Naannoo Sidaamaatti kitaabileen barnootaa kutaa 12ffaa kuma 300 raabsamaa jiru

Finfinnee: Hanqina kitaabilee barnootaa kutaa 12ffaa naannoo Sidaamaa mudate furuuf kitaabileen kuma 300 raabsamaa jiraachuu Biroon Barnoota Naannichaa ibse. Barana barattoota miliyoona 1.3n baruufi barsiisuun adeemsifamaa jiraachuunis himameera.

Pirezidaantii Ittaanaafi Hogganaan Biiroo Barnoota Naannichaa Obbo Bayyanaa Baraasaa Robii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiaaf akka ibsanitti, naannichatti hanqina kitaabilee barnootaa mudate furuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hanqinni mudates sirna barnoota haaraan walqabatee harkifannaa maxxansaa uumameen ta’uufi kunis baatii tokkoof rakkoo uumuus dubbataniiru.

Baasiin maxxansa kitaabileef barbaachisuufi fedhiin kitaabilee naannichaa walsimuu dhabuun rakkoo biraa akka ta’e eeranii, Biirichi hanqinoota mul’atan kanneen furuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraachuufi hojii hanga ammaatti hojjetameen raabsii kitaabileen barnoota kutaa 1-8 miliyoona 108 aanaalee hundaatti raabsamuu himu.

Maxxansa kitaabileen walqabatee fedhiifi baasiin maxxansaa walsimuu dhabuun reeshoo baay’ina barataafi kitaabilee kan walhinsimne ta’us akka hojii baruufi barsiisuu hingufachiifnetti hanqina jiru duraa duubaan guutaa hojii baruufi barsiisuu akka ittifufusi dubbataniiru.

Hirmaannan barattootaa barana kan bara darbeen yommuu waliin walbira qabamu gadi bu’aa ta’uu kaasanii, ta’us barattoota miliyoona 1.3 barnootarra jiru.

Haala walfakkaatuun kufaatii barattoota kutaa12ffaa akka biyyaatti mul’ate hambisuuf naannichi xiyyeeffannoo itti kennuun hojjetaa jiraachuu kan himan Obbo Bayyanaan, kufaatiin sadarkaa biyyaatti mul’ate kunis yeroo gabaabaa keessatti kan ta’e osoo hintaane rakkoo yeroo dheeraa ta’uu eeranii, bara darberraa eegaluun maatii barataa, barataa, barsiisaafi hoggansa barnootaa waliin marii bal’aan gaggeeeffamee hojiitti galameera. Kufaatii kana hambisuuf barnoota sadarkaa tokkoffaa duraarraa eegalee hojii bal’aa hojjechuuf pirojekiitiin bocamee hojiitti seenamuu ibsu.

Hawaasin hojii fooyyessa manneen barnootaa keessatti hirmaannaasaa cimsee ittifufuu akka qabuufi barattoonnis meeshaalee barnootaa dhiyaateef qixa sirriin fayyadamuu akka qaban dhaamaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Naannoo Sidaamaatti kitaabileen barnootaa kutaa 12ffaa kuma 300 raabsamaa jiru”

  1. Pingback: Alon Alexander

Comments are closed.