Muuziqaawwan Afaan Oromoo dhiheenya ba’an walaloofi yadaloon, meeshaan muuziqaafi qulqullinni suursagaleesaanii daran dinqisiifamuufi indastirii muuziqaa Oromoo sadarkaa tokko fuulduratti tarkaanfachiisan ta’aa dhufuun walnama hingaafachiisu. Keessumaa ergaan sirboota keessa jiru sammuu namaa keessatti fakkii hiika qabu kennuun jaalatamaafi dagatamaa akka hintaaneef suursagaleen (viidiyoon) isaa bakka guddaa kan qabu ta’uu ogeessonni muuziqaa waan hubatan fakkaata.
Sirboota as dhihoo keessaa kan Artisti Yoosan Gammachuu ‘Baala Gizee, Bulloo’, kan Hirphaa Gaanfuuree ‘Marmaaree’ kan Ittiiqaa Tafarii ‘Oromummaa’, kan Galaanaa Gaaromsaa ‘Duraanuu’, kan Guutuu Abarraa ‘Deemi’, kan Natsaannat Fiqruu ‘Maaf Didda?’, kan Addisuu Kabbadaa ‘Sillee wayyaa’, kan Daangaa Hayilayyasuus ‘Shillimii’, Kan Wandii Maak ‘Shambaa Rambaa’, kan Heelan Barihee ‘Darammasee’ kan Margituu Warqinaa ‘Obomboleettii’, kan Leencoo Gammachuu ‘Muquxxaayee’fi kanneen biroo yoo ilaalle sirboota yeroo gabaabaa keessatti jaalatamummaafi fudhatamummaa olaanaa argataniidha.
Cimina sirboota kanneen duuba ogeessonni baay’een yoo jiraatanillee argaa dhageettii namaatti akka tolan taasisuu keessatti garuu akkuma maqaasaa shoora leencaa taphachaa kan jiru, daarektara muuziqaa dargaggeessa Leencoo Fiqiruuti. Gaazexaan Bariisaas dargaggoo ganamaan kennaasaa hubatee aartii ummata Oromoo keessatti gaheesaa ba’ataa jiru kun Qarreefi Qeerroof muuxannoosaa akka qooduuf turtii gabaabaa waliin taasisteetti.
Daarektarri muuziqaa kun dhalatee kan guddate Godina Wallagga Bahaa, Magaalaa Naqamteetti yoo ta’u, barnootasaa sadarkaa tokkoffaa kutaa 1ffaa-10ffaatti Mana Barumsaa Daaloo, kutaa 11ffaa-12ffaatti ammoo Mana Barumsaa Qophaa’ina Magaalaa Naqamteetti barate. Barnoota sadarkaa olaanaas Yunivarsiitii Wallaggaatti akaakuu Barnootaa ‘Theatrical Art’dhaan xumure.
Akka inni jedhutti, hojii muuziqaatti kan seene barataa yunivarsiitii waggaa sadaffaa osoo jiruu yoo ta’u, hojiinsaa jalqabaa kan Artisti Leencoo Gammachuu ‘Muquxxaayee’ ta’uu yaadata. Jaalatamummaafi fudhatamummaa muuziqaan sun argateen addunyaa daarektarummaatti dhufuu hima. Carraa kanas kan argate duruma yeroo sadarkaa tokkoffaa baraturraa kaasee gumii miinii miidiyaa manneen barnootaa keessatti hirmaataa turuu ibsee, keessumaa viidiyoo ilaaluu daran akka jaalatuufi waan hanqate keessaa funaanuun utuu akkas ta’ee jedhee yaada akka kennu kaasa.
Yaada kanas gaafa artistoota argu maaliif akkas hintaane jedhee akka waliin haasa’uufi yaada kennu eeree, adeemsa keessa ijoollee naannawa tokkoos waan ta’aniif iyyaafannaadhaan Artisti Leencoo waliin walarguu dubbata. Yeroo sana Leencoon muuziqaasaa jalqabaa ‘Dibaabee’ jedhu sagaleedhaan ummata biraan ga’ee, ‘Muquxxaayee’ hojjechuuf yeroo qophii xumuretti ta’uu hima. Yaada inni kennu hubachuunis Leencoon sirbasaa akka daayireekti godhuuf carraa kennuufii dubbata.
“Daarektarummaa jechuun namoota baay’eef ifa miti. Jechichis yeroodhuma dhihoo as baramaa dhufe malee hinbeekamu ture. Namni baay’een muuziqaa tokko namuma suursagaleesaa waraabe sanatu hojjeta se’a. Daarektara jechuun abbaa viidiyoo ykn fakkii muuziqaa tokkooti. Waan namni barreessee sirbu tokkotti lubbuu itti horuu jechuudha. Hojiin kunis qajeelchuu qofa osoo hintaane ittigaafatamummaa, of kennuu, gaggeessuu, yeroo kabajuu, qindeessuufi kalaqa addaa qabaachuu barbaachisa. Yoo kana ta’e namni tokko daarektara milkaa’aa jedhamuu danda’a” jedha.
Hojiin gara daarektaraatti kan dhufu haalota lamaan ta’uu kan himu Leencoon, inni tokko muuziqaadhuma qofa fidee kan dhufu yoo ta’u, kaan immoo yaadawwan suursagalee itti dabalamuu qaban adda baasee fidee akka dhufu hima. Inni garuu akka daarektara tokkootti osoo muuziqichi hinhojjetamiin dursanii akka isa qunnaman akka barbaadu hima. Muuziqichi yommuu istuudiyoo jirurraa kaasee qajeelchuun hojii bareedaa hojjechuuf akka nama gargaaru ibsa.
