Biyyi waldanda’uun tokkoomti

Gaafa waa’een Itoophiyaa ka’u kaan biyya afaan tokkoo aadaa tokkoo amantaa tokkoo taasisee ilaala; ilaalchi kunimmoo duubatti hafummaarraa kan maddu, barnoota ammayyaafi ilaalcha siyaasaa tarkanfachiisaadhaan kan hinqoraafamneefi seenaa ragaa hinqabneedha.

Ijaarama Itoophiyaatiin walqabatee wayita seenessa jiru duubatti deebinee ilaallus dhiibbaafi cunqursaa sirnoonni darban qaqqabsiisaa turaniin walqabatee seenaa jallisanii dhugaa dabsanii jiraachuu, sabaafi sablammiilee dagatanii murna tokko qofa leellisuun mul’ata.

Sirnoonni farra walqixxummaa ta’an dabareesaanii eeggatanii erga hurraa’anii as sabaafi sablammiileen mirgoota ofiin of bulchuu, afaansaanii, aadaasanii guddisuu, amantaa fedhan hordofuu mirga filachuufi filatamuu argataniiru. Injifannoon siyaasaa gama kanaan argame sabaafi sablammiilee jaarraa tokkoofi walakkaa oliif ukkaamsaa jala turan gadi baasee kan mul’ise mirgi walqixxummaa akka kabajamu, ilaalchi natu sii beekaa akka quucaru ta’eera.

Jaarraa 21ffaa kanatti ilaalcha natu sii beekaa yeroon irradarbeefi humnaan biyya tokkoomsuuf yaaluun biyya diiguudha malee ijaaruu akka hintaane eenyumaafuu ifaadha. Ilaalchi akkasii jaarraa tokkoofi walakkaa oliif ilmaan sabaafi sablammiirratti cunqursaawwan gara garaa qaqqabsiisuun waldhabdeef sababa ta’aa waan tureef amma fudhatamummaa hinqabu. Miirri waloo biyyaa akka dhugoomu, tokkummaan akka lafa qabatu waldandahuun, aadaa, afaaniifi eenyummaa walii kabajuun dirqama.

Ilaalcha namoonni tokko tokko qabatanii deemaniin mootummaan amma aangoorra jiru sirna tokkee deebisuuf yaalaa jira kan jedhan jiru. Kun dogoggora. Mootummaan amma aangoorra jiru sabdaneessummaaf bakka guddaa qaba. Kana dhugoomsuufis humna guutuudhaan hojjetaa jiraachuu Ministirri Muummee RFDI Dokar Abiyyi Ahmad leenjii tibbana hoggansa mootummaatiif kennamerratti dubbataniiru.

Sabaafi sablammiileen walitti dhufanii Itoophiyaa sabdaneettii hundaaf taatu ijaarrachaa jiru. Kanaan ala ilaalcha finxaalessummaa fiixeetti baheen waanti, Yoo ani bulche malee biyyi diigamti” jedhamus jiraachuu kaasanii, kun eessayyuu akka nama hingeessisne eeran. Waldhabdeen yaadaa ilaafi ilaameedhaan malee qawweedhaan waan hinfuramneef garaagarummaa mariidhaan furuun biyya badhaatuufi hunda walqixa keessummeessitu ijaaruuf hojjechuun barbaachisaadha.

Sabaafi sablammiileen afaan eenyummaa, aadaafi sirnootasaani dagaagafchuuf mirga qabu. Kana daangessuunis hindanda’amu. Kana keessatti akkuma kan ofii dagaagfachuuf dhama’amu kan warra kaaniis kankooti jedhanii fudhachuun barbaachisaadha. Ilaalcha walqixxummaafi misoomawaadhaan biyya ofii ijaaruunis akkasuma.

Itoophiyaan walbummaashii kan tikfatte irree gamtoomeeni. Har’as nageenyaafi misooma waaraa mirkaneeffachuuf waliin dhaabachuun dirqama. Biyya hundaaf taatuufi hunda walqixa tajaajiltu dhaloota dhufuuf dabarsuuf humna guutuun hojjechuun murteessaadha. Kanaafis jijjiiramoota abdachiisoofi onnachiisoo galmaa’aa jiran akka milkaa’an gochuu barbaachisa.

Walqixxummaan sabaafi sablammii kanaan dura hinmirkanoofne jedhamee qabsaa’amaafii ture amma haala gaariirra kan jiru yoo ta’u, sirni federaalizimii bu’aa buuseera. Sirnichi saboonni mirga ofiin of bulchuu akka gonfatan, qabeenyasaaniirratti abooman, aadaa, afaan duudhaasanii gabbifachuu akka danda’an taasiseera.

Gaaffiin naannoodhaan ijaaramuu ka’aa tures deebii kan argate yoo ta’u, baay’inni naannolees sagalirraa gara 12tti guddateera. Kunis kutannaa mootummaan federaalizimii ijaaruurratti qabu olaanaa ta’uu kan agarsiisuudha. Mootumman sirna qeenxee deebisaa jira yaanni jedhu olola; waa’een naannolee irranatti kaasnee fakkeenya ga’aa waan ta’eef.

Gama biraatiin nannoleen babal’achuun biyya bittinneessa yaanni jedhu ilaalcha finxaalessummaa ta’uun ala sirumayyuu miirri walkabajuu, waldanda’uufi waliin jiraachuu akka gabbatu kan taasisuudha. Akkuma mootummaan jijjiiramaa dimokiraasiin akka babal’atuufi walqixxummaa dhugoomu cichee hojjetu qaamni kamuu gara aangootti dhufuuf filannoo qofa filannoo godhachuu qaba.

Yaaliin qawwee kaasanii humnaan aangoo qabachuuf taasifamu kan yeroon itti darbe akkasumas sochii dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa kan miidhu waan ta’eef ilaalcha diigumsaarra dimokiraatawaa ta’anii yaada caalmaa qabuun caalanii argamuuf tattaaffachuutu barbaachisa. Walumaagalatti Itoophiyaan biyya sabdaneettii waan taateef ijarsa egereesheef miirri tokkummaafi tumsi sabootaafi sablammiilee murteessaa waan ta’eef tokkummaarratti cichanii hojjechuun barbaachisaadha.

 Waasihun Takileetiin

 BARIISAA SANBATAA Sadaasa 29 Bara 2016

Recommended For You

6 Comments to “ Biyyi waldanda’uun tokkoomti”

  1. Pingback: cock
  2. Pingback: chatroom
  3. Pingback: free webcam tokens

Comments are closed.