Albuudonni yeroo gabaabaa keessatti jireenya namaa jijjiiran Oromiyaa keessa jiru

Dacheen Oromiyaa irraafi jalli qabeenya uumamaan kan badhaate taatus akkataa barbaadameen itti fayyadamuun tajaajilarra oolchuun dinagdeen of ijaaruurratti hojiin hojjetamee jiru quubsaa miti kanamalees galiin barbaadamu argameera jechuun hindanda’amu.

Haata’uutii qabeenya uumamaa dacheen Oromiyaa of keessatti qabattee jirtu keessumattuu albuudonni gatii jabeessi xiyyeeffannoo dhabuusaaniirraa kan ka’e namoota muraasaaf madda galii ta’anii tajaajilaa turaniiru. Gatiinsaanii daran qaalii ta’uun walqabatee seermaleessummaan damee albuudaarratti qaqqabaa jiru daran hammaataadha.

Haata’uutii hiyyummaa dhaloota gadadoof saaxilaa jiru seenaa gochuufi biyyas dinagdeen ceessisuuf damee misooma indastirii albuudaarratti hojjechuun murteessaa ta’uu kallattii mootummaan kaa’e hordofuun hojiilee hojjetamaniin dargaggoonni hojidhabeeyyiis ta’an mootummaan fayyadamaa ta’aa jira.

Tibbana agarsiisni albuudotaa sadarkaa biyyaatti magaalaa Finfinnee galma Barkumeetti kan gaggeeffame yoo ta’u, dhaabbileefi namoonni dhuunfaa hojii misooma albuudaarratti bobbahanii jiran damichi osoo xiyyeeffannoo argate nama dhuunfaarra darbee dinagdee biyyallee ceesisuu keessatti shoora guddaa taphachuu kan danda’u ta’uu ibsu.

Obbo Gaammadaa Warquu Hundeessaafi Gaggeessaa Hojii Waldaa Alergii Albuudaa Waadaaf jedhamu yoo ta’an albuudni misooma dhamaatee ulfaataa qabuufi halkan tokko keessatti biyya jijjiiruu danda’udha; nus kanuma beeknee irratti hojjetaa jirra jedhu.

Bara 2011 kaasanii hojii misooma albuudaarratti kan bobba’an ta’uu ibsanii, albuudota kanneen akka Daloomaaytii, dhagaa cilee, Koopperii, Filooraaytii, Maaykaa, Quwaartiizii garagaraa, Kaalbiinii, Maagnaataaytii, Himaataaytiifi warqee baasuun hojii gurguddaa hojjetaa jiraachuu himu.

Kaampaaniinsaanii kun albuudota baasuun dura meeshaalee teknolojii garagaraa qorannaa albuudaaf oolan galchuun waggaa shan keessatti maallaqa miliyoona 40 ol barbaacha albuudotaaf baasuu kaasu.

Akaakuuwwan albuudaa garagaraarratti eeyyama baafatanii haa hojjetan malee, hamma bakka argama albuudaa hamma qoratamee bira gahamutti dhamaatee guddaa kan gaafatudha.

Isa kanaaf maallaqa humna namaa, teknolojii garagaraafi yeroo dheeraa kan gaafatu yoo ta’u adeemsa qorannaa gaggeeffamuun albuudonni yeroo gabaabaa keessatti biyya jijjiiruu danda’an argamuu akka danda’u himu. Albuudonni kunneen daran gatii jabeessaa yoo ta’an biyyi keenya isa kanaan kan badhaate ta’uu eeranii, haata’u malee itti fayyadamarratti ammallee hojiin guddaa kan ishee eeggatu ta’u eeru.

Kaleessa dheengadda albuudoota Oromiyaa keessa jiraniin dinagdeesaa cimsataa kan ture qaama biraa turuu yaadatanii, sun hundi hafee dhalataan qe’eesatti misoomsee fayyadamummaasaa mirkaneessuu eegaluun kan nama gammachiisu ta’uu ibsu.

Dhaabbileefi namoonni dhuunfaa karaa seera qabeessaa misooma albuudotaarratti bobbahanii faayidaa mataasaaniifi kan biyyasaanii kabachiisaa jiran akkuma jiran alseeronni daldala albuudaa seeraan alaarratti bobba’animmoo misooma damichaaf yaaddoo ta’uus ni kaasu.

Seermaleessummaan misooma albuudota gatii jabeessarratti qaqqaabaa jiru egeree dhalootaafi biyyaarratti miidhaa kan qaqqabsiisu waan ta’eef irratti hojjetamuu akka qabullee Obbo Gammadaan kaasu.

Bakka dargaggoonni hojidhabdummaan rakkataa jiranitti daldala seeraan alaa albuudarratti raawwatamaa jiruun galiin biyyaa miliqu, rakkoon qulqullinaafi samichi mudataa jiru olaanaadha.

Hojiin albuuda barbaaduu, albuuda baasuufi gabaa alergiif dhiyeessuu hojii faayinaansii, teknolojiifi dhamaatee hedduu kan gaafatu yoo ta’u, albuudonni yeroo gabaabaa keessatti biyya jijjiiruu danda’an argamuu danda’u.

Jiraachuun albuuda tokkoo yeroo dheeraafi baasii olaanaa gaafachuu danda’u kun hundi obsa barbaada; argamuunsaa yoo mirkanaa’e garuu bu’aan dhamaateesaa quufsaa ta’uu danda’a jedhu Obbo Gammadaan.

Dhaabbannisaanii bara kana dhagaa cilee alatti erguuf haalduree jiru xumuruu yoo kan himan Obbo Gammadaan, baasii Itoophiyaan kanaan dura dhagaa cilee alarraa galchuuf baastu kan baraaru ta’uullee yaadachiisaniiru.

