Gahee duudhaaleefi dhaabbileen aadaa nagaafi tokkummaa sabootaa waarsuu keessatti qaban

Aadaa Oromoo keessatti duudhaan nagaa, tasgabbii, tokkummaafi waldanda’uu ilmoo namaa falaasama Oromoon namummaaf/ horoomaaf qabuun walqabata. Namummaan sirna beekumsaa Oromoon Seera Waaqaa ittiin hubatu, hiikkatuufi ittiin jiraatuudha.

Seera Uumaa-uumamaa beekanii kabajanii ittiin jiraachuudha. Namummaan/horoomni waan hedduu hammata; jaalala, kabaja, waldanda’uu, tokkummaa garaagarummaa keessaa, walii qooduu, walii yaaduu, walhubannoo, hiriyyummaa, dhiifamsa, tokkummaa, haqa garaa fayyisu, araaraafi nagaan waliin jireenyaafi kkf dha.

Namummaan namaa hariiroo gaarii ilmoon namaa Waaqaafi uumama biroo waliin qabuun safarama. Horoomni jirbii namummaati; faallaa horii/qabeenyaati. Horiin horoomaan/ namoomaan masakamuu qaba. Namummaan safuun qajeelfama. Safuun waan ilmoo namaa bineensota kaanirraa adda taasisuudha. Safuun akka namoonni seerota uumamaa seera Waaqaatiin walitti hidhaniifi gochoota ofiis seerota kanneen eeganii raawwatan gargaara.

Safuun nama gabroomsuu /xiqqeessuu/ tuffachuu/kabaja dhoowwachuu, afaan baduu, sobuu/kijibuu, hatuufi kkf dhoorkuuf fayyada. Safuu beekuun bu’uura beekumsaati; ogummaa duraati. Qabeenyi ardiifi samii kana jidduu jiru kan uumama cufaati; kan waliiniiti jechuudha. Ilmi/intalli, lafti, malkaan, karaan, maddaa margi…kan biyyaati/gosaati.

Duudhaalee Oromoofi saboota biroo jidduutti nagaafi tokkummaa waarsan

Akka Oromoon amanutti ilmoon namaa hunduu hidda tokkorraa dhalate; Waaqni Uumaa hundaati. Kanaafuu, ilmoon namaa hunduu ijoollee Waaqaati. Garaagarummaan ilmaan namaa akka garaagarummaa ijoollee lakkuu gadaameessa tokko keessaa waliin dhalataniiti. Ilmoon namaa hunduu walqixa; kanaaf namoota Oromoo hintaane walqixa qofa osoo hintaane akka obboleessaafi obboleettiitti ofitti qaba.

Ulaagaan jabaan ilmoo namaa jidduutti nagaa, tasgabbiifi tokkummaa waarsuu nama kamuu walqixa akka obboleettiifi obboleessaatti fudhachuudha. Falaasamni Oromoo namooma irratti bu’uurefame. Afrikaa keessaa Oromoon saba akkaan garaa bal’atuufi ‘anaadhufu’ jedhee nama simatuudha.

Seenaa isaa keessatti orma akka dhuunfaatti/ gareetti ofitti makuun/ofitti qabuun beekama. Kan horoomuu barbaadu horoomsee kan hinbarbaanne ammoo akka ollaatti nagayaan waliin jiraata. Kan dhiigaan Oromoo ta’ee aadaafi duudhaa isaatti buluu dide Oromummaa irraa mulqee of keessaa baasee, orma aadaafi duudhaa isaa jaalatee dhufe horoomsee mirga guutuu kenneefii ofitti fudhata.

Namni Oromoo hinta’in kan Oromootti dhufe kamuu qixuma Oromoon tokko simatamuun simatamee mirga aadaan Oromoo namaaf kennu cufa gonfata; akkuma lammii Oromootti fudhatamanii mirga jiloota Gadaafi kanneen biroo hogganuu argatu; Oromoon walqixxummaa namummaa xiyyeeffatutti amana jechuudha.

Oromoon ofii ulfina argachuuf dursee warra biraa ulfeeffata; ulfina warra biraatiif kenne deebisee irraa eeggata. Dabsuu, danquu, haqaqqaaluun, gidirsuu, dhiibuu, miidhuufi waan biraan afaan sabichaafi Sirna Gadaa keessatti hinmul’atan; afaaniifi aadaan Oromoo afaan/aadaa jilaa/seedaa/laguuti. Namni jabaan warra/balbala/gosa keessaa dhalachuun yoo hanqate fagaatanii saba ollaa Oromoo jiraatu irraa fuudhu/itti heerumsiisu.

