obbo Bukaarii Kadiroo Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, bu’uura labsii hundeeffama Mana Murtii Aadaa lakk.240/2013)tiin jalqaba bara 2014 irraa eegalee aanaalee godinichaa 21fi bulchiinsa magaalaa lameen godinichaa keessatti Manneen Murtii Sadarkaa Jalqabaa 591fi Manneen Murtii ol Dabarfataa 23 hundeessuun danda’ameera.

Akka isaan jedhanitti, bara 2015 Manneen Murtii Aadaa hundeeffaman kan sadarkaa jalqabaafi ol dabarfataaf dhimmootni 89,072 dhiyaatanii 79,192 furmaata kan argatan yoommuu ta’u dhimmootni hafan ammoo adeemsarratti argamu.

Dhimmoota 79,192 karaa Mana Murtii Aadaatiin furmaata argatan kunneenis iyyata barreessuufi abukaatoo baasii ba’uu malu qarshii miliyoona 238tti tilmaamamu abbootii dhimmaaf hanbisuu danda’uus ibsaniiru.

Baay’ina dhimmoota Mana Murtii idileef dhiyaatanis hir’isuuf Manni Murtii Aadaa shoora olaanaa taphachaa jira kan jedhan Obbo Bukaariin; osoo manni murtii kun tajaajila kennuu hinjalqabin dura Mana Murtii idileetif godinichatti bara 2014 galmeewwan himannaa 74,000 kan dhiyaatan yommuu ta’u bara 2015 ammoo galmeewwan 67,000tu dhiyaate jedhaniiru.

Bara 2016tti galmeewwan 9,657 galmee bara 2015 irraa as darbaniifi galmeewwan haarofti ammoo 17,650 waliigalatti galmeewwan 27,307 sadarkaa jalqabaaf dhiyaatan keessaa hanga Muddee 5 bara 2016tti galmeewwan 17, 496 furmaata kan argatan yommuu ta’u, galmeewwan 9,811 ammoo adeemsarra jiraachuu ibsaniiru.

Bara bajatichaatti Mana Murtii Ol dabarfataaf galmeewwan himannaa 1,609 dhiyaatan keessaa 1,560 furmaata argataniiru jedhanii; waliigalatti Manneen Murtii sadarkaa lamaan irratti ji’oota shanan darbanitti dhimmootni 19,056 ta’an furmaata argataniiru, dhimmoota furmaata argatan kanaanis baasii abbootii dhimmaa miliyoona 57tti tilmaamamu hambisuun akka danda’ames dubbataniiru.

Hunda caalaa, dhugaa abbootii dhimmaa baasuufi namootni wal dhaban haaloo akka walitti hin qabanne gochuuf gaheen Mana Murtii Aadaa olaanaadha jedhanii; manneen murtii kana jajjabeessuuf hudhaalee jiran furuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jira.

Manneen murtii kunneen jajjabeessuuf tokko tokkoonsaaniif lafa kaaree meetira 200 kan kenname yommuu ta’u, kanneen hafaniifis lafa ijaarsaa kennuuf adeemsarra akka jiru hubachiisaniiru. Jaarsolii dhimmoota ilaalaniifis barreessaa qacaruuf sochiin taasifamaa jiras jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Harargee Bahaatti dhimmoonni kuma 19 ol manneen murtii aadaatti furmaata argatan”

  1. Pingback: Ford Everest
  2. Pingback: Pharmaceutics

Comments are closed.