
Akkuma yeroo wanni mormamuu qabu mormamaa turetti waan galateeffamuu qaburratti galateeffachuun abshaalummaafi haqummaadha. Kan duraan Musliimota Itoophiyaa keessa jiraatu jedhamaa turetu Musliimoota Itoophiyaa akka ta’u labsiidhaan mirkanaa’ee hawaasicha gammachiise.
Baankiin dhalarraa bilisaa kan baroota dheeraaf dhorkamee lafarra gangalataa turetu wareegamni ittikaffalamaa ture har’a hayyama argamsiisee hawaasa Musliimaa hunda gammachiise. Hoggansi Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa ifaafi bilisaan akka filatamu taasifamuusaatiin seenaa haaraa biyyattiitti dalagameef hawaasni Musliimaa dheebuu abbaa biyyummaafi dhaabbata isa fakkaatu ofumasaatiif hundeeffatee mootummaa jijjiiramaa haala mijataa kana uume galateeffate.
Mataduree, “Boqonnaa ittaanu, jijjiirama walootiif” jedhuun tibbana sagantaan guddaan nageenyaafi galateeffannaa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatiin qophaa’e Finfinneetti kan adeemsifame yemmuu ta’u, sagantichi nageenyi amansiisaan akka mirkanaa’uufi hojiiwwan gaggaarii hanga ammaa mootummaan hojjataa tureef beekamtiin kan irratti kennameedha.
Ummatni Itoophiyaa hundi osoo amantiifi sabummaadhaan gargar walhinqoodin nageenya biyyaatiif waliin hiriiruu akka qabu kan dubbatan Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Doktarri Kabajaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa, gatiin nageenyaa qaalii akka taate hubatamee hunduu garaa garummaa tokko malee nageenya biyyaatiif waardiyyaa ta’ee akka dhaabatu hubachiisan.
Akka ibsasaaniitti; rakkooleen nageenyaa yeroo ammaa kutaalee biyyattii adda addaatti mul’achaa jiran mootummaa qofaa osoo hin taane, hunda keenyaa kan yaachisaniidha. Karaa hoggansa abbootii amantiitiin qaamotni hidhatanii walfalmaa jiran hundi gara nageenyaatti akka dhufan waamicha ni dhiheessina.

Waraanarraa qaamni fayyadamu tokkollee akka hinjirre hubatamee mootummaan biyya bulchu ammoo yeroo hunda nageenyaaf qophaa’aa ta’uudhaan akkasumas gareewwan hidhatanii bosona jiraniif waamicha nageenyaa taasisaa jiru cimsee ittifufuu qaba jedhan.
“Namni nama waan gaarii hojjate hingalatoomfanne Waaqas hingalateeffatu” kan jedhan Sheek Hajjiin, mootummaan jijjiiramaa Doktar Abiyyi Ahmadiin hogganamu gaaffiilee hordoftoota amantii Musliimaatiif deebii kennaa jiruuf galateeffataniiru.
Galatni hawaasni Musliimaa Itoophiyaa mootummaa jijjiiramaa kanaaf galchaa jiru hojii hanga ammaatti hojjatameef malee gaaffiin Musliimaa hundi deebi’ee dhumee akka hintaanes yaadachiisanii, gaaffiin hawaasni Musliimaa biyya tana keessatti kaasaa ture kan walirratti tuulame waan ta’eef yeroo gabaabaa kana keessatti hunda deebisuuf kan ulfaatu ta’uu ibsu.
Kanaafuu, baay’inaafi walirra tuulamiinsa gaaffiileetiin yemmuu ilaalamu kan hojjatame xiqqaa, kan hafu immoo guddaa ta’us, nama xiqqaas ta’u waan gaarii hojjateef galanni barbaachisaa waan ta’eef hoggansa mootummaa jijjiiramaa kanaaf galanni hawaasni Musliimaa guddaa ta’uu himu.
Yaa’iiwwan kana fakkaatan yeroo ittaananitti naannolee biyyattii hundatti kan adeemsifaman ta’uu kan ibsan Sheek Hajjiin, nageenyi hojii qaama tokkoon iddoo tokko qofatti hojjatamee dhufu osoo hintaane, kan qaamolee hundaan iddoowwan hundatti hojjatamee dhufu waan ta’eef sagantaaleen marii dhimma nageenyaa kun bal’inaan kan ittifufu ta’uu eeraniiru.

Manni Maree dhimmoota Islaamummaa haaraan qabsoo hadhaawaa hawaasni Musliimaa waggoota dheeraadhaaf taasiseen hundaa’e gaaffiiwwan buleeyyii hawaasichi gaafataa ture dhawata dhawataan deebisuuf caasaasaa sadarkaalee hundatti diriirsee hojjachaa jiraachuu kan himan ammoo Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Sheek Amaan Eebbaati.
