“Qabeenya albuudaa Itoophiyaan qabdu misoomsinee biyya feeyyofte dhaloota dhufuuf dabarsuu qabna” -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: Itoophiyaan qabeenya albuudaatiin biyya badhaateedha, qabeenya kana misoomsinee dhaloota dhufuuf biyya feeyyofte dabarsuu qabna jedhan ministira muummee Doktar Abiyyi Ahmad. Guddina dinagdee yaadame milkeessuuf sirni to’annoofi hordoffii cimaa diriirsuun dirqama ta’uus eeran.

Doktar Abiyyi kaleessa wayita eksipoo albuudaafi teknolojii guyyoota shaniif turu galma Barkumeetti banan akka jedhanitti, eksipoon albuudaafi teknolojii qabeenya albuudaa Itoophiyaa agarsiisuun invastimantii damee kanaan jiru nidadammaqsa.

Gama biraatiin guddina dinagdee bara 2016 yaadame milkeessuuf sirni to’annoofi hordoffii jabaan kan diriiru ta’uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad hubachiisan.

Doktar Abiyyi kana kan hubachiisan gamaggama raawwii hojii ji’oota sadan darbanii Mana Maree Ministeerotaa waliin Kibxata darbe taasisanirratti.

Guddinni dinagdee bara kana galmeessuuf yaadame kan bara darbeen yommuu walbira qabamu olaanaa waan ta’eef galma ga’iinsasaaf sirna to’annoofi hordoffii cimaa diriirsuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Gamaggama rawwii hojii guyyoota 100 kana xumuruun marii bal’aan erga adeemsifameen booda raawwiifi hojimaatni sadarka sadarkaan jiru hubachuuf gara naannoleettis imalli akka taasifamu ibsanii; sirna to’annoofi hordoffii jabaan ala guddina akka biyyaatti qabame mirkaneessuun rakkisaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to ““Qabeenya albuudaa Itoophiyaan qabdu misoomsinee biyya feeyyofte dhaloota dhufuuf dabarsuu qabna” -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)”

  1. Pingback: naga356
  2. Pingback: Jaxx Liberty

Comments are closed.