Aanaalee 327tti bakka bu’ootni yaada ajandaa marii dhiyeessan adda baafaman

Finfinnee: Namoonni ummata bakka bu’uun yaada ajandaa mariif dhiyeessan aanaalee 327tti adda baafamuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa ibse.

Dubbi himaan komishinichaa Obbo Xibabuu Taaddasaa ibsa laleessa gaazexeessitootaaf kennanniin akka jedhanitti, ummata bakka bu’uun yaada ajandaa marii namootni dhiyeessan aanaalee 327 adda baafamaniiru.

Hirmaattota qopheessuu, namoota ummata bakka bu’anii yaadota ajandaa mariif ta’an dhiyeessan adda baasuu dabalatee waliigalaan aanaalee 700tti hojii milkaa’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Akka ibsasaanitti, yaadota ajandaaf dhiyaatan dhiyeessuuf namootni ummata bakka bu’an naannolee Sidaamaatti aanaalee 45, Itoophiyaa Kibba Dhihaa 57, Beenishaangul Gumuzi 24, Haraarii sagal, Dirree Dhawaa 12, Gaambeellaa 14, Finfinnee 119, Itoophiyaa Giddugaleessaa 20 akkasumas Affaaritti 27 adda baafamaniiru.

Aanaalee naannolee Itoophiyaa Kibbaa 97, Sumaalee 102fi Oromiyaatti 17 walumaagalatti aanaalee 370 keessatti hojiin hirmaattota adda baasuu adeemsifamaa jiraachuu himaniiru.

Haala qabatamaa naannolee Amaaraafi Tigiraayiin aanaalee 276 Amaaraafi aanaalee Tigraayi hundatti hojiin hirmaattota adda baasuu eegalamuu baatus sadarkaa qophiirra jiraachuu ibsaniiru.

Komishinichi hawaasa dayaasporaa yaadota ajandaa marii biyyaalessaa dhiyeessuurratti akka hirmaataniif hojii komishinichaa hanga ammaatti hojjetaman hubatanii akka ittihirmaataniif haala mijataa uumuuf hojjetamaa jira. Hanga ammaatti Afrikaa, giddugala bahaa akkasumas Awurooppaa jiraatan waliin marii milkaa’aan gaggeeffamuu ibsaniiru.

Hojiin hirmaattota adda baasuu cimee ittfufuun adeemsa marii biyyaalessaa gaggeessuuf taasifamaa jiru gara sadarkaa ittaanuutti ceesisuu himanii; naannolee hirmaattota adda baasuun xumurametti namoota yaadota ajandaa dhiyeessan adda baasuuf qophiin haalduree taasifamaa jira jedhan.

Hubannoo ummataa cimsuuf dhaabbilee miidiyaalee 60 waliin mariin gaggeeffameera. Dabalataanis hojii hubannoo uumuu cimsuuf sabqunnamtiilee naannawaa wajjin xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus beeksisaniiru.

Gidduseentummaa qaama kamiiyyuu akka hin qabne himanii; namoota dhuunfaa, dhaabbilee barnootaafi qo’annoo irraa yaadonni ajandaaf dhiyaatan marii biyyaalessaatti hammachiisuuf hojjetamaa jiraachuus Obbo Xibabuun ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016

Recommended For You

6 Comments to “Aanaalee 327tti bakka bu’ootni yaada ajandaa marii dhiyeessan adda baafaman”

  1. Pingback: one up shroom bars
  2. Pingback: spice on paper,
  3. Pingback: condomnium

Comments are closed.