Oromoon ilmoo namaa qofaaf osoo hintaane qabeenya uumamaa kamiifuu safuufi safeeffannaa qaba. Seera Raammoo Raarattii, Seera Mukaa Mokkonnoofi kanneen biroo kaasuun ni danda’ama. Bineensoonniifi mukkeen hedduun gosa Oromoo itti waamaman qabu. Fkn Leenca, qorkee, daarabaaftuu….

Akka duudhaa Oromootti, diina fedhe yoo ta’e daguu hinwaraanan, dubartoota, daa’immaniifi manguddoota hindhahan, horii hinajjeesan, manaafi midhaan hinguban, nama harka kennate hinajjeesan/ hingabroomsan, ollaa aara manasaa argu, baroochuu kormaa/mar’ata sa’asaa dhaga’u, maddaa marga walitti qabuun hintuqu, nama dhiisii bineensuu waan ollaa ofii hintuqu, ollaafi dugdaan lafaa ka’u, ollaafi aduutti gadi bahu.

Dhaabbilee saboota, sablammootaafi ummatoota jidduutti nagaafi tokkummaa waarsan

Saboonniifi sablammoonni Itoophiyaa hundumtuu duudhaaleefi dhaabbilee tokkummaa, nagaafi tasgabbii keessoosaaniifi ummattoota ollaa waliin ittiin waarsan qabu. Dhaabbileen kunniin duudhaalee, sonoota, naamusa/safuu, amantaalee, qajeelfamootaafi seerota hawaasa keessatti sirnaan beekamaniifi fudhatamummaa olaanaa qabaniidha. Dhaabbilee saboota, sablammootaafi ummattoota jidduutti nagaa, tasgabbiifi tokkummaa waarsan hedduu jiran keessaa gurguddoo ilaalla.

1. Madaa

Dhaabbata aadaa saboota Affaar, Oromoofi Somaalee jidduutti nagaa, tasgabbiifi tokkummaa waarsuudha. Saboonni kunniin walkeessa bayanii akka galan, aadaafi duudhaa walii kabajuun akka waldanda’an, hennaa rakkoo waliif akka birmatan, hennaa makkoo waliin akka jilataniifi kkf keessatti gahee olaanaa qaba. Walitti bu’iinsi yoo uumames dafee dhaqqabee araara buusuudhaan haqaafi dhugaa jallatte qajeelcha.

2. Garab

Dhaabbata aadaa Saboota Affaariifi Tigree jidduutti nagaafi tokkummaa waarsuuf hojjatuudha. Gumiin dhaabbata kanaa yeroo adda addaatti taa’uudhaan haala waliigalaa nageenyaafi tasgabbii naannolee lameenii mari’atee kallattii kaaya. Waldhabdeen kamuu yoo uumame hundeedhaan fura.

3. Jaala

Sirna Sabootni kibba dhiha Itoophiyaa kanneen akka Darasheefi Koonsoo waliin qaban; makkoofi rakkoo akka waliin qooddatan taasisuudha.

4. Mijiim

Dhaabbata duudhaa hawaasaa saboota Gumuziifi Awii jidduutti nagaa, tasgabbiifi tokkummaa waarsuudha. Saboota kanneen jidduutti namoota dhuunfaa irraa kaasee nagaa, tasgabbii, tokkummaa, waliin jireenya, waldeeggarsiifi kkf akka jiraatu taasisa.

5. Gurraacha

Saboota akka Oromoo, Silxee, Guraagee, Sooddoo, Maaraqoo, Masqaanaafi Halaabaa jidduutti nagaa, tasgabbiifi tokkummaan akka waaru taasisa. Jaarroleen dhaabbata gurraachaa jaarsa nagaa jedhamaniis ni waamamu. Jaarsi dhaabbata gurraachaa hogganu Abbaa Gurraachaa jedhama. “Abbaa Gurraachaatiin si qabe ykn Abbaa Gurraachaa sodaadhu ykn buyyaa gurraachatu nu jidduu jira” jedhu. Gurraachi hedduu sodaatama/ kabajama; jaarsa gurraachaa fuuldura dhaabatanii sobuun hindanda’amu, namni jaarsa gurraacha dura dhaabatee sobe achumatti dhiiga haqqisa jedhamee amanama.

Qaama waldhabdee hiiku kamuu olitti amanamaadha; “dubbiin jaarsi gurraachaa qabe dubbii Waaqni” qabe jedhu. Gurraachi hawaasa ollaa jidduutti ilaaf ilaamee uuma; waldhabdee hanqisuu, to’achuufi ittisurratti ummattoota ollaa kakaasuudhaan walitti fida.

Waldhabdee uumameen boodas hariiroo ummattoota ollaa deebisee ijaaruufi ceesisuun akka isaan nagayaan waliin jiraataniif gumaacha guddaa qaba. Yeroo rakkoo walitti dheessuu, walkeessa daldalachuu, waldhabdee daangaa ittisuu/hanqisuu/hiikuu, daangaa daangeessuu, hannaafi saamicha ittisuu/ deebisiisuu, dubbii dhaddacha biratti fala dhabde furuufi kkf hojiilee ijoo gurraachaati.

