Oromiyaan hidha Laga Abbayyaatiif qarshii biliyoona 1.2 ol sassaabuufi

Finfinnee: Oromiyaan gutiinsa bishaanii marsaa 4ffaa Hidha Laga Abbayyaaf barana qarshii biliyoona 1.2 ol sassaabuuf karoorfachuu Manni Maree Qindeessa Hirmaannaa Ummataa Damee Oromiyaa ibse.

Manni Marichaa Kamisa darbe mataduree “Waadaa keenya ni haaressina” jedhuun waltajjiin sosochii galii sassaabuu adeemsiseera. Sosochichaan guutiinsa bishaanii marsaa 4ffaa kun Onkoloolessa 1 bara 2016 irraa kaasee hanga Sadaasaa 30 bara 2016tti akka turu himameera.

Pirezidaantii ittaanaafi walittiqabaan mana marichaa Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii waltajjii marichaarratti haasawaa taasisaniin, hirmaannaan ummataa ijaarsa Hidha Laga Abbayyaa milkeessuuf shoora olaanaa taphateera. Hirmaannaa ummataa hoggansa bilchina qabuun gaggeeffammuun naannichatti hojiin nageenyaafi misoomaa mirkaneessaa jira.

Keessumaa ijaarsi Hidha Laga Abbayyaa adda citee ture sadarkaa amma jirurra akka ga’u taasiseera jedhanii; hirmaannaa ummata naannichaan ijaarsa Hidha kanaaf qarshii biliyoona 1.8 (dhibbantaa 184 ) gumaachuu yaadachiisaniiru.

Bu’aa Hidhichi guddina biyyaaf qabu hubachuun keessaafi alaan duula dippilomaasiifi miidiyaa cimaa taasifameen hirmaannaa olaanaa ummataan Hidhicha sadarkaa amma jirurraan ga’uu eeranii; xumura Hidha kanaaf akkuma duraa qaamni hawaasaa hundi tumsa barbaachisu akka godhuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaasatera Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulaakiim Muluu gamasaaniin, ijaarsi Hidha Laga Abbayyaa mirga qabeenya keenyatti fayyadamuu kan mirkaneesseef siidaa sabaafi sablammootaafi Ummattoota biyyattii ta’uu caqasanii; ummatni naannichaa hirmaannaa taasiseen hidhichi sadarkaa amma jirurra ga’eera. Ammas gara fuulduraatti hirmaannaa ummatta naannichaa muuxannoo horatamerraa giddugaleeffachuun akka ittifufu dhaamaniiru.

Waajjira Pirojektii Qindeessaa Hirmaanna Ummataa Hidha Abbayyaa Damee Oromiyaatti ogeessi midiyaafi kominikeeshinii Obbo Taammiruu Tolaa gabaasa raawwii hirmaannaa ummata naannichaa kan bara 2015 dhiyeessaniin, boondiin qarshii biliyoona 1.5, kennaan qarshii miliyoona 93.2, karaa ergaa gabaabaa 8100 qarshii miliyoona 167 hirmaannaa ummataan sassabbamuu yaadachiisaniiru.

Waajjirichatti Dursaan Garee Karooraa Obbo Taammiruu Garramuu karoora sassaabbiin galii Hidha Abbayyaa bara 2016 godinaalee, magaalotaa, biirolee, dhaabbilee misoomaafi barnoota olaanaa, abbootii qabeenyaa maricharratti argamaniif ibsaniiru. Karoorri dhiyaates akka haala qabatamaa naannawaasaaniitti karoorfatanii akka hojiirra olchaniif kan gargaaru ta’uu hubachiisaniru.

Pirezidaantiin Yunivarsiitii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Doktar Garramuu Hulluuqaa yaada kennaniin Hidhi Abbayyaa mallattoo eenyummaa hunda keenyaa waan ta’eef hanga humni yunivarsiitii danda’etti himaannaa akka taasisan ibsaniiru. Godina Arsii Lixaatti Yuuniyeenii Utaa Waayyuu haaluma walfakkaatuun gumaachasaanii ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Oromiyaan hidha Laga Abbayyaatiif qarshii biliyoona 1.2 ol sassaabuufi”

  1. Pingback: promo code

Comments are closed.