“Qaamni nageenya dide dirqamee araaratti akka deebi’uuf tarkaanfiin fudhatamaa jira” -Obbo Hayiluu Addunyaa

Finfinnee: Shaneen marii marsaa 2ffaa fashaleessuun daandii badiisaa waan filateef dirqamee gara nagaatti akka deebi’uuf mootummaan tarkaanfii qindaa’aa irratti fudhataa jiraachuun ibsame.

Ittigaafatamaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, mootummaan fedhii nageenya buusuuf qaburraa kan ka’e kanaan dura karaa duudhaa Oromoo eegeen Abbootii Gadaa, haadholii Siinqeefi Jaarsolii biyyaan murnichi gara nageenyaatti akka deebi’uuf yaalii taasisaa tureera.

Ammas qaama sadaffaa murnichi barbaade guutuunis marii marsaa 2ffaa Taanzaaniyaatti taasiseera. Ta’us haalduree sadarkaa har’a biyyattiin irra jirtu hinmadaalle dhiyeessuun fashalaa’uu marichaatiif ka’umsa ta’eera.

Ammaan tanas mootummaan naannichaafi federaalaa murnicharratti tarkaanfii waloo fudhataa jiraachuu himanii; ta’us murnichi marii taasifamu keessatti injifannoo hinbarbaachifne gonfachuuf jecha lammiilee nagaarratti tarkaanfii laalessaa fudhataa jiraachuu ibsaniiru.

Murnichi torban darbe Wallagga Bahaafi Wallagga Lixaatti akkasumas Buunnoo Baddalleetti osoo haleellaa raawwachuuf qophaa’aa jiruu tarkaanfii mootummaan fudhateen gariin du’aan adabamuu, gariin ammoo madoo ta’ee bittinnaa’uu eeraniiru. Tarkaanficha ijaa ba’uuf Arsii, Shirkaatti lammiilee nagaarratti miidhaa dhaqqabsiisuus dubbataniiru.

Gama birootiin dargaggootni dogoggoraan murnichatti makaman kumaatamaan lakkaa’aman gara nagaatti deebi’uun tarkaafii sirrii ittifufuu qabu ta’uu himanii; marii Taanzaaniyaatti taasifamerrattis kutannoo mootummaan nageenyaaf qabu hawaasni idiladdunyaa hubachuu eeraniiru.

Miidhaa lammiilee nagaarra ga’aa jiru ilaalchisee Obbo Hayiluun akka jedhanitti, Shaneen kaleessa akka xaa’oon qonnaan bulaa bira hingeenye dhorkaa tureera. Har’a ammoo omisha akka hinsassaabbanne danqaa jira. Qaamotni nageenyaa lammiilee nagaa miidhuun haa hafuutii lammiileen nagaa haleellaa murna shororkaa kana jalaa baraaruufuu aarsaa guddaa kaffalaa jiraachuus hubachiisaniiru.

Murnichi qabeenya lammiilee dirqisiisee saamaa waan jiruuf ummatni of eeggannoo barbaachisu taasisuu qaba jedhanii; hawaasni bakka murnichi jiru qaama nageenyaaf odeeffannoo kennuun tumsa barbaachisu akka taasisu gaafataniiru.

Murnichi fedhii gara nagaatti deebi’uu qabaannaan karri karaa nagaa banaa ta’uus Obbo Hayiluun ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ “Qaamni nageenya dide dirqamee araaratti akka deebi’uuf tarkaanfiin fudhatamaa jira” -Obbo Hayiluu Addunyaa”

  1. Pingback: ufa1913
  2. Pingback: disposable

Comments are closed.