Hojiin kun qajeelchuudha yommuu jedhamu, wayyaa uffatamu, bakka, haalaafi yeroo itti waraabamu, namoota keessatti hirmaatan, gochaa keessatti taasifamuufi kkf illee kan murteessu daarektara ta’uu dubbata. Viidiyoowwan waraabamanis qindeessuun kan filatu akkasumas hamma sirreeffamu (edit ta’uutti) kan hordofuufi abbummaasaa fudhatu ta’uu hima.
Sirboota daayireekti godhe kunneeniin artiistoonniifi inni badhaasawwan akkasumas beekamtiiwwan garagaraa argachuu kan himu Leencoon, sirboonni Artisti Guutuu Abarraa Afrimaafi Odaa Awwaardi ittiin injifate, Yoosan Awwaardii Haacaaluurratti ittiin badhaafamuu eera.
Akka ibsasaatti, ogummaa daarektiingii keessatti kalaquma qaban baasanii ummata biraan ga’uuf rakkooleen bajataa, humni namaa ogummicharraa dhibuu, birokraasiifi kkfn qorumsawwan ijoodha. Keessumaa hojichi teknolojii daran ammayyaawaa qulqullina suursagalee mirkaneessuu fayyadamuu waan barbaachisuuf aarsaa olaanaa kanfalchiisaanii jiru. Viidiyoowwan hanga yoonaa waraabamanis kiraadhaan qarshii olaanaa itti baasuuni.
“Meeshaaleen hojichaaf barbaachisan qaaliidha. Artiistoonni keenya ammoo hangas mara dinagdeedhaan cimanii kanfaltii gaarii sii kanfalanii meeshicha hinbitattu. Kanarratti waan baay’ee gara abbootii qabeenyaa keenyatti geessuu hinbarbaadu. Garuu kanfaltiin ashuuraa meeshaalee hojii kana hojjechuuf alaa ittiin galchitu gatii meeshichaa ni caala. Kun akka furamuufis waldaaleen artistootaa yeroo addaddaa gaafataa jiru. Mootummaanis dhimma kana ilaalcha keessa galchee osoo sirreessee inni deeggarsa tokko” jedha.
Hojiin damee kanaan hojjetamaa jiru kun hojii sinsinnii ta’ee akka hinhafneef fedha qabaachuu kan himu Leencoon, qulqullinni suursagalee amma jiru osoo sadarkaansaa gadi hinbu’iin dhaloonni jalaa dhufu akka ittifufsiisuuf fuulduratti xiyyeeffatee irratti hojjechuuf yaada akka qabu kaasa.
Gama biraatiin Leencoon Akkaadaamiin Taatummaa Abbaa Lataa dhiheenya baname akka banamuuf yaada maddisiisuurraa kaasee hamma akkaadamicha hundeessuu, hogganuufi taatota leenjisuutti hirmaataa jira. Yeroosaa baay’ees dhimma kanaaf kennee hojjetaa jiraachuu eeree, kunis fiilmiifi tiyaatira Oromoorratti xiyyeeffachuun kan hojjetu ta’uu hima.
Akkaadaamii kana hundeessuuf kan isa kakaases, hubannoofi beekumsa damee kanaan horaterraa ka’uun rakkoon ijoo damichaa taatummaa ta’uu ibsee, kana furuufis mana barnootaa ogummaa kana barana Finfinnee, naannawa Daalattii (Araat Kiilootti) banuu hima. Akkaadaamichis taatota ji’a ja’aaf kan leenjisu ta’uufi sadarkaa sadarkaadhaanis dorgomsiisaa kan deemu ta’uu kaasee, dhumarrattis taatoo jaboo ta’anii ba’aniif carraa namoota muuxannoo qaban waliin walitti fiduun fiilmii sadarkaasaa eeggate waraabuuf karoorsuu ibsa.
Wayita ammaa leenjitoota marsaa tokkoffaa fudhachuun ji’a lammaffaaf leenjisaa jiraachuu kan himu dargaggoon kun, jalqaba namni bakkuma jiruu waan ka’uuf malee fuulduratti keessumaa kan Finfinneetti eegale kun firii gaarii kan argamsiisu yoo ta’e ijoolleen kennaa taatummaa qabaatanii fageenyarra jiran carraa akka argataniif akkaadaamicha babal’isaa deemuuf karoora qabaachuu hima.
Akka waliigalaatti hojiiwwan eegaletti yeroo gabaabaa keessatti milkaa’ina argachaa kan jiru Leencoon, hunda caalaa dargaggoonni of dhaggeeffachuu akka qaban gorsa. Dargaggoonni yoo waan keessisaanii jedhuun hojiirra oolchan mo’uu waan danda’aniif of dhaggeeffachuufi yaada keessasaanii raawwachuu akka qaban dhaama. Nutis keessumaa qarreefi qeerroon kennaa uumamaan Rabbi isaan badhaase ganamumaan hubatanii hojiitti hiikuuf carraa jiru yoo fayyadaman milkaa’uu waan danda’aniif kennnaasaanii adda baafachuu qabu jenna.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 29 Bara 2016
6 Comments to “ Leencoo Fiqruu: Dargaggeessa jabaa suursagaleewwan muuziqaa Afaan Oromoo duubaan jiru”
Comments are closed.