Bishooftuu: Fedhiin akka allaattiiwwanii samii keessa barrisuu barootaaf dhala namaa keessa bule obbolaa lameen lammii Ameerikaa Olbaraayitiifi Wilbaraayitiin dhugoome waa hedduu jijjiireera. Fedhiin dhala namaa samii keessa balali’uu qofatti daangeffamuun hafee yeroo ammaa kana xiyyaarri meeshaa waraanaa ta’uun haala dirree lolaa jijjiiraa jira.
Har’as kan geejibaa haa ta’u kan waraanaa fedhiin balaliisaa xiyyaaraa ta’uu filannoo namoota hedduu ta’ee jira. Yeroo ammaa hangi xiyyaara waraanaa biyyi tokko qabdu olaantummaa biyya sanaa daran murteessa. Yeroo xiyyaarri tokko tooftaa waraanaa salphisuun humnoota lafoo hedduu bakka bu’ee raajii dalagu keessa jirra. Tooftaan lolaa guddina teknoolojii faanaa tarkaanfachuun xiyyaara nama maleeyyii hanga lola saayibarii dhaqqabuu danda’eera.
Tibba darbe guyyaa kabaja Humna Qilleensa Itoophiyaa waggaa 88ffaa sababeeffachuun Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa namoota ogummaa xiyyaara balaliisuun eebbifaman tokko tokko waliin turtii taasiseera.
Kaadhimamtuu Qondaalaa Ayinaalam Ascannaaqii bara 2010tti Humna Qilleensaatti makamte. Ijoollummaatti sagantaa poolisii dhiyaatu hordofaa turuunshee Huma Qilleensaatti makamuuf ka’umsa isheef ta’uu dubbatti. Wayita Humna Qilleensaatti makamtu akka har’aa waan hunduu mijataafi guutuu hinturre. Ta’us, qixa dhiiraa jabaattee hojjechuun bu’aa ce’ii hedduu booda milkaa’uusheetti daran gammaddi.
Ju’eek Daawwit Taaddasaa ammoo ogummaa lola elektirooniksiifi to’annoo raadaaraan qabxii olaanaan eebbifame. Akka inni jedhutti, balaliisaa xiyyaaraa ta’uun fedhiisaa qofa osoo hintaane kadhannaasaa ture. Ulaagaa kanaan isa ga’urrattis jabaatee hojjechuusaatiin ulaagaa dhiyaate hunda ga’umsaan keessa darbuun hawwiisaa ganamaan walitti ba’e.
Xiyyaara balaliisuu qofti ga’aa akka hintaane ibsee, to’annoo raadaariin alatti xiyyaaraa balaliisuun rakkisaa waan ta’eef ogummaa raadaaraa qixa sirriin gonfachuu hima. Waraana keessattis ta’e sochii idileerratti haalli itti xiyyaara kallattii gadlakkisiisaniifi kallattiitti deebisan jechuunis raadiyooaktiiviifi raadiyoojaamiingiin dhimma ijoo ta’uufi innis kana raawwachuu bira darbee dandeettii raadaaraa fooyyessuu iyyuu gonfachuusaa dubbata.
Amma xiyyaara balaliisuu qofa osoo hintaane birmadummaa biyyaa kabachiisuun milkaa’uu duuba itti gaafatamummaa jiru hubachuusaa kan ibse balaliisaan kun; hanga copha dhiigasaatti kabaja biyyattiif akka hojjetu hima. Hundaa ol jaalalli mooraa sanatti sabaafi sablammoota gidduu jiru isa tokko dura hanga aarsaa ta’uuf qophaa’uutti kan nama dirqisiisu ta’uus ibseera.
Haaluma walfakkaatuun Ajajaan Dhibbaa Ju’eek Lulee Lammaa ijoollummaasaa kaasee fedhiin balaliisaa xiyyaaraa ta’uu guddaa akka qabu dubbata. Hawwii keessasaa bule dhugoomsuun garuu imala daandii dheeraa isa gaafateera. Barumsa sadarkaa 2ffaa xumuree wayita barnoota fayyaan yunivarsiitii Hawaasaa seenu abjuun balaliisummaa kan milkaa’u itti hinfakkaanne. Barumsasaatti cimee osoo qabxii olaanaa galmeessaa jiruuti Humni Qilleensa Itoophiyaa beeksisa leenjii balaliisummaa kan baase.
Inni hawwii ganamaa sanaan walitti ba’uuf beeksisa sana dorgomee darbuun balaliisummaa xiyyaaraan leenji’uu jalqabe. Hawwiifi fedhii ganamaan walitti baanaan milkaa’inni salphaadha kan jedhu balaliisaan kun, barumsasaa xumuruun Humna Qilleensaa keessatti balaliisaa olaanaa damee xiyyaara geejibaa ta’uu ibseera.
Ta’us namni dandeettii cimaa qabu kun balaliisaa qofa osoo hintaane barsiisaa ta’uun waan isarraa barbaadamuufi leenjii balaliisummaa sadarakaa idilee addunyaa madaaluu ga’umsaan xumuruun eebbaaf ga’eera. Hundaa ol, Humna Qilleensaa sa’aa 24 guutuu guyyoota maraa birmadummaa biyyaa tiksuu keessa hojjechuun kabaja ta’uus himeera.
Dabalataanis mooraa Humna Qilleensa Itoophiyaatti dawwanne Itoophiyaan haala gama teknoolojii waraanaan haala gaariin addunyaa duukaa tarkaanfachaa jiraachuu nutti mul’iseera. Xiyyaaronni waraanaa ammayyaa’oon, xiyyaaronni nama maleeyyiin, humni nama leenji’ee, bu’uuraaleen Humna Qilleensaa, Raadaaronniifi Raadiyoon Qunnamtii daawwataman hundi hamilee guddaa kan namatti horaniidha.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016
2 Comments to “ Dhaloota hawwii ganamaa dhugoomfataniifi birmadummaa biyyaaf onnatan”
Comments are closed.