6. Michuu

Dhaabbata sabootni Oromoo, Amaaraa, Shinaashaa, Gumuziifi Agawoo nagaa, tasgabbiifi tokkummaan waliin akka jiraatan taasisuudha. Saboonni kunniin akka bilisummaafi nagayaan walkeessa bayanii galaniifi waldhabdeelee isaan jidduutti uumamu karaa nagayaan furataniif gumaacha guddaa qaba. Laga Abbayyaa gamaa gamana bilisummaan akka socho’an gochuun nageenya namootaafi qabeenya isaanii mirkaneessa.

Sababoota adda addaatiif yoo walkeessa bobba’an nyaachisanii walobaasu, waliin nyaatanii garaa walnyaatu, walbulchanii walgaggeessu; eegumsa waliif taasisu. Waldhabdeewwan ittisuu/hanqisuun nagaa, tasgabbiifi tokkummaa sabootaa waarsuu keessatti gumaacha olaanaa qaba.

7. Guddifachaa

Dhaabbata/aadaa Oromoon ilmoo namaa kaan irraa addatti qabuufi ilmoo namaatiif gumaacheedha. Finna yoo dhaban dhaloota itti fufsiisuuf, ilmeen nama dhaaltu yoo kan hinjirre ta’e, manguddummaatti dhalli nama dagalchu yoo hinjiru ta’efaa raawwatama.

Daa’imman sababoota adda addaatiin maatii dhabanis niguddifatamu. Ilmoon guddifatamte akkuma ilmoo gudeedaa warra guddifateetti ilaalamuun mirga ilmoon gudeedaa argattu hunda argatti. Erga guddifatanii boodas ilmoo yoo argatan, ilmoon guddifatamte sun hangafuma taatee mirga hangafni argatu argachuu itti fufti.

Nama waraana keessatti booji’an mirga namoomaa irraa hinmulqan. Boojuun hinajjeefamu ykn hingabroomfamu. Boojuun guddifachaadhaan horooma ykn gara saba irraa booji’ameetti deebifama. Gaafa boojuu guddifatan jilli guddaan qophaa’ee hawaasni bal’aan ba’ee akka gara fuulduraatti akka ormaatti ilaaluun hinjiraanneef Abbaa Gadaatiin kakachiifama. Nama kakuu kana cabsee boojuu guddifatamee akka ormaatti ilaalame adabbii cimaan hanga ofkeessaa baasanii diinoomsuu itti muramuu danda’a. Kanaafuu, ilmoon boojuu yoo guddifatame mirga ilmoon Oromoo argatu hundumaa ni argata jechuudha.

 8. Moggaasa

Dhaabbata nama/gosa saba biroo maqaa baasaniifii horoomsuuti; yeroo hedduu nama finna hinqabne ykn gosa namni itti xiqqaatutu moggaafata. Namni/gareen moggaafame mirga Oromoon kamuu argachuu qabu ni argata; erga akka aadaafi duudhaa Oromootti moggaafamee akka ormaatti ilaaluun yakka.

Jila moggaasaarratti horii falanii ablee falaniin dhiiga keessa kaayanii taa’aa sana jidduu kaayuun hennaa Abbaan Gadaa eebbisu namni/gareen moggafamu sun ablicha harkaan qabuun waan Abbaan Gadaa jedhu sagalee tokkoon waliin jedhu. Kakuun/ waadaan kun gama lachuunuu kan hincabneefi hindabneedha. Kanaan booda gareen moggaafame ilma/ilmaan gosa moggaafatee ta’a.

9. Luba Baasa

Luba baasuun sirna namoota Oromoo hintaane kanneen waraana keessatti booji’aman bilisoomsanii ofitti dabaluuti. Kunis fedhii namoota booji’aman sanaatiin ta’a. Gama biraatiin, luba baasuun adeemsa gaafii sabni biroo akka nama dhuunfaa/gareetti Oromoomuuf gaafate fudhachuun gosa galchanii horoomsuuti.

Adeemsi luba baasuu/gosa galchuu gaaffii namni/gareen gosa galuuf deemu dhiheeffateen jalqaba. Gaaffiinsaanii fudhatama yoo argate kora gosaa kan waggaarratti gosatti himamee guyyaan jila gosa galchuu beellamama. Gaafa jilaa kanas korma falanii warra gosa galu dhiigaan qabanii, meedhicha itti hidhanii, raada handhuuraa kennaniifii horoomsu.

