Hanqina kondomii mudate furuuf kondomiin miliyoona 55 bitame

 Finfinnee: Hanqina kondomii wayita ammaa mudatee jiru furuuf bittaan Kondomii miliyoona 55 gaggeeffammuu Minsteerri Fayyaa ibse. Waggaatti kondomiin miliyoona 200 ol sadarkaa biyyaatti akka barbaachisu ibsameera.

Ministeerichatti Raawwachiisaan Daarektara Ittisaafi To’annoo Dhibee ‘HIV’/edsii Obbo Fiqaaduu Yaadataa ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka ibsanitti, ittisa dhibee ‘HIV/edsiif hanqina kondomii mudate furuuf bittaan kondomii miliyoona 55 raawwateera.

Tatamsa’inni dhibee kanaa sadarkaa biyyaatti %1 gad ta’us magaalotarratti tatamsa’inni guddaan jiraachuu ibsanii, Gaambeellaatti %4, Finfinneetti %3.5, Dirree Dhawaatti %3, Harariitti %3, baadiyyaatti %1 gad ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Akka ibsasaaniitti, mootummaan waggoottan 30-40 darbanitti yaalii cimaa taasifameen tatamasa’ina dhibee ‘HIV’/edsii akka gadbu’u taasifameera. Saffisa tatamsa’inaa bu’uura godhachuun hojiiwwan hubannoo uumuu, ittisuu, hordoffii, yaalaafi kunuunsa taasisuurratti tarsiimoo bocameen hojjetamaa jira.

Hojii hanga ammaatti hojjetameenis tatamsa’inni dhibee kanaa sadarkaa biyyaatti %1 gad akka ta’u taasiseera. Dhibbantaa tokko gadi ta’uun tatamsa’ina hirmaannaa hoggansaa, hawaasaa, qooda fudhattootaafi qaamolee walta’iinsaa hojjetan hir’isaa deemuun xiyyeeffannoo akka dhabu taasisuun ilaalcha tatamsa’inni dhibichaa hir’ateera jedhu akka bakka qabatu taasiseera.

Wayita ammaas dhiyeessi kondomii sababa dhibee koviid-19n walqabatee biyyoota kondomii omishanirraa omishi kondomii hir’ateefi qulqullinaan walqabatee kondomiin biyya seene faayidaan ala ta’uun hanqina kondomii %50 qaqqabsiiseera.

Mootummaanis hanqina mudate furuuf bittaa kondomii miliyoona 55 raawwachuu himanii; fayyadamaafi tatamsa’ina kondomii giddugaleeffachuu baatii tokko keessatti akka raabsamu ibsaniiru.

Kondomii karaa mootummaa, qaamolee walta’iinsaan hojjetanii, gabaa idileen akka dhiyaatu himanii; gara fuulduraattis hanqinicha furuuf tarsiimoon biyyaalessaa qaamolee kanneen hirmaachisu bocamee hojiirra ooleera. Kana boodas hanqinni mudate haala kanaan akka ittihinfufne ta’a jedhaniiru.

Abbaan qabeenyaafi ogeessi Faarmaasii Qiddus Maarqos Obbo Maandafiroo Kabbadaa gamasaaniin, raabsi kondomii baatii lama dura addaan cituu ibsaniiru. Kan raabsus ‘DKT’-Itoophiyaa ta’uu himanii, akka dhiyeessuuf gaafataniis argachuu hindandeenye jedhaniiru.

Guyyaan ‘HIV/Edsii Addunyaa 36ffaan mataduree, “Hoggantummaa hawaasaa ittisa HIV”f jedhuun kaleessa kabajamuun ni yaadatama.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ Hanqina kondomii mudate furuuf kondomiin miliyoona 55 bitame”

  1. Pingback: skyjournals.org
  2. Pingback: slot88

Comments are closed.