Dur dur bara dukkanaa sana keessa Afaan Oromootiin weellisuu mitiitii dubbachuunuu yakka ta’ee, kanneen didanii weellisanirratti tarkaanfii hammaataan ajjeechaa hanga biyyaa baasuu irra gahaa tureera.
Afaan Oromoo raadiyoo cabsa jedhamee ifatti Oromoofi aartiisaa cabsuuf yaaliin gaggeeffamaa ture ulfaataa ta’us ukkaamsuun hindanda’amne.
Artiin Oromoo dukkana sana keessa weellifamaa ture raadiyoo osoo hintaane cunqursaa cabsee muuziqaan har’a ifatti miidhagina Oromoo madda dinagdee ta’ee mul’ataa jira.
Kanaafis artistoonni wareegama qaalii hanga aarsaa lubbuu kaffalanii dhaloota har’aatiin gahan kabajni kan maluuf ta’us, hojii isaan dukkana sana keessa hojjetan har’a isaan kabachiisa; fakkeenyummaanis ka’aa jira. Dhaloota gama ogummaa aartiitiin faanasaaanii hordofu kumaatamas horataniiru.
Warraaqsa Indastirii Muuziqaa Oromoo fuulduraatti tarkaanfachiisuuf artistoonni sagaleen kiilolee kan walaloon gurratti tolan, kanneen yeedaloon qalbii nama hawwatan hedduu dabareen walharkaa fuudhaa muuziqaa Oromoo addunyaatti gadibaasaa beeksisaa jiru.
Muuziqaan Oromoo ammallee akka waan fal’aanaan galaanarraa bishaan waraabuutti kanirratti hojjetame yoo ta’u, osoo xiyyeeffannoon addaa kennameefii madda dinagdee guddaa ta’uu akka danda’u eenyumaafuu dhoksaa miti.
Gaazexaan Bariisaas warraaqsi indastirii Muuziqaa Oromoo eessaa ka’ee maalirra jira isa jedhuuf artistii qaalii tokko qabattee dhiyaatteetti.
Keessummna keenya maxxansa kanaa Artisti Leencoo Gammachuu viidiyoo muuziqaa iddoowwan hawwata turistii agarsiisu qopheessuun Komishinii Turizimii Oromiyaarraa barana badhaafame yoo ta’u, Leencoon eenyu? eessatti dhalatee guddateefi dhimmoota ijoo kaan gaafdeebii ittaanu keessaa argattu.
Bariisaa: Artisti Leencoo Gammachuu eenyu? Eessatti dhalatee guddate? Wallagga moo Iluudha?
Artisti Leencoo: Ani Artisti Leencoo Gammachuu Abbaakoo Obbo Gammachuu Tasammaafi Harmeekoo Aadde Alamituu Tagany Gammadaarraa Naannoo Oromiyaa, Godina Iluu Abbaa Boor, Aanaa Cooraa, bakka Noonnoo jedhamtuttin dhaladhe.
Bariisaa: Akkuma walleewwan aadaa Wallagga (Muquxxaayee)fi kan Iluu Saaglii jedhamu weellisteen aadaasaa bareechitee waan keesseef namni bakka dhalootakee walfalmaa turee jedheeni?
Artsiti Leencoo: Lamaanuu keenyuma. Haata’uutii walleen Wallaggaas kan Iluus kanan bareechee weelliseef tokko kanin keessatti dhaladhe, kaan ammoo kanin ittiguddadhe waan ta’eefi.
Bariisaa: Maatiinkee ilmaan meeqa qabu; isaan keessaa ati ilma meeqaaffaadha?
Artisti Leencoo: Maatiin keenya ijoollee afur qabu; durba lamaafi dhiira lama. Ani hangafa.
Bariisaa: Haalli guddinakee maal fakkaata?
Artisti Leencoo: Akkuma daa’ima kamuu maatii gargaaraan guddadhe. Maatiin kiyya barsiisota. Abbaan kiyya barsiisaa seenaa, harmeen kiyya ammoo barsiistuu afaaniiti. Kunimmoo fedhiin waa barreessuu ykn kalaqa aartii akka na keessatti biqilu, daraaru, ija godhatu ka’umsa naa ta’eeran jedha.
