“Federeeshiniin Biskileetii magaalaa Jimmaa hundaa’e seenaa Jimmaa kan haaressuudha” -Obbo Ahmad Abbaamaccaa

Finfinnee: Ga’umsa ispoortii biskileetiitiin magaalaan Jimmaa seenaa keessatti qabdu deebisuuf Federeeshiniin Biskileetii Magaalaa Jimmaa hundaa’uu Waajjirri Dargaggootaafi Ispoortii Magaalaa Jimmaa beeksisan.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Ahmad Abbaamaccaa ibsa addatti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, magaalaan Jimmaa bara 60moota keessaa kaasee ispoortii biskileetiiiin beekamaadha. Haata’uutii deemsa keessa xiyyeeffannoon kennamu laafaa dhufeera. Ga’umsa ture deebisuufis ispoortii biskileetii irra deebiin hundeessuu akka barbaachisu murtaa’e.

Haaluma kanaan Federeeshinii Biskileetii Magaalaa Jimmaa pirezIdaantiidhaan hogganamu hundeessuu eeranii, seenaan magaalittii duraanii haara’ee misoomni ispoortii biskileettii addaan citee ture bakkatti akka deebi’u hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Misoomni ispoortii biskileettii kun korniyaan akka hindaangofneef dadammaqinsa taasisaa jiraachuu himanii, hundeeffama Federeeshinii Biskileetii Magaalaa Jimmaa sababeeffachuunis dorgommiin biskileetii akka magaalichaatti gaggeffamuu ibsaniiru.

Sochiin misooma ispoortii biskileetii kun akka milkaa’uuf deggarsi mootummaa qofa gahaa miti kan jedhan Obbo Ahmad, hawaasni jaalala ispoortii biskileetiifi quuqamasaa qabu biyya alaafi keessa jiru deggarsa barbaachisu akka taasisuu dhaamaniiru.

Sochii amma misooma ispoortii biskileettiin jalqabaniin magaalaan Jimmaa sadarkaa addunyaatti dorgomtoota maqaa biyyasaanii waamsisan horachuu akka dandeessu himanii, magaalaan Jimmaa Federeeshinii Biskileettii Magaalaa Jimmaa hundeessuun ala sochiin misooma ispoortii waliigalaa akka cimuuf xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jiraachuu dubbatu.

Keessumaa guddattoota ispoortii garagaraatiin maqaa biyyasaanii waamsisuu danda’an horachuuf leenjistoota ga’umsa qaban ramaduun dhaloota ispoortii gara garaan ijaarame babal’isaa akka jiranis beeksisaniiru. Hawaasnis kana beekee ispoortiif xiyyeffannoo akka kennus dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ “Federeeshiniin Biskileetii magaalaa Jimmaa hundaa’e seenaa Jimmaa kan haaressuudha” -Obbo Ahmad Abbaamaccaa”

  1. Pingback: ignite vape

Comments are closed.