Komishiniin Marii Biyyaalessaa marii namoota addaddaa, hayyoota, barsiisota, kutaalee hawaasaa, hawaasa siviikii, abbootii amantiifi ogeessota garagaraa wajjin taasisu ittifufeera.
Dhiyeenyumallee abbootii Gadaa, haadholii Siinqeefi Waaqeffattoota wajjin haala hirmaannaafi adeemsa marii biyyaalessaa Naannoo Oromiyaarratti mari’ateera.
Gaazexaan Bariisaas hirmaattota waltajjichaa keessaa hayyoota lama Pirezidaantii Waldaa Amantii Waaqeffannaa Addunyaa Doktar Qana’aa Lammiifi Abbaa Gadaa Tuulamaa Duraanii Naggasaa Nagawoo dubbiseera.
Isaanis kaayyoo ijoon marii biyyaalessaa mari’atanii, waliigaltee uumuu ta’uu eeranii, Komishiniin Marii Biyyaalessaas akkaataa marii, waan irratti mari’atamuufi xiinsammuu, beekumsaafi meexannoo qaamolee addaddaatti adda qoodanii haasoofsisaa turuu yaadachiisuun isaaniifis waltajjiin kun qophaa’uu ibsaniiru. Yaada galteef ta’u gumaachuus eeraniiru.
Biyya kana keessa bakki waliigalteen jiru akkuma jiru bakkeewwan muraasatti immoo waliigalteen hinjiru. Kanas maaltu waliigaltee dhoowwa, akkamiinis hiikna kan jedhurratti namuu waanuma barbaade dhimmoota addaddaarratti yaada kaasaa ture. Kanarraas yaadni galtee walitti qabamaa turuu himu.
Keessumaa Doktar Qana’aan akka nama dhuunfaa tokkootti adeemsi akkanaa sirna Gadaa Oromoo keessatti, “ilaafi ilaameedhaan’ kan beekamu ta’uufi caasaa mootummaa keessatti baratamaa dhufuu eeraniiru. Kun ta’uunsaa ammoo jajjabeessaa ta’uufi ummannis yoo ittifayyadame bu’aa buusuu akka danda’u dubbatu. Paartiileen siyaasaas kanarratti fedhii qaban agarsiisuunsaanii kan jajjabeeffamu ta’uu ibsu.
Marichis sadarkaa sadarkaadhaan kan ittifufu ta’uufi waan namni hundi hirmaachuu hindandeenyeef bakka bu’ummaadhaan ajandaa tolchanii mariisisuun waligalteerra akka ga’amu taasifama jedhan.
Mariin biyyaaleessaa kun akka milkaa’uuf hunduu tumsuu akka qabu eeranii, isaan akka bakka buutoota Waaqeffannaatti yommuu hirmaatan duudhaa (value) ibsuusaaniif qaamni mariisises ittigammadee fudhachuu dubbatu. Fakkeenyaaf Waaqeeffannaa keessatti “Dhugaan ilma Waaqi” jedhama. bakka dhugaan hinjirre, Waaqni hinjiru; bakka Waaqni hinjirremmoo nagaan hinjiru jedha jechuun ibsan.
Kanaaf isaanis dhugaa qabatanii akka hojjetan ibsuusaaniifi walamanuu, amanamuun, walqixxummaadhaan loogii tokko maleessa kan jedhus qabatanii akka deeman ibsuusaanii himu.
Haaluma kanaan inni mar’iatus carraa kanatti fayyadamuun yaada hundaaf tahu dhiheessee yoo irratti mari’ate, warri mariisisus yaada dhihaate loogii tokko malee fudhachuun akka hojiirra oolu yoo taasisan marichi milkaa’uu danda’a jedhu.
Gama biraatiin komishinichi leenjii waltaatotasaa Oromiyaatiif kennaa ture xumuruu torban darbe beeksisuunsaa niyaadatama.
Saamraawit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016
5 Comments to “ Adeemsi marii biyyaalessaa ilaafi ilaamee Oromoo wajjin walfakkaata”
Comments are closed.