Bariisaa: Mana barumsaa hoo eessa eessatti baratte?
Artisti Leencoo: Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Cooraatti; sadarkaa 2ffaa ammoo Godina Wallagga Bahaa, Mana Barumsaa Biiftuu Naqamteettan baradhe. Isa booda Yunivarsitii Walloorraa muummee barnootaa Tiyaatirikaal Aartiidhaanin eebbifame.
Bariisaa: Tiyaatirikaal aartii barachuun kee akka gara aartii muuziqaatti fuulleffattu sigargaareeraa?
Artisti Leencoo: Dhugaa dubbachuuf barnoonni tiyaatirikaal aartii ani digriin itti leenji’e ga’umsi muuziqaakoo akka dabalu, akka cimu nataasiseera. Ta’us dandeettii seenaafi afaanii abbaafi haadhakoorraa waanan dhaaleef innis dabalataan nagargaareera.
Caalaattimmoo ummata Oromoo keessatti dhaladhee guddachuunkoo aadaa, seenaa, eenyummakoo, afoola, muuziqaafi kanneen birootiin ijaaramee akkan guddadhu nataasiseera.
Bariisaa: Akka gara artii muuziqaatti galtuuf eenyutu fakkeenya sii ta’e?
Artisti Leencoo: Oromoo keessatti dhalatanii guddachuu qofti akka artiidhaan ijaaraman nama taasisa. Sirnoonni, ayyaanonni, jaarsoliin, aadaan, waan baay’ee nama barsiisu.
Haata’uutii daa’imummaakoorraa kaasee Artisti Alii Birraan jaaladha. Isa malees Abbitawu Kaabbadaa, Eebbisaa Addunyaa, Solomoon Dannaqaa, Haacaaluu Hundeessaafaas maqaa dhahuun danda’a.
Artistoonni kunniin hojii bareedaa dhalootaaf olkaa’anii darbaniiru. Galaa hindhumnetu nuuf taa’e. Nutimmoo faanasaanii buunee kanaa ol akka hojjennuuf imaanaafi ittigaafatamummaa guddaatu nurra jira. Kana beeknee hojjechuun barbaachisaadha.
Walumaagalatti Oromiyaa keessatti dhalatanii guddachuun mataansaa ga’umsa aartiin nama cimsa yoon jedhe naaf salphata. Oromoon yoo ajjeese geerara. Sun mataansaa kan irraa baratamu qaba. Kanaaf aadaan keessatti guddadhe mataansaa barsiisaa gaariidha jechuudha.
Bariisaa: Aartiin Leencoof maali? Akkamiin ibsa?
Artisti leencoo: Aartiin yoo ajjeeste geerartee gootummaakee itti ibsita, booree ittiin baafachuuf, quuqqaa, kuukkii keessakee jiru ibsachuuf, gootummaa kee agarsiisuuf sigargaara. Kan itti guddanne, hawaasa keenyarraa dhaallu, boris itti jiraannuudha. Gama kanaan muuziqaan keenya ergaa barbaachisu dabarsuu kakaasuu, si’eessuu humneessuu keessatti bakka olaanaa qaba.
Duula keessatti, qabsoo keessatti meeshaa waraanaatii ol shoora taphachuun Oromoofi Oromummaa guddisuu; isa hinbeekne barsiisuu keessatti gahee guddaa qaba. Jireenyumti nuti jiraannu mataansaa aartiin kan guutameedha. Kanammoo maatiifi hawaasa keessatti guddaneerraa dhaalaa deemna.
Gaafa sirnoonni gara garaa raawwatan aartiidhaan deeggaramu. Sun hundi hiika guddaa qabu. Waan nama barsiisu qaba. Kanaaf aartiin waamara keenya. Maallaqaan kan madaalamuun oli yoon jedhe wayya.
Bariisaa: Hojiilee kee keessatti walaloofi yeedaloon kan eenyuuti?
