Finfinnee: Biyyootni liqeessitoota maallaqaa ta’an Itoophiyaaf yeroo kaffaltii dheeressuunsaanii rakkoo qaala’iinsa jireenyaa biyyattii furuuf gahee olaanaa qabaachusaa Hayyuun Dinagdee Doktar Daawwit Hayyeesoo ibsan.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Maammoo Mihiratuu yeroo raawwii baankichaa kan kurmaana tokkoffaa wayita Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota ummataaf dhiyeessanitti biyyootni sooreyyiin Itoophiyaan liqaa doolaara biliyoona 1.5 dheeressitee akka kaffaltuuf murtoo dabarsuusaanii ibsanii turan.
Doktar Daawwit Kibxata darbe turtii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, idaa biyyattiin liqeessitootaaf amma kaffaluun irra ture yeroon kaffaltii dheerachuunsaa misooma keessoo finiinsuuf shoora guddaa taphata.
Qarshicha kaffalamuuf ture hojiilee misooma guguddaa hojjetamaa jiran ittiin xumuruun galii keessoo guddisuun ni danda’ama kan jedhan Doktar Daawwit, qarshicha hojii ijaarsa hidha Laga Abbayyaa ittiin xumuruun humna ibsaa achirraa argamu biyyoota ollaatti gurguruun galii argamuun idicha kaffaluun akka danda’amus himaniiru.
Yeroon idaan kun itti kaffalamu dheerachuun gama dinagdeetiin faayidaansaa hedduudha kan jedhan Doktar Daawwit, biyyattii keessatti oomishaafi oomishtummaan akka dabalu gochuun rakkoo hammachaa dhufe rakkoo qaala’iinsa jireenyaa furuufis kan gargaarudha jedhaniiru.
Qarshiin kaffalamuuf ture kun yoo kaayyoowwan oomishaafi oomishtummaa dabaluuf hojiirra hinoollee idaa biroo ta’uu waan danda’uuf, qarshichaan hojii misooma dameewwan sharafa biyya alaa argamsiisanii ittiin hojjechuun sharafa alaa maddisiisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Liqiiwwan kan dhufan maqaa ummataatini waan ta’eef liqiiwwan fudhataman jireenya ummataa fooyyessuuf ooluu qaba jedhanii, yoo jireenyi ummataa fooyya’ee lammii omishuu danda’u horachuun humna idaa kaffalachuu danda’u horachuun akka danda’amus dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti; mootummaan maqaa ummataatiin liqii liqeeffatu pirojektota bu’aa qabeyyiif akka oolu taasisuun liqiiwwan jiran yeroon kaffalamaa adeemaa jiraachuu mirkaneessuu qaba. Idaan biyyarra jiru yoo yeroon hinkaffalamne biyyootni liqeessan dhaabbilee liqeeffattootaa guguddooo galii maddisiisan akka bitaniif karaa kan saaquuf ta’uus Doktar Daawwit ibsaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016
2 Comments to “Itoophiyaaf kaffaltiin idaa dheerachuun rakkoo qaala’iinsa jireenyaa furuuf ni gargaara”
Comments are closed.