Finfinnee: Adeemsi baruu barsiisuu haala gaariirraa jiraachuu hoggansi yuunivarsiitiwwanii Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa Roobii darbee haasofsiise ibsan.
Pirezidaantii Ittaanaan Dhimma Barnootaa Yuunivarsiitii Wallaggaa Doktar Malkaa Hiikaa akka jedhanitti, yuunivarsiitichi qophii barbaachisu xumuruun bara kana marsaa sadiin barattoota simateera. Barattootni fayyaa baratan ganna barnoota wayita itti fufan, barattoota buleeyyii Fulbaana 21 wayita gabatee barnootaatti deebi’an, barattoota haaraafi kanneen barumsa fooyya’iinsaa barataa turan waliigalatti barattoota 2,500 ta’an marsaa sadaffaan simataniiru.
Barana haalli nageenyaa fooyya’aa waan ta’eef simannaa barattootaarratti rakkoon akka hinmudatne ibsanii; barattootni naannolee biroorraa dhufan hanga tokko guyyaafatanii dhufanis ammaan tana adeemsi baruu barsiisuu eegalamee haala gaariirra jiraachuu dubbataniiru. Barattootni haaraan barana simatan karooraa gadi ta’us lakkoofsi barattoota rimeediyaaliif gara yuunivarsiitichaa dhufaniin walitti ida’amee baay’inni barataa karooraa ol ta’uu danda’a jedhan.
Qaala’iinsi gatii dhiyeessii nyaata barattootaarratti hanga tokko dhiibbaa qabaatus bara darbe midhaan hanga tokko olkaa’ametti fayyadamuun dabalata gabaarraas hanga tokko bituuf sochii taasisaa jiraachuu himanii; hanqinni keemikaalli manneen yaalii keessatti hojiirra oolanii jiraatus adeemsa baruu barsiisuurratti rakkoon uumaa jiru akka hinjirre dubbataniiru. Barattoota fedhii addaa qaban adda baasuun deeggarsi barbaachisaan taasifamaa akka jirus ibsaniiru.
Barattoonni barana yuunivarsiitii seenan milkaa’oo ta’uu kaasanii; barattoota muraasa kanneen beekumsaafi dandeettii barbaachisu hidhachiisuuf yuunivarsiitichi xiyyeeffannaan hojjetaa jira. Barsiisaanis waan hojiisaatiin madaalamuuf xiiqiidhaan akka hojjetu waliigalteerra ga’ameera. Hawaasni barnootaa sadarkaan jirus milkaa’ina qulqullina barnootaaf tumsa barbaachisu taasisuu qabas jedhan.
Waraana biyyattii gara kaabaatti taasifameen mancaatii guddaaf kan Saaxilame Yuunivarsiitiin Addigiraat birmannaafi tumsa mootummaafi dhaabbileen federaalaa barattoota dura turanirratti haaraa simachuun adeemsa baruu barsiisuu raawwachaa jiraachuu daarektarri kominikeeshinii yuunivarsiitichaa Obbo Yohaannis Kabbadaa ibsaniiru.
Akka isaan jedhanitti, yuunivarsiiticha guutummaatti suphuun bakka turetti deebisuuf maallaqa guddaa gaafata. Ta’us tumsa mootummaa federaalaatiin wantootni murteessoon sirreeffamanii yeroo ammaa barattoota haaraafi buleeyyii 6000 simatee barsiisaa jira. Haa ta’uutii, sababa waraanichaatiin doktaroonniifi ogeessonni tokko tokko naannicha waan gadlakkisaniif barnoota fayyaarratti hanga tokko qaawwa uumeera.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016
5 Comments to “ Adeemsi baruu barsiisuu yuunivarsiitiwwanii haala gaariirra jiraachuun ibsame”
Comments are closed.