Artisti Leencoo: Yeroo baay’ee ofuma koon hojjedha. Waan qofaa keessaa bahuun hindanda’amneef namootas nan hirmaachisa. Keessumaa dhimma seenaa wajjin walqabatu taanaan namoota seenaa beekanin gaafadha. Yoo aadaa ta’es akkasuma.
Bariisaa: Wayita walleewwan kee Muquxxaayeefi Saglii jedhaman hojjettetti duubdeebiin sii kenname maal fakkaata; Waan dhimma aadaatiin walqabataniif?
Artisti Leencoo: Duubdeebiin naa kenname bareedaadha. Akkan cimee hojjedhu nataasiseera. Bu’uuruma sanaan aadaa hojjetaan jira.
Bariisaa: Sagliin maali? Walleekee waa’ee Iluu weelliste keessatti waan fayyadamteef?
Artisti Leencoo: Sagliin Ilmaan Iluu Sagal kan bakka bu’udha. Innis eeboo baadheen weellise sanaan walfakkeeffama.
Bariisaa: Aadaa weellisuuf aadaa, seenaafi safuu beekuun barbaachisaadha. Gama kanaan ati maal fakkaatta? walleewwan kee hedduun aadaadha.
Artisti Leencoo: Dhugaadha, aadaa weellisuun dura aadaa beekuun, qo’achuun barbaachisadha. Isa kanaafimmoo aartii keessatti dandeettiin namoota baay’ee walitti ida’amee miidhagee dhaggeeffatama jechuudha.
Bariisaa:Wallee Aadaa Baalee “Walaabuu” jedhu alana gadhiifameen walqabatee hojii gaarii ta’uun himamaa jira. Ati Iluutti dhalattee Wallaggatti guddattee kan Baalee kun akkamiin sii milkaa’e?
Artisti Leencoo: Wallee Baalee alanaarratti kan nagargaare Ibraahim Maahaammad (Kataangoo) qooda guddaa fudhata. Gama muuziqaatiinimmoo Daawwit Taaddasaa nagargaareera. Kanaaf artiin gaafa keessabeekettii wajjin hojjetamu miidhaga jechuudha.
Bariisaa: Warri Arsii nurra dabartee siinjedhaa jiru maali deebiinkee?
Artisti Leencoo: Dhugaadha. Akkuman wallee Walaabuu kana gadhiiseen warri Arsii maaliif nubira dabarte jedhaniiru. Achittis nandeebi’a; hunduu kanuma keenya.
Muuziqaan Oromoo hedduudha. Akka bishaan galaanaarraa fal’aanaan waraabuuti. Waan muraasatu hojjetame malee ammallee fagoo kan deemuudha. Fuuldurattis hamma humnikoo danda’etti golawwan Oromoo hunda seenee fedhii aadaa, muuziqaa aartii nakeessa jiru baasuuf duubatti hinjedhu.
Dhugaa dubbachuuf jaalalarraa kan ka’e yaada kana feesbuukiirratti naa kaasaniiru. Hunduu waan kan koo ta’aniif fuulduratti irratti hojjechuuf kutannoon koo olaanaadha.
Bariisaa: Muuziqaan dhamaatee baay’ee qaba. Gaafa xumuramus hawaasa biratti mi’aaha, jaalatama. Ta’us galiin muuziqaarraa argamu akkami?
Artisti Leencoo: Waan sitti tolu hojjechuun galii guddaadha. Galiin aartii muuziqaatiin argamu quufsaadha jechuun hindaanda’amu. Kun hojii fuulduratti ilaalluudha. Gara fuulduratti galii guddaan argamuu akka danda’u beekeen hojjedha dhimma yerootti.
Baariisaa: Artistoonni Oromoo konsartiifi waltajjiilee gara garaarratti waamamanii galii argachuurratti hanqinni akka jiru dubbatamaatii kanarratti maal jetta?
Artisti Leencoo: Dhugaadha. Konsartiifi waltajjiin artistoota Oromoof qophaahu daran gadaanaa waan ta’eef fooyya’uu qaba.
