“Gaaffii Oromoo karaa guutuun marii biyyaalessaarrtti dhiyeessuuf of qopheessuun barbaachisaadha” – Abbootii Gadaa

Finfinnee: Gaaffii Oromoo karaa guutuufi bilchina qabuun marii biyyaalessaarratti dhiyeessuuf waloomuufi of qopheessuun barbaachisaa ta’uu Abbootiin Gadaa beeksisan.

Walittiqabaan Gamtaa Abbootii Gadaafi Abbaan Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaafi Abbaan Gadaa Tuulamaa duraanii Naggasaa Nagawoo ibsa Kamisa darbe Dhaabbata Pireessii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, qaamotni Oromoo bakka bu’uun marii biyyaalessaarratti hirmaatan gaaffii Oromoo karaa guutuudhaan dhiyeessuuf dursanii waliigaluun barbaachisaadha.

Keessattuu hayyootni siyaasa Oromoo dursa waliigaluun murteessaadha kan jedhan Abbaa Gadaa Warqinaan; ajandaa Oromoon saba guddaa madaaluufi biyyattii keessatti nageenya waaraa fidu qabatanii ba’uun walta’uu gaafata. Kanaafuu, maricharratti dhiyaachuu dura rakkoo keessoo furachuun dhugaafi ajandaa Oromoo karaa guutuun qabatanii dhiyaachuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Marii taasifamuuf jedhurratti gaaffiifi fedhii sabichaa karaa bilchina qabuufi biyya ijaaruun namoota sabicha bakka bu’uu danda’an filachuun, akka saba bal’aatti Oromoon saboota biyyattii faana mari’atee waliigaluun rakkoo tokkummaafi nageenya furuuf murnootni siyaasaa xiyyeeffannaadhaan hojjechuu qabu jedhan.

Oromoon waan mariitti amanuufi mariif bakka guddaa qaba kan jedhan abbaan Gadaa kun; wanti mariin ala ta’u rakkoo biyyaa mitii kan maatiiyyuu akka hinfurre hubachiisaniiru.

Oromoon waldhabdee mudate ‘taateefi galtee’ jechuun bakka lamatti qoodee ilaaluun jaarsummaan fura jedhanii; yakka taatee jechuun yakka ittiyaadamee dalagame yommuu ta’u, yakka galtee jechuun ammoo yakka akka tasaa dalagamu ta’uus ibsaniiru. Namni dhukkubsate mana yaalaa deeme akkuma furmaata argatu biyyi waldhabdeedhaan rakkinatti galtes mariidhaan furmaata argatti jedhaniiru.

Mariin furtuu rakkoo dinagdee, hawaasummaafi siyaasati kan jedhan Abbaa Gadaa Warqinaan, qaamni marii biyyaalessaa keessatti hirmaatu kamuu miira walhimachuu keessaa bahuun miira jaalalaatiin yaada ijaarsaa dhiyeessee maricha milkeessuun akka irraa eegamu dubbataniiru.

Gamtaan Abbootii Gadaa maricha akka carraa guddaatti ilaala jedhanii, gamtichi maricharratti yaada mo’ataa dhiyeessuun hirmaannaasaa akka cimsu ibsaniiru.

Abbaan Gadaa Tuulamaa duraanii Abbaan Gadaa Naggasaa Nagawoo gamasaaniitiin, waliigaluufi waliin jiraachuuf mari’achuun furmaata waaraa ta’uu hubachiisaniiru.

Akka isaan jedhanitti, milkaa’ina marichaatiif qaamotni hirmaatan hundi fedhii ummataa yaada keessa galchuun waan akka biyyaatti sabaafi sablammootni waloon qabanirratti baay’inaan xiyyeeffachuun barbaachisaadha.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “ “Gaaffii Oromoo karaa guutuun marii biyyaalessaarrtti dhiyeessuuf of qopheessuun barbaachisaadha” – Abbootii Gadaa”

  1. Pingback: Diyala Univer

Comments are closed.