Imala waggoota 88 Humna Qilleensa Itoophiyaa

Finfinnee: Waggaa 88 dura mootiin duraanii Itoophiyaa, Hayilasillaaseen gara biyya Faransaayitti imaluun agarsiisa balalii xayyaaraa wayita daawwatanitti fedhiin Humna Qilleensaa keessasaanii bule. Bara 1929 osoo bu’uuraaleen misoomaa mijataan hinjiraatin Xayyaara yeroo jalqabaatiif gara Itoophiyaa galchuun Humna Qilleensaa hundeessan.

Haala guddinni teknolojii yeroo sanii irra ga’een balaliistotaafi leenjii balaliisummaa keessaafi alatti akka kennamu taasisan. Boodarras mootummaa abbaa irree, Darguutiin angoorraa fonqolchaman.

Darguun Humna  Qilleensaa ammayyeessuuf Ameerikaa hanga Raashiyaatti hariiroo dippiloomaasii cimaa taasisuun itti milkaa’eera.

Keessattuu xayyaarota waraanaa fooyya’oo Raashiyaarraa galchuun weerara mootummaa Somaaliyaa Ziyaad Baareerratti injifannoo olaanaa gonfateera.

Humni Qilleensa Itoophiyaa kufaatii mootii Hayilasillaasee waliin dadhabee tures gulantaa olaanaan guddateera.

Haa ta’u malee, gidduseentummaa siyaasaa olaanaan waan tureef guddinni ogummaa quucaree turuu Shuumiin Itaamaajoorii Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildmaarshaal Biraanuu Juulaa ni himu.

Kufaatii sirna Darguufi aangootti dhufuu mootummaa ADWUI booda garuu Humni Qilleensa Itoophiyaa imala irraangadee qabate.

Balaliistonni baay’ee xiyyaara waraanaa fudhatanii biyya hambaatti baqatan. Ta’us waraana Itiyoo-Eertiraatiin walqabatee xiyyaarota waraanaafi balaliistonni bakka jiranii waamamuu jalqabuu himanii; Humna Qilleensaa kufee ture kaasuu dabalatee meeshaalee waraanaa ammayyaa’oo tokko tokko alaa galchuun waraanicha injifannoon xumuruu yaadachiisaniiru.

Ta’us, goolabamuu waraanichaa booda Humni Qilleensaa hanga hinbarbaachisu jedhamurra ga’uusaatiin hojii ala ta’uu ibsaniiru.

Jijjiiramaa as garuu xiyyeeffannaa mootummaan kenneen humna nama barateenis ta’ee hidhannoo ammayyaan Humna Qilleensaa amansiisaa hundaan filatamu ta’uu hubachiisaniiru.

Oduudhuma walqabateen, Afrikaanonni Huma Qilleensaa jabaafi amansiisaa qabaachuuf muuxannoo, qabeenyaafi ogummaa qaban walitti fiduun qindoominaan hojjechuun dhimma murteessaa ta’uun ibsameera.

Foormiin Humna Qilleensaa Afrikaa egeree guddina Humna Qilleensa Ardichaarratti fuulleffateefi Itoophiyaa isa jalqabaa ta’e  kabaja guyyaa hundeffama Humna Qilleensa Itoophiyaa waggaa 88ffaa sababeeffachuun Kamisaa eegalamee har’a xumuramu taa’aamaa jira.

Fooramicharratti ajajootni Humna Qilleensaa biyyoota Afrikaa 14, kaampaanotni idiladdunyaa, qondaaltonni mootummaafi ogeessootni damichaa argamaniiru.

Ajajaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa haasaa taasisaniin, Afrikaanonni Humna Qilleensaa bittinnaa’aa matamataatti qabaachuun akkuma jirutti ta’ee waan qaban walitti fiduun Humni Qilleensaa waloo jabaafi amansiisaa ta’e qabaachuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Kaayyoon fooramichaas muuxannoofi qabeenya qaban walitti fiduun Humna Qilleensaa ammayya’aa qabaachuurratti kan xiyyeeffate ta’uu yaadachiisaniiru.

Hundeeffamasaa bara 1929 irraa kaasee Humni Qilleensa Itoophiyaa biyyoota Afrikaa hedduuf gama leenjii kennuutiin, tajaajila geejibaafi deeggarsa teknikiitiin cina dhaabbachaa turuu kaasanii; ammaan tanas leenjitoonni biyyoota garagaraa Akkaadaamii Aviyeeshinii Itoophiyaatti leenji’aa jiraachuu himaniiru.

Itoophiyaan diddaa koloneeffattootarratti taasifame kallattiin hirmaachuun dabalata faajjii qabsoo bilisummaa Afrikaa kan ta’an Neelsan Maandeellaa leenjisuuf Roobarti Mugaabeef ammoo deeggarsa barbaachisaa taasisuun aantummaa Afrikaaf qabdu mul’isuushee ibsaniiru.  

Kufaatii mootii Hayilasillaasee booda daran dadhabee kan ture Humni Qilleensa Itoophiyaa bu’aa ce’ii hedduu booda, keessattuu jijjiiramaa as ammoo rifoormii jabaa imaammata, tarsimoo, ogummaafi bu’uuraalee misoomaan taasifameen ga’umsa humna namaafi meeshaalee waraanaa ammayyaatiin sadarkaa amansiisaarra jiraachuus dubbataniiru.

Ardii Afrikaa dabalatee addunyaan qormaata rakkoo nageenyaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufe keessa jiraachuu eeranii; shororkeessummaafi saamicha galaanarraa birmadummaa biyyaafi biyyoolessaa qoraa jiran waliin qolachuu keessatti shoorri fooramichaa olaanaa ta’uufi Itoophiyaan rakkoo kana maqsuuf biyyoota Afrikaa kaan waliin hojjechuuf kutannoo qabdu ibsaniiru.

Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Doktar Abrihaam Balaay gamasaaniin, Humni  Qilleensa callaqqee Afrikaanotaa kan ta’e qaama Daandii Qilleensa Itoophiyaa ta’uu ibsanii; Daandiin Qilleensaa kun Afrikaanota  biyyoota addunyaan walqunnamsiisuun ala michummaa Paan Afrikaa cimsuurratti shoora guddaa taphachaa jiraachuu himaniiru.

Itoophiyaan cimina Paan Afrikaatiif kutannoo qabduuf Daandiin Qilleensaa kun riqichaafi ragaa guddaa ta’uus ibsaniiru.

Fooramichi waggaa waggaan Itoophiyaatti kan adeemsifamu ta’a. Keessummoota biyyoota garagaraaf beekamtiin kennamuun dabalata haala Daandiin Qilleensa Itoophiyaa irra jirus daawwatameera. Har’as agarsiisni balalii Xayyaaraa Leenca Gurraacha jedhamus adeemsifameera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “Imala waggoota 88 Humna Qilleensa Itoophiyaa”

  1. Pingback: cock

Comments are closed.