Artistiin galii mataasaaf qofa kan socho’u osoo hintane aadaa, duudhaa, safuu, afoola Oromoo beeksisuufi guddisuu kan hammatu waan ta’eef abbootiin qabeenyaas xiyyeeffannoo kennanii otoo irratti hojjetanii gaariidha. Deeggarsi gama kanaan taasifamu cimnaan dhaloonni duuba jirus aartiifi muuziqaa Oromoo guddisuu keessatti kaka’umsa horata.
Otoo waltajjiileefi konsartiin muuziqaa qophaa’e artistoonni galiinsaanii fooyya’a. Kun Oromoo biratti ammallee komii kan kaasisu waan ta’eef abbootiin qabeenyaas mootummaanis dhimma kanarratti callisuu hinqaban.
Giddugaleessatti yoo ilaalle garuu akkuma kaleessarra har’a wayya jedhamu galiin muuziqaarraa argamu kan darberra amma fooyya’aadha jechuun ni danda’ama. Sababnisaas bara dukkanaa sana keessa muuziqaa Oromootiif konsartii qopheessuu madda galii godhachuu mitiitii weellisuun, dhaggeeffachuun ulfaataa ture. Har’a garuu fooyya’insa agarsiisus ammallee xiyyeeffannoo kan barbaaduufi osoo irratti hojjetamee Oromiyaarra darbee biyyaafuu bu’aa guddaadha.
Biyyoonni guddatan indastirii muuziqaasaaniif xiyyeeffannoo kennanii waan hojjetaniif galiin irraa argamu muuziqeessaa qofa osoo hintane biyyaafillee kan hafuudha. Guddina dinagdee biyyaa cimsuu keessatti gahee guddaa qabaata jechuudha.
Bariisaa: Guddina indastiriin muuziqaa keessa darbeefi amma irra jiru akkamiin ilaalta?
Artisti Leencoo: Dhugaa dubbachuuf indastiriin muuziqaa Oromoo takka ka’aa takka bu’aa dhufee as gaheera. Fakkeenyaaf warreen jahaatamoota ykn torbaatamoota keessa weellisan ukkaamsaa hammamii keessa turaniyyuu hojii muuziqaa daran jaalatamaa ta’e kaa’aniiru.
Deemsa keessa bara Eebbisaa Addunyaafaan booda takka laaffatee ture duubarra garuu artistoota qaalii kanneen akka Haacaaluu Hundeessaafaa bahaniiru.
Artistoonni hedduus fakkeenyummaasaanii qabatanii bahaa jiru. Yeroo ammaa haala gaariirra jira. Deeggarsi barbaachisaa gama aartiin taasifamu cimnaan muuziqaan keenya madda dinagdee biyya keenyaa ta’uunsaa kan nama mamsiisu miti jechuudha.
Bariisaa: Sirbi dur hafe jedhama. Kan ammaafi kan durii gidduu garaagarummaan jiraa?
Artsiti Leencoo: Wanti hundumtuu dur hafe jedhama. Buddeenniyyuu kan durii yoo tolchamu fagootti urgaa’a. Dhimmi muuziqaan dur hafe jedhamu xiyyeeffannoo kennanii haalaan dhaggeeffachuu dhabuun ala har’as hojjetamaa jira.
Dhaloonni darbe warra har’aa dhaleera. Borus kanneen kanaa ol hojjetan nidhufu. Muuziqaafi aartiin keenya ammallee hintuqamne. Dhaloota aartiidhaan abidda ta’etu dhufaa jira. Kanaafis galtee guddaa kan ta’an hangafoota keenya.
Bariisaa: Muuziqaan Oromoo, Oromoo siyaasaan, dinagdeefi hawaasummaan cimsuu keessatti shoora akkamii taphateera jetta?
Artisti Leencoo: Oromoon har’a mitii gaafa ajjeesee galuyyuu geeraree gootummaasaa ibsata. Yoo quuqqaa qabaates geeraree quuqqaasaa ibsata jechuudha.
