Finfinnee: Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf yaalii karaa nagaa akka tattaafattu qorataan saayinsii bishaanii yuunivarsitii Finfinneetti Piroofeesar Admaasuu Gabayyoo ibsan.
Piroofeesar Admaasuun Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Itoophiyaa ulaa galaanaa argachuuf wanti dubbatames ta’e kan barreeffame kan ibsu yaaliin isheen gaggeessaa jirtu karaa nagaa ta’uudha jedhan.
Seenaa Itoophiyaa keessatti Itoophiyaan daangaa darbee koloneeffataa weeraruuf dhufe ofirraa deebisuuf kan waraana keessa seente malee humnan qaba jettee biyya ollaa weerarte akka hinqabnes ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, Itoophiyaan ulaa galaanaa humnaan fudhachuufi, jechuun qaamoleen yaada ministira muummee gara hintaanetti harkisan bu’aan Itoophiyaa maalirratti akka hundeeffame warra hinbeekneefi.
“Yaadni Itoophiyaanotaa gara misoomaatti, misoomni waraanaan tuqame mi’eessituu hinqabu” jechuun himanii; qaamuma kamiifuu waraanni mo’icha battalaaf malee furmaata dhumataa ta’uu hindanda’u jedhan.
Xiyyeeffannoon ministira muummee karaa nagaan ulaa galaanaa argachuun akkamitti akka danda’amurratti kan xiyyeeffateedha. Ajandicha ummata dhageessisuuf wayita haasaa taasisanittis “Ijoolleen keenya” kan jedhaniif ijoollee keenyaaf jennee bu’aa yeroo dursuu akka hinqabne jechuu barbaadaniitu jedhan.
Yaada waliin haafayyadamnuu Itoophiyaan dhiyeessite gaarummaa qabaachuu himanii; biyyooti yaada kana ija gaariin hinilaalle warra bu’aa ummatasaaniif quuqama hinqabneedha jedhaniiru. Ilaalcha ati hiyyoomi ani nan fayyadama jedhu qabaachuun gaarii miti jedhan.
Piroofeesar Admaasuun gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan argachuuf dhiyeessite hawaasni idiladdunyaa akka deeggaruuf yaada ka’umsaa wayita dhiyeessan maniiwwan misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtooman xiyyeeffannaa 16ffaan biyyoota ulaa galaanaa hinqabneerratti xiyyeeffachuusaati jedhaniiru.
Biyyoota ulaa galaanaa hinqabne 44 keessaa hedduunsaanii hiyyummaa hamaa keessa kan jiraniidha. Kun ammoo yaaddessaa waan ta’eef hawaasni addunyaa akka isaan ulaa galaanaa argataniif deeggarsa irraa eegamu akka taasisan taasisa jedhan.
Biyyoota ulaa galaanaa hinqabne biroo waliin yeroo ilaalamu Itoophiyaan baroota dheeraaf ulaa galaanaa qabdi turte. Har’a garuu haala addaa ta’e keessatti kufuushee mul’isa. Waggoota 32f dhabdee wayita turtetti biyyooti michuu Itoophiyaa baay’een yaada dhiyeessaa turanis mootummaan Itoophiyaa wayita sana bulchaa ture waan hineeyyamneef homaa gochuun hindanda’amne jechuun ibsan.
Ammas taanaan Itoophiyaan ulaa galaanaatti dhiyoo ta’uu himanii; dippilomaatotonni Itoophiyaa jabaatanii Itoophiyaan fayyadamummaashii mirkaneeffachuuf karaa nagaa hordofuushii hawaasa addunyaa beeksisuun bu’aa waloo ta’uu hubachiisuu qabu jedhaniiru.
Rippoortara Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016
4 Comments to ““Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf karaa nagaa tattaafatti” -Pirofeesar Admaasuu Gabayyoo”
Comments are closed.