Adaamaa: Sirni nyaataa sirrii hintaane (malnutrition) lammiilee quucarummaa, qancarummaafi huqqinaafi ulfaatiinaan gadiif saaxiluun omishaafi omishtummaa biyyaa akka hinguddanne, lammii fayyaqabeessi akka hinjiraanne taasisuun miidhaa geesisaa jira.
Akka qorannoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaa mul’isutti, rakkoon kun keessumaa daa’immanirratti miidhaa geesisaa kan jiru yoo ta’u, biyyoota hinguddanne keessatti ammoo rakkoonsaa hammaataadha. Daa’imman addunyaa sadii keessaa quucarummaaf, sadii keessaa lama huqqinaaf akkasumas sadii keessaa lama ammoo rakkoo ulfaatinaa gadiif ni saaxilamu.
Akka Itoophiyaattis qorannoon daa’imman waggaa shanii gadiirratti ALA bara 2000 hanga 2019tti taasifame akka agarsiisutti, quucarummaan %51 irraa %31tti, huqqinni %12 irraa gara torbaatti, ulfaatinaa gadi %33 irraa gara 21tti hir’ateera. Akka Oromiyaatti ammoo quucarummaan %52 irraa gara % 35tti, huqqinni %10 irraa gara afuriittiifi ulfaatinaa gadi %42 irraa gara 16tti hir’iseera. Qorannoo dhihoo bara 2023tiin garuu keessumaa qucarummaan dabalee %39 irra jira.
Dhimma kanarratti Biiroon Fayyaa Oromiyaa (BFO) Roobiifi Kamisa darbe ogeessota miidiyaaf leenjii kenneera. Leenjicharratti barreeffama marii kan dhiheessan Dursaan Garee Sirna Nyaataa biirichaa Obbo Abarraa Daggafaa akka jedhanitti, rakkoon sadarkaa addunyaatti mul’atu tumsa qaamolee hundaatiin yoo furamuu baate rakkoon qaqqabsiisu olaanaadha.
Lakkoofsonni eeramanis yommuu dhibbantaadhaan ta’an xiqqoo fakkaatanis olaanaa ta’uu kaasanii, Oromiyaa qofatti daa’imman miliyoona 2.4 quucarummaaf saaxilamoo ta’uu dubbatu. Kunimmoo furamuu kan danda’u hojii seektarri fayyaa qofti hojjetuun waan hintaaneef kana hubachiisuu keessatti ammoo gaheen miidiyaa olaanaa ta’uu eeraniiru.
Dhaabbata ‘UNICEF’ damee Oromiyaa bakka bu’uun waraqaa marii kan dhiheessan Aadde Ribqaa Dammallaash gamasaaniin, biyya sirni nyaataa sirriin hinjirretti guddina hawaas dinagdee dubbachuufi yaaduun rakkisaa ta’uu eeranii, dhimmi kun xiyyeeffannaa olaanaadhaan yoo hojjetame malee dhiibbaa inni qaqqabsiisu damdaneessa ta’uu dubbatu.
Wayita ammaa akka biyyaatti quucarummaan %39, huqqinni %11, ulfaatinaa gadi %22 dabalataan ammoo ulfaatinni garmalee dhibbantaa ja’arra jiraachuu himanii, kanneen sirreessuun lammiileen jireenya gaarii akka jiraatan, guddinni biyyaa akka mirkanaa’u, omishaafi omistummaan akka dabaluuf shoora olaanaa waan qabuuf hojiin hubannoo uumuu miidiyaan hojjetu cimee ittifufuu akka qabu ibsu.
Keessumaa rakkoon kun daa’immaniifi haadholiirratti kan hammaatu ta’uusaatiin, haadholiin yeroo ulfaa’an irraa kaasee hanga daa’imni dhalatee waggaa lama guututti guyyoota 1000 jiran kunuunsa barbaachisu argachuu akka qaban kaasu.
Kunis haadholiin yommuu ulfaa’an nyaata manumaa qaban wahiyyoo (elements) isaa eeggachuun hamma dura nyaatan irraa tokko dabalachuun soorachuu, erga da’aniis daa’imman hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa qofa hoosisuufi ji’a ja’aan booda nyaata madaalamaa daa’immansaanii akka sooraniif hojiin barsiisuu cimee ittifufuu akka qabu hubachiisu.
Ogeeyyiin miidiyaa leenjicharratti hirmaatan tokko tokko yaada nuu kennaniin, leenjiin hubannoo uumuu akkanaa qophaa’uun gaarii ta’uufi ittifufiinsaan hojjetamuu akka qabu dubbatu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016
4 Comments to “ Sirna nyaataa sirrii hintaane: Ammallee dhimma xiyyeeffannaa cimaa barbaadu”
Comments are closed.