“Gaaffiileen Oromoo waan deebi’aniif waanti qabsoof bosonatti nama galchu hinjiru” -Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Shuumiin Itaamaajoorii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Mootummaa RFDI, Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa tibbana haala yeroorratti ibsa bal’aa kan kennan yoo ta’u, nutis ibsasaanii keessumaa kan isaan dhimma araaraa Taanzaaniyaatti taa’amerratti kennanirratti xiyyeeffachuun haala ittaanuun qindeessinee dhiyeessineerra. Fiildi Maarshaal Birhaanuun ibsasaanii kan eegalan waa’ee moggaasa maqaa Shanee jedhurratti yaada kennuudhaani.

Moggaasa maqaa qaama hidhatee bosona Oromiyaa keessaa humnoota mootummaatiin falmaa jiruurratti qaamoleen gara garaa akkuma isaaniif mijatutti waamu. Qaama kanaan kan ‘Shanee’ jedhu jira, kan ‘ABO Shanee’ ykn OLA /WBO jedhee waamus jira.

Maqaansaanii kan fedhes ta’u qaamni kun yeroo ammaa hidhannoodhaan nageenya booressuu keessa kan jiru waan ta’eef nageenya buusuuf jecha marsaawwan lamaan wajjin mari’atameera.

Yeroo ammaa wanti ummanni Itoophiyaas ta’e mootummaan ummata kana bulchaa jiru barbaadu nagaafi nagaa qofa. Gama isaaniitiin nageenya mootummaafi ummanni biyyattii barbaadan kana ni barbaadu moo hinbarbaadan kan jedhu sirritti ilaalamuu danda’a.

Mootummaan Itoophiyaa erga ummatni bal’aafi hayyoonni biyyattii akka nageenyi bu’uuf jecha qaamota hunda waliin akka mari’atamu barbaadanii wanti waraana filatuuf hinjiru. Keessattuu waraanni biyyattii gara kaabaatti uumame xumura kan argate karaa waraanaatiin osoo hintaane, marii nageenyaatiin waan ta’eef, qaama kana waliinis yoo danda’ame mariidhaan furuuf yaadameeti kan mariiwwan marsaa lamaan darban kan gaggeeffame.

Haalota kanneenirraa ka’uun wayita mariin marsaa jalqabaa gaggeeffametti fageenyi dheeraa adeemamee ture. Sababuma kanaan miirri walhimachuufi maqaa walballeessuu hafee, marii marsaa lammataatiif haala gaarii uumuu kan danda’eedha.

Haaluma kanaan mariin marsaa lammataas bakka qaamotni maricha hoggananiifi taajjaban jiranitti gaggeeffamaa tures jalqabarratti haala gaariin erga adeemaa turee booda haalotni irratti waliigalteen dhabame uumaman.

Haalota waldhibdeen irratti uumame kanneen furanii waliigalteen akka dhufu gochuuf immoo isaan keessaayyis qaamoleen mootummaa aangoo murteessummaa qaban akka argaman taasifamuusaatiin marichi hamma tokko bifuma gaarii ta’een erga adeemaa turee booda, ammas haalli waldhabdee biraa uumu mul’ate.

Kunis erga marichi sadarkaa xumuraarra gahee boodaafi ummata biyyattiitiif yeroo labsamuuf jedhutti gaaffiileen hineegamne isaan irraa ka’uu eegale.

Jalqabumarratti qaamni tokko mootummaa biyyattii waliin taa’ee mari’achuuf sirna mootummaafi heera biyyattii kabajuufi fudhachuun dirqama akka ta’e baruun barbaachisaadha. Kana fudhachuun dirqama qaamaa sanaa ture.

Kanaaf dura marii keessa osoo hingalle sirnaafi heera biyyattiin ittiin bultu akka fudhatan waliigalanii erga gara marichaatti galanii booda, yeroo mariin xumurarra gahu waan waliigaltee duraa sana diigu kaasuudhaan haala marichaa gufachiisaniiru.

Qaamni kun nin qabsaa’a kan jechaa jiru ummata Oromootiifi. Dhugaadha ummanni Oromoo biyya kanatti dhiibamaa ture. Gaaffiilee hedduus biyyattii kana keessatti qaba ture. Bara sirna moototaatti gaaffii guddaan Oromoo gaaffii lafaa ykn dinagdee ture. Gaaffii sana immoo Dargiin deebiseera.

Sana boodas gaaffii ta’ee kan ittifufe gaaffiin mirga ofiin of bulchuufi eenyummaa mootummaa ADWUItiin deebii argatee naannoon Oromiyaa hundaa’ee ofiin of bulchuutti jira. Bara ADWUItti qaawwi ture garuu, aangoo mootummoota naannolee gidduu galanii waan ofii barbaadan raawwachiisuu ture.

Mootummaan guddugaleessaa aangoo naannolee gidduu galuudhaan kana godhi, kana immoo hingodhin kan jedhu sanatu fincila uumee mootummaa jijjiiramaa kana uume jechuudha. Jijjiirama booda naannoleen hundi waan ofiisaaniitiif nuu ta’a jedhanii itti amanan hojjatu malee qaamni isaan dirqisiisee hojjachiisu akka durii hinjiru.

Kan biraa waa’ee Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa gochuuti. Kunis gaaffii sirriidha. Kanas mootummaa fudhatee irratti hojjechaa jira.

Walumaagalatti; gaaffiileen Oromoon biyya kana keessatti qabaachaa ture dhawaata dhawaataan deebi’anii waan dhumaniif ammaantana maqaa Oromootiin wanti hidhachiisee nama lolchiisu hinjiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ “Gaaffiileen Oromoo waan deebi’aniif waanti qabsoof bosonatti nama galchu hinjiru” -Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa”

  1. Pingback: Jacksonville SEO
  2. Pingback: Heidi Fleiss
  3. Pingback: safe eft hacks

Comments are closed.