Oromiyaatti lafti saamame heektarri kuma tokkoofi 897 akkasumas qarshii miliyoonni 500 ol deebi’e

Adaamaa: Naannoo Oromiyaatti waggoottan sadan darban lafti heektaarri kuma tokkoofi 897 akkasumas, qarshiin miliyoona 500 saamamee ture harka mootummaatti deebi’uu Komishiniin Namuusaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa beeksise.

Komishinarri komishinichaa Obbo Abdallaa Oggatee guyyaa farra malaammaltummaa 18ffaa sadarkaa Oromiyaa magaalaa Adaamaatti Kibxata darbe kabajamerratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, malaammaltummaan olaantummaa seeraa dadhabsiisuun mirga namoomaafi mirga dimokraasii sarbuun alatti afaan mootummaafi ummataa wal jala dabarsuun biyya diiga.

Malaammaltummaan gochaa yeroodhaa gara yerootti amala jijjiirratuufi walxaxaa ta’uu eeranii, gocha hamaa kana dhabamsiisuuf hoggansa mana hojii mootummaa ofiisaatiif malaammaltummaarraa bilisa ta’uun fakkeenya ta’eefi ummata tajaajila qarshiin bitachuu jibbu uumuun dirqama tahuu hubachiisaniiru. Gocha badaa kana balleessuuf hubannoon ummataa murteessaa waan ta’eef namoota miliyoona 6.2f leenjiin hubannoo cimsuu akka naannichaatti kennamuus dubbataniiru.

Akka naannoo Oromiyaatti Farra Malaammaltummaa yeroo 18ffaaf mataduree “Malaammaltummaan Diina Waloo Keenyaa Waan Ta’eef Gamtaadhaan Irratti Haa Qabsoofnu!” jedhuun manneen hojii sadarkaa naannoo, bulchiinsa godinaalee, magaalotaa, aanaalee akkasumas manneen barnootaafi kolleejjiiwwan naannichaa keessatti bifa ho’aadhaan Sadaasa 15 irraa eegalee hanga Mudde 1, bara 2016tti kabajamaa turuu kaasanii, Malaammaltummaan gocha badaa garaagarummaa tokko malee lammiilee hunda miidhu waan ta’eef diina waloo kanarratti gamtaadhaan qabsaa’uun barbaachisaa ta’uun hubatamee matadurichi filatamuus ibsaniiru.

Akka miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Itoophiyaan gocha badaa kana dhabamsiisuuf sadarkaa hundatti caasaa barbaachisu diriirsuun hojjechaa jirti kan jedhan komishinarri kun, keessattuu mootummaan jijjiiramaa gara aangootti erga dhufee as hannaafi saamichi imala badhaadhinaatti gufuu akka hintaaneef hattoonni araarama tokko malee bakka jiranitti adamsamuun seeratti akka dhiyaatan gochuuf kutannoodhaan hojjetamaa akka jirus yaadachiisaniiru. Maddi galii qabeenya muudamtootaa, filatamtootaafi hojjettoota mootummaa waliigalaan kan namoota kuma 631fi 618 galmaa’eeras jedhan.

Afyaa’ii Ittaanaan Caffee Oromiyaa Obbo Eliyaas Uummataa gamasaanitiin akka jedhanitti, Itoophiyaan karoora badhaadhinaa dhaloota dhufuuf darbu baastee hojjechaa jirti. Karoorri kun malaammaltummaadhaan akka hingufanneef mootummaan yeroo kamiyyuu caalaa qaamolee qabsicha qindeessaa jiran cinaa dhaabbachuun waliin hojjechuurratti argama.

Hoggantoonni manneen hojii mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran ofiisaaniitiif fakkeenya ta’uun qabsoo malaammaltummaa irratti gaggeeffamaa jiru deeggaruuniifi tumsa barbaachisu hundaa taasisuun gahee isaanii bahachuu akka qaban hubachiisanii, malammaltummaan yaaddoo biyyaalessaa akka hintaaneef hojjetamuu akka qabuufi milkaa’ina hojichaatiif immoo hojii to’annoofi hordooffii koree dhaabbii akkasumas tumsa dhaabbileefi hawaasaa cimsuun murteessaa ta’uu dubbatu.

Yunivarsiitii Siivil Sarvisii Itoophiyaatti Barsiisaan Manaajimantii Doktar Kabbadaa Gannatii sanada marii dhiyeessaniin akka jedhanitti, umrii hiyyummaa gabaabsuuf mootummaan Itoophiyaa tarsiimoowwan guddinaa baasee hojjechuurratti argama. Haa ta’u malee, hanga malaammaltummaan hinwaraanamnetti karoorri kun milkaa’uu hindanda’u.

Akka aadaa Oromootti malaammaltummaan baay’ee akka jibbamu himanii, aadaa ummatichaa keessatti nama malaammaltummaa hojjetu qoqqobbiin irra kaa’ama, iyyullee hawaasa keessatti birmannaa hinargatu jedhu. Safuu cabe iddootti deebisuun naannicha keessatti hanna hir’isuun barbaachisaa akka ta’es ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “Oromiyaatti lafti saamame heektarri kuma tokkoofi 897 akkasumas qarshii miliyoonni 500 ol deebi’e”

Comments are closed.