Yeroo gabaabaa keessatti ijaarsi waajjira muummee mana maree dhimmoota Islaamummaa magaalichaa dabalatee ijaarsi mana maree dhimmoota Islaamaa sadarkaa kutaalee bulchiinsa magaalattii hundatti ijaaruuf haalduree xumuramuus ibsaniiru.
Hojiiwwan sadarkaa magaalattiitti hojjataman hundi deeggarsa bulchiinsa magaalattiitiin ala waan yaadamu akka hintaane yaadachiisanii, kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeefi miseensonni kaabineesaanii hundi hojii manni marichaa hojjachaa jiruuf deeggarsa barbaachisu taasisaa waan jiraniif galanni guddaan kan maluuf ta’uu eeraniiru, galateeffataniirus.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinneefi kaabineensaanii magaalichatti ijaarsa masjiidota haaraa 16 ta’aniif iddoo ijaarsaa, kaartaa seeraqabeessaa kanneen hinqabneef immoo kaartaa seera qabeessaa, Masjiidota babal’ina barbaadaniiffis iddoo itti babal’atiinsaa haaraa akka kennamuuf gaaffiilee manni marichaa dhiheesse hundaaf deebii quufsaa kennuusaaniitiif kan galateeffatan immoo Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinneetti Ittigaafatamaan Damee Dhaabbilee Uztaaz Mahaammad Abaateeti.
Waggoota dheeraa seenaa biyya kanaa keessatti gaaffiin hawaasa Musliimaa akka yeroo kanaatti xiyyeeffannoo argatee kan hinbeekne ta’uu eeranii, hojii hanga ammaatiif sadarkaa magaalichaattis ta’ee akka biyyaatti mootummaan Itoophiyaa gaaffiilee hawaasa Musliimaa deebisuuf raawwachaa jiru kana cimsee akka ittifufu gaafataniiru.
Mootummaan Doktar Abiyyiin hogganamu jijjiirama akka biyyaatti dhufeen booda haaluma waadaa galeen damee baankiirratti labsiiwwan barbaachisoo fooyyessuudhaan baankiiwwan guutummaatti dhalarraa bilisa ta’aniifi seera Shariyaatiin bulan hundaa’uusaanii kan yaadachiisan walittiqabaan boordii Baankii Zamzam Doktar Naasir Diinooti. Kunis seenaa biyya kanaa keessatti boqonnaa haaraa mootummaa jijjiiramaa kanaan dhufe waan ta’eef galateeffataniiru.
Fooyya’iinsa labsii damee faayinaansiirratti taasifameen yeroo ammaa baankiiwwan afur kanneen guutummaatti dhalarraa bilisa ta’aniifi seera Shari’aatiin bulan hundaa’aniiru. Sagantaa lallaba nageenyaa, galateeffannaafi beekamtii kennuu hojiiwwan hanga ammaatti mootummaan hawaasa Muslimaatiif taasisaa ture kanarratti Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiifi kantiibaa Magaalaa Finfinneetiif Aadde Adaanachi Abeebeetiif beekamtiifi badhaasni baankiiwwan Islaamaafi Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinneerraa kennameera.
Mannneen Maree Dhimmoota Islaamummaa Finfinneefi Itoophiyaa yaa’ii nageenyaa kana qopheessuusaaniitiif kan galateeffatan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, hojiiwwan misoomaa gara garaa mootummaadhaan hojjataman keessatti deggarsiifi hirmaannaan dhaabbilee amantii cimaa jiruuf mootummaan iddoo guddaa akka qabu himaniiru.
Ilaamee…! Biyya tokko keessatti amantiin tokko isa kaanii ol ta’ee, sabni tokko isa kaanii ol ta’ee, afaan tokko isa kanan caalee jaalalli biyyaa miira walfakkaatuun akka uumamu gochuun akka hindanda’amne seenaa Itoophiyaa waggaa 30 dura turerraa hubachuun gahaadha jedhan.
Kanaafuu, mirgi walqixxummaa haqaqabeessaa afaanota, sabootaafi amantiilee biyyattii hundaaf mirkaneessuun, miirri jaalalaafi quuqama biyyaa walfakkaatuufi seeneessi waloo akka uumamu carraa kan saaquuudha. Walumaagalatti, gaaffiileen hawaasa musliimaa waggoota hedduuf gaafatamaa turan deebi’anii dhumuu baatanis, isa hanga ammaatiif galateeffachuun waan hafeef karaa saaquudha. Kun immoo moggaatti dhiibamuu tanaan dura ture kan hambisu waan ta’eef miirri abbaa biyyummaa akka ittidhagahamuufis shoora olaanaa kan bahatuudha.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 29 Bara 2016
7 Comments to “ Musliimotni Itoophiyaa keessa turan, gara Musliimota Itoophiyaatti seeraan guddatanii mootummaas galateeffatan”
Comments are closed.