Finfinnee: Godina Arsiitti lafa hektaara kuma 230 qamadii bonaan uwwisuun callaa kuntaala miliyoona 10 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu waajjirri qonna godinichaa beeksise.
Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Gannaa Mahaammad, ibsa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, godinichi akka guutuu biyyattiitti barootaaf wiirtuu omisha qamadii jedhamuun beekama.
Haala mijataa godinichi uumamaan qaburratti tarsiimoofi hojmaata haaraa diriirsuun hojiin omisha qamadii bonaa xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jiraachuu himanii, hanga ammaattis lafti hektaara kuma 43 sanyii qamadii bonaan uwwifamuu ibsaniiru.
Karoorri kuni hojiitti kan hiikamu jaal’isiidhaan waan ta’eef, omisha qamadii boneefi hojii misooma qonnaa biraatiif bara bajataa kana paampii kuma afur dhiyeessuuf karoorfamee akka jirus dubbataniiru.
Irra jireessi lafa godinichaa olka’aa ta’uus Laga Awaash dabalatee laggeen misooma jal’isiif ooluu danda’an baay’inaan godinicha keessa kan darban ta’uu eeranii, lafa jaal’isiin hinjirreetti bo’oodhaan hojiin misooma qamadii bonaa bal’inaan kan hojjetamu akka ta’es himaniiru.
Lafti godinichaa uumamaanuu waanuma qamadii omishuuf tolfame fakkaata kan jedhan Obbo Gannaan, aanaalee 25 godinichi qabu keessaa aanaalee 18 keessatti qamadiin baay’inaan omishamaa jiraachuu eeraniiru.
Omisha qamadii gannaan walqabatee ittigaafatamaan kun akka jedhanitti, omishaafi omishtummaan qamadii gannaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira. Ganna bara 2015 lafti hektaara kuma 315 sanyii qamadiin wayita uwwifamu ganna bara 2016 ammoo lafa hektaara kuma 397 misoomsuun callaa kuntaala miliyoona 15 argachuuf hojiin sassaabbii omishichaa adeemsifamaa jira.
Qonnaan bultoonni naannichaa omishasaaniirraa haala barbaadamuun fayyadamoo ta’aa akka hinjirre kaasanii, yeroo ammaa kana walitti hidhamiinsa gabaa keessoofi alaarratti hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.
Haaluma kanaan dhaabbileefi kaampaaniiwwan addaddaa waliigaltee deeggarsa omisha dura qonnaan bultootaaf taasisaniin dabalata qamadii kana wayita qonnaan bulaarraa bitan gatii omishni kun ittiin gurguramurratti dhibbantaa 15 dabalanii akka bitan taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016
13 Comments to “ Godina Arsiitti hojiin lafa hektaara kuma 230 oliirratti qamadii bonaa omishuu eegalame”
Comments are closed.