Fiigichi Maaraatoonii Riilee 19ffaa har’a Magaalaa Maqaleetti gaggeeffama

Finfinnee: Fiigichi Maaraatoonii Riilee 19ffaan har’a Magaalaa Maqaleetti akka gaggeeffamu Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beeksise. Yaa’iin waliigalaa federeeshiniichaa 27ffaanis ni gaggeeffama.

Hogganaan waajjira federeeshinichaa, Obbo Yohaannis Ingidaa dorgommii kanarratti atileetonni kilabootaafi naannolee bakka bu’an akka hirmaatan himanii, dorgommicharratti atileetonni ja’a kilabii ykn naannoo tokko irraa kan hirmaatan ta’uus ibsaniiru.

Dorgomtoota korniyaa lamaaninuu injifataniifis sadarkaa tokkoffaaf badhaasni qarshii kuma 40, sadarkaa 2ffaaf qarshii kuma 20, sadarkaa 3ffaaf ammoo qarshii kuma 15 qophaa’uus eeraniiru.

Maraatooniin Riilee Itoophiyaa 18ffaa bara 2015 gageeffameefi yaa’iin waliigalaa waggaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa magaalaa Samaraatti gaggeeffamuun ni yaadatama.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Fiigichi Maaraatoonii Riilee 19ffaa har’a Magaalaa Maqaleetti gaggeeffama”

Comments are closed.