Finfinnee: Waraana kutaa biyyattii garaagaraatti adeemsifameefi adeemsifamaa jiru dabalatee, rakkooleen biyyattii hudhan hundi madda sirna hannaafi saamichaa jabaa diriiree ture ta’uu Raawwachiisaan Dhaabbata Itiyoo-Injinariingii Giruuppii Itoophiyaa Ambaasaaddar Sulemaan Daddafoo ibsan.
Ambaasaaddar Sulemaan Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Dhaabbata Itiyoo-Injinariingii Giruuppii kan bara ADWUI “METEC” jedhamaa ture keessaa anga’ootni yeroosii qarshii biliyoona 65 saamuun achi buuteesaa dhabamsiisaniiru.
Mootummaan jijjiiramaa dhaabbata kufe deebisee ijaaruu maddiitti qarshii namoota dhuunfaan qisaaseffame miixatee idaa kaffalaa jira. Sirni hannaafi saamichaa jabaan bara sana diriire dhalee kan darbe idaa maallaqaa qofa osoo hintaane, murni saamichaa biyya balleessuuf wixxirfatu hedduudha.
Odiitii dhaabbaticharratti taasifameen bara 2002 hanga bara 2012tti maallaqni qisaasame qarshii biliyoona 65 yoo ta’u, maallaqni kun waraqaarra malee eessa akka jiru dhabamuusaan ala idaa kana kaffaluunis humna dhaabbatichaa ol ta’uusaatiin idichi mootummaaf dhiyaatee akka haqamu taasifameera.
Ta’us dhaabbileen maallaqni kun irraa guurame hanga har’aatti akkuma himata bananitti jiru. Namootni maallaqa kana qisaasessan kaan hidhamanii, kaan ammoo biyyaa ba’aniiru. Maallaqichis biyya biyyaa baafamuu yaadachiisaniiru.
Akka isaan jedhanitti, sirni ADWUI badus barumsa malee ragaa qabachuuf, filannoo malee humnaan aangoo qabachuuf, sababa saamichaaf waraana banuun, dhamaatii malee qaxxaamuraan duroomuuf carraaqqiin taasifamu hundi sirna hamaa yeroo sana diriireefi hundeen hinbuqqaanedha. Sababa malee fincila kaasuun galmisaa aangoo qabatanii biyya saamuudha. Maallaqa saamuun rakkoo tokko ta’ee ala kuufachuun rakkoo isa birooti.
Mootummaan jijjiiramaa kun dhimmoota hedduu gangalataa dhufaniifi ajandaa hattootni uumaniin malaammaltummaarratti haala barbaadameen xiyyeeffachuu dhabuu yaadachiisanii; gochaafi ilaalchi hannaafi saamichaa gabbachuun bifa aadaa ummata biyyattii hinmadaalleen har’a saamichi waajjiraalee keessaa qofa osoo hintaane hanniifi waliin dha’uun tilmaamaa ol ta’uu ibsaniiru.
Hannaafi saamicha madda rakkoo biyyattii ta’e kana maqsuun duula jabaa hawaasa bal’aa hirmaachise taasisuunis barbaachisaadha jedhaniiru.
Bara ADWUI seera olitti qarshiin biliyoonaan lakkaa’amu namoota dhuunfaan kan itti qisaaseffamaa ture Korporeeshiniin Sibiilaa Itoophiyaa (METEC) jijjiiramaa as rifoormii haaraan maqaa Itiyoo-Injinariingi Giruup jedhuun hojii eegaluu himanii; ammaan tana industiriiwwan konkolaataa warshaalan, tiraaktara omishan, maashinota ijaarsaafaa omishan sagaliifi warshaalee 30 ol qabatee ce’umsa teknolojii finiinsaa jiraachuu dubbataniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016
5 Comments to ““Waraana adeemsifamaa jiru dabalatee sirna saamichaa diriireen biyyi gatii kaffalaa jirti” -Ambaasaaddar Sulemaan Daddafoo”
Comments are closed.