Finfinnee: Omisha ganna 2015/2016 irraa haga ammaatti sassaabamerraa callaa kuntaala miliyoona torbaafi kuma 500n argamuu Biiroon Qonna Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz ibse.
Hogganaan Biiroo Qonna naannichaa Obbo Babakir Haliifaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf Roobii darbe akka ibsanitti, hojiin sassaabuufi calleessuu omisha bara 2015/2016tti haga ammaatti gaggeeffameen callaa kuntaala miliyoona torbaafi kuma 500 argameera. Waliigalaan naannichatti qonna gannaarraa callaa kuntaala miliyoona 34 akka eegamu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, biirichi omishaafi omishtummaa naannichaa guddisuun wabii midhaan nyaataa naannichaa mirkaneessuuf hojiilee guguddaa hojjechaa jira. Bara omishaa 2015/2016tti lafa keektaara miliyoona 1.1 sanyiidhaan uwwisuuf karoorfate keessaa hektaara miliyoona tokkoo ol sanyiidhaan uwwisuun danda’ameera.
Dhiyeessii guddistuu callaatiin walqabatee xaa’oo namtolchee (kompostiin) bal’inaan naannichatti hojiirra kan oole ta’uu himanii; waliigala xaa’oo kuntaala kuma 111 dhiyeessuuf karoorfamee hunda dhiyeessuun hojiin qonna gannaa gaggeeffameera.
Yeroo ammaas sassaabbiin omishaa ga’ee sassaabbiirra jiraachuu himanii; qisaasama omishaa wayita sassaabbii mudatu hambisuuf odeeffannoo Inistitiyuutii Metiworolojii Itoophiyaa bu’uura godhachuudhaan sassaabbiin omishaa yeroosaa eegee akka gaggeeffamuuf hojiin hubannoo uumuu bala’aan miidiyaadhaan hojjetameera. Sassaabbiin omisha naannichaa baay’een mala aadaatiin waan ta’eef barattoonni duula ba’anii akka omisha sassaaban kallattiin kaa’ameera jedhaniiru.
Rooba waqtii malee roobu sassaabbii omishaarratti yeroo gabaabaaf dhiibbaa uumuus gombisaan omishni ittisassaabamu qopheessuun rooba jalaa oolchuun haala mijataa uumuuf hojjetamaa jira.
Haaluma walfakkaatuun hojiin qonnaa qamadii bonaa boqonnaa qophiirraa kaasee hojii guguddoon hojjetamaa jira. Qonna qamadii bonaa bara darbee hektaara kuma lama ta’uu yaadachiisanii; barana garuu hektaara kuma sadii hanga kuma torbaatti sanyiidhaan uwwisuuf karoorfameera. Hojii hanga ammaatti hojjetameen lafa hektaara kuma tokko qophaa’e keessaa hektaarri dhibbi sadii sanyii qamadiin uwwifamuu himanii; kan hafes irraa jalaan yeroo hafe keessatti kan xumuramu ta’a jedhaniiru. Bara omishaa kanatti callaa qamadii kuntaala kuma 100-120tti omishuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Sassaabbiin omisha boqqolloo duubatti harkifateera. Akka aadaa naannichaatti waqtiin bonaa yeroo ibiddi bonaa ka’u waan ta’eef hawaasni omisha boqqolloo aariitiidhaan akka sassaabamuuf hoggansiifi ogeessonni qonnaa hawaasa dadammaqsuu qabu. Hojii qonna qamadii bonaan duubatti harkifates hatattamaan hojii lafa qopheessuufi sanyiidhaan uwwisuutti akka galamu jechuun dhaamaniiru.
Saalixii, boqqolloo, boloqqee, qamadii, xaafii, bisingaa (caabbii) omisha naannichaatti omishamaa jiran keessaa muraasa ta’uun hubatameera.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016
5 Comments to “Beenishaangul Gumuzitti callaa kuntaalli miliyoona torbaa ol sassaabame”
Comments are closed.