Duubatti deebinee yoo ilaalle warraaqsa siyaasaa akka biyyaatti taasifamaa ture keessatti walleen onnachiistuu, ibsituu eelaa, si’eessituu ta’ee tajaajila. Gabaabaatti rasaasa mi’aahaa fira onnachiistu, kaan ammoo bobeessuudha.
Qabsoo siyaasaa gaggeeffamaa ture keessatti ergaa muuziqaan keenya dabarsaa ture injifannoo inni galmeessisaa dhufe har’as itti jiru kan nama jajjabeessuudha. Muuziqaan ergaa gadi fagoo qaba; aadaafi duudhaa ummata tokkoo agarsiisuu qofa miti eenyummaa akkasumas dhaamsa dhalootaaf dabarsuuf kan gargaaruudha.
Bariisaa: Indastirii Muuziqaa Oromoo guddisuuf sochiin mootummaafi abbootii qabeenyaa akkamiin madaalte?
Artisti Leencoo: Dhimmi kun kan ciminaan irratti hojjetamuu qabuudha. Abbootiin qabeenyaa akkasumas mootummaan deeggarsa barbaachisu taasisuun muuziqessaa qofa otoo huntaane hunda kan fayyaduudha.
Kun ta’uu dhabuusaan indastiriin muuziqaa keenya galii barbaachisu argamsiisuu akka hindandeenye beeknee osoo irrattihojjenne biyya keenya beeksisuu bira darbee dinagdeedhaafillee bu’aa guddaa kan buusuudha.
Bariisaa: Muuziqaan hojii garee yoo ta’e bu’aa buusa. Hariiroon waliin hojjechuu artistoota Oromoo gidduu jiru maalfakkaata? Maalis taajjabde?
Artisti Leencoo: Waljibbi hinjiru. Hunduu waan dinagdeedhaan hincimneef walitti dhufuurratti hanqinni jira. Siyaasni darbe nufaffacaaseera. Kaan biyyaa baaseera. Akka walitti dhufnee hinhojjenne nutasiseera. Hara’a mataa walitti qabannee hojjechuun nurraa eegama.
Yoo waltaane indastirii muuziqaa Oromoo guddisna, addunyaaatti beeksisna, madda galii keenya jabeessina. Biyya keenyaaafis bu’aa buusna. Kanaaf waltaanee hojjechuun murteessaadha.
Dhugaa dubbachuuf artistoonni keenya dandeettii addaa qabu. Yoo dandeettiisaanii kana walitti ida’anii hojjetan bu’aa olaanaa galmeessisuun nidanda’aman jedha. Indastiriin muuziqaa keenyas gaafa waltaane cimaa deema. Kanaaf dhimma waliin hojjechuurratti ammallee ofilaaluu qabna.
Bariisaa: Artistoonni Oromoo osoo walta’anii ofirra darbanii biyyaaf bu’aa hinbuusanii?
Artisti Leencoo: Kun dhugaadha. Osoo waltaanee waliif taana. Ofirra dabarree biyya keenyaaf taana. Kanamalees indastiriin muuziqaa addunyaa keessallee gallee bu’aa buusuu dandeenya. Biyyoota indastirii muuziqaatiin fagaatanirraa barachuu qabna. Hariiroo waloo cimsuun dirqama nurraa eegamudha.
Bariisaa: Biyyoota guddatanitti aartiin muuziqaa madda galii dinagdeeti. Keenya akka akkas ta’uuf maaltu nurraa eegama?
Artisti Leencoo: Faffacaanee deemuun numiidha. Deeggarsa mootummaafi abbootii qabeenyaa dhabuunis akkasuma. Kanaaf muuziqaan keenya madda galii keenyaa akka ta’uuf ciminaan hojjechuun hariiroo keenya cimsuun barbaachisaadha. Muuziqaan keenya bilchina walaloo yeedaloo ergaa gadi fagoo qaba. Kun gadi bahee addunyatti osoo mul’atee indastirii muuziqaa keenyaa dorgomaa taasisa.