Akka ibsasaaniitti, kanaan dura Itoophiyaan dhagaa cilee alarraa galchuuf waggaa waggaan doolaara miliyoona kuma 300 ol baasaa kan turte yoo ta’u, amma garuu biyya keessatti misoomsuun fedhii biyya keessaa guutuurra darbuun gabaa alergiif dhiyeessuuf qophiin xumurameera.

Yeroo muraasa booda dhaabbilee dhagaa cilee alatti ergan keessaa dhaabbanisaanii isa tokko akka ta’u ibsanii, albuudoota biroorrattis albuudoonni biroo alergiif qophaahoo ta’an hedduu ta’uu ibsu.

Misoomni albuudaa kun carraa hojii kan uume,sharafa alaa kan argamsiisu dinagdeenis nama dhuunfaa fi mootumma kan cimsu ta’us dachee keenya albuudaalee kanaan badhaadhe haalaan itti fayyadamuun barbaachisaadha.

Dhaabbannisaanii ofiif qofa kan hinhojjennedha kan jedhan Obbo Gammadaan hojidhabeeyyii hedduuf carraa hojii dhaabbiifi yeroo banuun miira ofitti amanamummaa akka qabaatan muuxannoo misooma albuudaas akka horatan taasisaa jiraachuu himu.

Kunimmoo kan jajjabeeffamuu malu ta’uufi mootummaan rakkoo hojidhabdummaa dinagdee biyyaan walqabatee dhaloota qoraa jiru qofaasaa furuu waan hindandeenyeef hirmaannaan dhaabbilee dhuunfaa akkasiifi kan abbootii qabeenyaa misooma albuudaarratti bobba’anii jiran murteessaa ta’uusaaf agarsiistuu akka ta’u eeru.

Hubannaa dhabuu keenyarraa kan ka’e qabeenyonni uumamaa keenya albuudonni gatii jabeessi bultii jaldeessaa ta’uun nus bira teenyee beela’aa turre kan jedhummoo Dargaggoo Dassaalany Gammadaati.

Dargaggoon kun Godina Gujii, Aanaa Ardaa Waayyuurraa kan dhufe yoo ta’u albuudota hedduu biyyattiin abdurratti hubannoo dhabuun yeroo dheeraaf bakka bultii faayidaa barbaadamurra oolaa hinturre jedha.

Mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufuun as lammiileen biyya alaa albuudota biyyattii saamaa turan maqfamanii dhaloonni itti fayyadamuun biyyasaas akka fayyadu taasisuusaan jijjiiramni gurguddaa galmaa’eera.

“Toorri xiyyeeffannoo mootummaan misooma albudaarratti qabuufi dargaggoota fayyaduu danda’u qabatee ka’e har’a anaafi hiriyyootakoo dinagdeen cimsaa jira. Kunoo har’a qofaasaa dhaabbata misoomaafi alergii albuudaa Ardaa Sabbaa jedhu hundeessuun dinagdeekoo jabeessaan jira. Godina Gujii keessa albuudota gatii jabeessi akka Daloomaaytii, Warqee Giraanaaytiifi kan biroo nama dhuunfaa miti biyya kana jijjiiruu danda’an hedduudha. Haata’uutii teknolojii ammayyaan fayyadamuun ofis ta’e biyya ofii dinagdeen jabeessuuf ammallee dhimma xiyyeeffannoo barbaadudha” jedha.

Itti fayyadamni teknolojii albuudota kannneen ittiin barbaadan ammallee hanqina kan qabu waan ta’eef gama kanaan mootummaan hojjechuu qaba yaada jedhu kaaseera.

Akka inni jedhutti, Oromiyaa keessa albuudni jiru hedduudha; biyya kanaafis bu’aa guddaa buusuu kan danda’udha. Ta’us, alseerummaan gama kanaan qaqqabu faayidaa namoota muraasaa qofa kan milkeessu, dinagdee biyyaa kan miidhu waan ta’eef hordoffiifi deggarsi waalirraa hincinne taasifamuun barbaachisaadha.

Misooma albuudaaf xiyyeeffannoo laachuun dinagdee dhaabbileefi namoota dhuunfaa ijaaruun alatti rakkoo hojidhabdummaa hudhaa biyyaa ta’e furuu keessattis bakka olaanaa kan qabudha.

Dacheen Oromiyaa kuufama albuudota akaakuuwwan garagaraan kan haaguugame yoo ta’u, qabeenya uumamaa kana teknolojii ammayyaafi qulqullina qabutti fayyadamuun seera qabeessaan misoomsuun biyya badhaate ijaaruun barbaachisaa ta’uu hima.

Walumaagalatti, dacheen Oromiyaa qabeenya albuudota gatii jabeessaan daran kan guutte yoo taatu teknolojii ammayyaafi sirnaan misoomsuun namoota dhuunfaa, dhabbileefi biyya ofii badhadhinatti ceesisuuf hunduu tumsuu qaba.

Tumsi taasifamu kunis abbootiin qabeenyaafi diyaaspooraan deggarsa fayinaansiifi dhiyeessii teknolojiin deggaruu, mootummaan alseerummaa damicharratti qaqqabaa jiru to’achuun hayyoonni deggarsa ogummaa taasisuun dhaloota sarara hiyyummaa jala jiru harka qabnee olkaasuun Oromiyaafi Itoophiyaa badhaate ijaaruun barbaachisaadha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016

Recommended For You

6 Comments to “ Albuudonni yeroo gabaabaa keessatti jireenya namaa jijjiiran Oromiyaa keessa jiru”

  1. Pingback: Racial segregation
  2. Pingback: mjm789

Comments are closed.