10. Harma Hodhaa

Saba/nama saba biroo ta’e guututti osoo hinhoroomsiin hariiroo maatii-ijoollee fakkaatu uumuudhaan waliin jiraachuudha. Maatiin/gareen harma hodhe akka ilmaan/ ijoollee gosa harma hodhanii ta’u. Faayidaaleen jajjaboon harma hodhaas:

a. Waldhabdeewwan kanaan dura uumaman hundeerraa maqsuun nagaa waarsuufi ceesisuu,

b. Akka nagayaan waliin jiraatan tolchuu,

c. Qabeenya waliin fayyadamuu,

d. Aadaa sabootaa waldandeessisee, saboota jidduutti hariiroo cimaa uumuu,

e. Mirgiifi nageenyi maatii/garee harma hodhe sanaa gosa harmi hodhameen akka eegamu taasisuu fa’a.

Gaafa jila harma hodhaa gareen lachuu kakuu waldeeggarsa waloo seenu. ‘Abbaan’/gosti harmi hodhame ‘ilma’/gosa harma hodhe akkuma ilmoo gudeedaatti waan barbaachisu cufaan deeggara. ‘Ilmillee’ waan ilmi abbaaf gochuu qabu hunda raawwachuun abbaa deeggara. Warri harma walhodhan hedduu walkabaju, walhinlolan, afaan hamaa walitti hindubbatan, cidhaa fi jigii walirraa hinhafan.

11. Meedhicha

Meedhichi sirna Oromoon saba biroo fedha ofiitiin Oromoomuuf dhufe ittiin simatee horoomsuudha. Jila kanarrattis korma falanii garee/gosa horoomuu fedhe sanitti meedhicha irreetti hidhanii Oromoomsu. Waliin nyaatanii dhuganii, sirbanii sirbisiisanii gammachuun ofitti dabalu/dabalamu. Gosti haala kanaan Oromoome mirgaafi dirqama Oromoon qabu kamuu niqabaata.

12. Gondooro

Rakkoon/ta’iin tokko saboota Oromoofi Geede’oo jidduutti irra deebi’ee akka hinuumamne labsuu ykn goolabuudha. Duudhaan gondooroo adeemsa jilaa walxaxaafi abaarsa/cubbuu dhiquufi namoota/garee waldhabe araarsuu keessatti mallattummaafi gahee olaanaa qaba. Nama/ garee waldhabe walitti araarsee aannaniifi garaa taasisuun nagaa, tasgabbiifi tokkummaa waarsa. Jilli gondooroo akkaatuma duudhaa Oromoofi Geede’ootiin raawwatama.

Gaafa jila gondooroo Abbootii Gadaafi waahillansaanii gama lachuufi bakka bu’oota hawaasa gamlachuutu argama. Hoolaa falanii mijuu naqanii waldhabdeen akkasii akka lammeessoo ummattoota lamaan jidduutti hinuumamneef walii tufanii walitti tufanii araaramanii waliin nyaatanii dhugu.

13. Wodoo

Sirni wodoo akkaataa ummattoonni Gujii, Geeda’oofi Burjii nama yookaan horii walirraa booji’an karaa nagaatiin walii deebisaniidha. Yoo namni booji’ame garee tokko harkatti miidhame jaarsonni gama lamaanii dubbatanii waan warra waldhabe walitti araarsaniin muru. Wanti araarsaniinis uwwisa yookaan loon ta’uu danda’a.

14. Afoocha

Saboota Harariifi Oromoo jidduutti ollummaa cimsuun gaafa rakkoofi balloos akka walbira dhaabatan tolcha. Waldhabdees fura.

15. Daamina

Oromoofi Argobbaa jidduutti nagaafi tokkummaa waarsa.

Walumaagalatti, saboonni, sablammoonniifi ummattoonni biyya keenyaa tokkummaa, nagaafi tasgabbii keessoo ofiifi ollaa eegsisuufi tikfachuuf duudhaaleefi dhaabbileen aadaa daran faayidaa qabu. Garuu, duudhaaleefi dhaabbileen aadaa hedduun sababoota garagaraatiin laafaanii/laaffachaa jiru.

Laafuunsaanii ammoo waliigalaan biyya keenya suduudaan hawaasa miidhaa jira. Kanaafuu, nagaa, tasgabbiifi tokkummaa waaraa biyya keenyatti fiduuf duudhaaleefi dhaabbileen aadaa qoratamanii heera, seera, imaammata, qajeelfamoota, sirna barnootaa keessatti madaqfamuun barbaachisaadha.

Leeniin Quuxoo Hamaadoo, Yunivarsitii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, Gorsaafi Qorataa Aadaa, Afaaniifi Aartii Oromoo

BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “Gahee duudhaaleefi dhaabbileen aadaa nagaafi tokkummaa sabootaa waarsuu keessatti qaban”

  1. Pingback: พรมรถ
  2. Pingback: online chat

Comments are closed.