Hanga Sadaasa 17tti lafa hektaara miliyoona 7.4 irraa omishni sassaabame

• Qonna qamadii bonaan lafti hektaara miliyoona 1.6 sanyiin uwwifameera

Finfinnee: Sassaabbii omishaa hanga Sadaasa 17 bara 2016tti gaggeeffameen lafa hektaara miliyoona 7.4 irraa omishni sassaabamuu Ministeerri Qonnaa ibse.

Ministeerichatti Raawwachiisaan Hojii Sabquunnamtiifi Kominikeeshinii Obbo Kabbadaa Laaqawuu Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, hojii qonna gannaa bara 2015/2016tti hektaara miliyoona 17.5 sanyiidhaan uwwifamerraa sassaabbii hanga Wiixata darbeetti gaggeeffameen hektaara miliyoona 7.4 irraa omishni sassaabameera. Hojii qonna qamadii bonaanis hektaarri miliyoona 1.6 ol sanyiidhaan uwwifamuu ibsaniiru.

Akkasaan jedhanitti, roobni yeroo isaa hineeggatiin omisha baranaa akka hinballeessineef hojiin odeeffannoo Institiyuutii Metiworolojii Itoophiyaarraa darbu hawaasa biraan ga’uu hojjetamaa jira. Haaluma kanaan sassaabbiin omishaa naannolee hundaa keessatti gaggeeffamaa jira. Haala qabatamaa amma jiruun lafa hektaara miliyoona saddeet irraa omishni sassaabbiif ga’ee jira. Mala aadaan hektaara miliyoona 6.9, teknolojii fayyadamuun hektaara kuma 491 ol, waliigalaan hektaara miliyoona 7.4 irraa omishni sassaabameera.

Omishni sassaabame hundi akka hincalleeffamne himanii, kan hektaara miliyoona 2.4 sassaabamerraa callaa kuntaala miliyoonni 70n argamuu eeranii, naannoo Oromiyaatti callaan kuntaala miliyoona 57, naannoo Amaaraatti hektaara kuma 110 sassaabamerraa callaa kuntaala miliyoona 2.8 argamuu akka fakkeenyaatti kaasanii, roobni yeroosaa hineegne wayita ammaa mudate sassaabbii omishaarratti dhiibbaa uumaa jiraatus duula barattootaa fayyadamuun osoo omishni hinqisaasa’in sassaabamuu akka qabu himaniiru. Hojiin omisha hafe calleessuufi sassaabuu qindoomina hoggansaa, barataafi hawaasaan haala qilleensaa mijawaa hordofuun gara fuulduraattis cimee akka ittifufu hubachiisaniiru.

Haaluma walfakkaatuun hojiin qamadii bonaa ittifufuu ibsanii, sadarkaa biyyaatti qonna qamadii bonaan hektaara miliyoona sadii sanyiidhaan uwwisuun callaa qamadii kuntaala miliyoona 117 argamsiisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himu.

Hojii hanga Sadaasa 17tti hojjetameenis mala qonna aadaan hektaara miliyoona 1.1, tiraaktaraan hektaara kuma 638 waliigala hektaara miliyoona 1.8 qotuun danda’amuufi lafa qotame keessaa hektaarri miliyoona 1.6 sanyiidhaan uwwifamuu himanii, hojiin sanyiidhaan uwwisuu gara fuulduraatti cimee akka ittifufu ibsaniiru.

Hojiin qonna jallisii idilee haaluma walfakkaatuun hojjetamaa jiraachuufi qonna qamadii gannaa, arfaasaafi jallisii bonaa fayyadamuun fedhii qamadii biyya keessaa guutuun akka danda’ame kaasu.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “Hanga Sadaasa 17tti lafa hektaara miliyoona 7.4 irraa omishni sassaabame”

  1. Pingback: eat pussy

Comments are closed.