Bariisaa: Artistoota Oromoo yeroo ammaa bahaa jiran akkamiin ibsita? Ga’umsa aartiin, bilchina walaloofi yeedaloon jaalatamummaa isaan argachaa jiran jechuu kooti?
Artisti Leencoo: Artistoonni yeroo ammaa bahaa jiran keessumaa walaloofi yeedaloodhaan bilchina guddaa qabu. Qindeessitoonni muuziqaa keenyallee teknolojiidhaan deeggaramanii miidhagina muuziqaa keenyaatiif murteessitoota ta’aa jiru. Kunniin hundi kutannaa Oromoon aArtiisaa guddisuuf qabu, fedhiifi dandeettiin kan itti walsime kennaa guddaadhan jedha.
Bariisaa: Artisti Leencoon gaa’ela ijaarrateeraa?
Artisti Leencoo: Gaa’ela ijaaruufan qophaa’aa jira. Yoo Rabbi nagargaare yeroo dhiyoottin fuudha.
Bariisaa: Muuziqaakee Walaabuu jedhamu sanattin sideebisaatii walaloofi yeedaloodhaan kan sideeggaran eenyu fa’i, tarii loqonnillee nama rakkisuu malaa?
Artisti Leencoo: Gama kanaan akkuman dura sii kaase Ibraahiim Mahammad (Kataangoo) shoora olaanaa taphateera. Muuziqaan hirmaannaa ogeeyyota baay’een deeggaramee miidhagee kan dhaggeeffatamuudha.
Bariisaa: Walleekee Baalee Walaabuu dhiyoo baastetti milkoofteettaaree?
Artisti Leencoo: Inni guddaan miirakee gammaachiisu yoo jiraate duubdeebii ummatakeerraa argattuudha. Isatti gammadeera. Akkan daran cimee hojjedhu kan nataasiseedha. Dhimmi galii wajjin walqabatu adeemsa keessa kan ilaalamuudha.
Galiin keenya hamilee ummata keenyarraa argannuudha. Gabaabumatti hojiisaatti milkaa’eera, namatti tola. Hojii hirmaannaa ogeessota muuziqaatiin miidhagee gurra ummataatiin gahameedha, bareedaadha.
Bariisaa: Artisti Leencoon kana booda ummatasaatti maaliin deebihaa?
Artisti Leencoo: Yoo Rabbi nagargaare albamii biraatiin dhufuuf qophiittan jira. Hojiin aartii bu’aa bahii baay’ee qaba, amma ittin jira.
Bariisaa: Akkuma dura kaaste godinaalee Oromiyaa biroorrattis hojjechuuf fedhii qabda, irratti hojjetaa jirtaaree?
Artist Leencoo: Eeyyee, hamma naa danda’ametti dandeettiin qabutti fayyadamee aartii Oromoo baasee agarsiisuuf hinwaakkadhu, waadaadha.
Bariisaa: Dhumarratti ergaa artistoota Oromoof qindeessitoota muuziqaaf hawaasa Oromoof qabdu yoo jiraate.
Artisti Leencoo: Artistoonni Oromoo jabaadhaa tokko ta’aa waliin hojjedhaa indastirii muuziqaa keenya gabaa addunyaatti beeksisuuf madda galii gochuuf hojjechuun barbaachisaadha.
Dinqisiifattoonnikoo milkaa’ina muuziqaakoof deeggarsa ogummaa gara garaa kan naa taasistan marti keessan galatoomaa ulfaadhaan jedha.
Bariisaa: Warra wallee godina keenyarratti hinhojjennee hojjechuu qabda jedhanii jaalala hojiikeef qaban ibsaniif deebii qabdaa?
Artisti Leencoo: Hinhafu, nan dhufa. Hunduu kanuma keenya. Albamii haaaraan deebihuufan jira.
Bariisaa: Turtii yerookeef maqaa gaazexaa Bariisaatiin galatoomin jedha.
Artisti Leencoo: Isinilleen galatoomaa!
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016
2 Comments to “ “Jireenya aartiidhaan guutametti akkan galuuf kan nagargaare Oromoodha” -Artisti Leencoo Gammachuu”
Comments are closed.